Murad Mamasiraj

Murad Mamasiraj Teacher at Nedi Gibe woreda primary School.

Atileetota Maaraatoonirra Jiraniif Akkuma Jarakanaa Injifannoo Hawwinaaf !!
27/08/2023

Atileetota Maaraatoonirra Jiraniif Akkuma Jarakanaa Injifannoo Hawwinaaf !!

03/09/2022

YEROO HAATI MANAAKEE GARAATTI BAATTU AKKAMIIN KUNUUNSITAA?
1. Akkuma ulfaa'uu ishii barteen akka gammachuun guddaan sitti dhaga'ame itti himi. Tarii karoora kee malee dhufe ta'a; garuu
karoora rabbii malee hin dhufne. Accept it!
2. Danda'aa ta'i. Haati manaakee yoo ulfooftu amalli ishii ni jijjiirama. Gaafii ni gammaddi; gaafii immoo sababuma malee lafaa
katee boossi. Kana kan fidu hoormoonii qaama ishii keessaa jijjiiramu malee rakkoo ishii miti.
3. Akka ofii kee garaatti baatteetti jiraadhu. Kana jechuun fkn yoo dooktarri ishii buna hin dhugiin jedheera ta'e atis waliin dhiisi. Bira
teessee dhugdee akka itti dhaga'amu hin godhiin. Alkoolii, fi kkf illlee akkasuma.
4. Gara mana yaalaa yoo ishiin deemtu yeroo hunda waliin deemi.Uumaa rabbii ta'ee ishiin garaatti baatte malee mucaan gaafa
dhalatu qixxeedha. Waan salphaa miti kun hedduu sitti gammaddi.
5. Akkuma dur yeroo hin ulfaa'iinii sana akka ishiin bareeddu itti himi. Yoo ulfooftu haati manaakee qaamaan kan duraa irraa
baay'ee jijjiiramti. Kanaaf jecha akka iji kee ammallee ishii irra jiru, akka sitti bareeddu beekuu barbaaddi. Sin gaafattu, utuma ishiin
sin gaafatiin itti himi.
6. Yoo dhukkubaatti cinaa dhaabadhu. Dubartoonni ulfaa 75% kan ta'an morning sickness ni dhukkubsatu. Nyaanni yoo nyaatan garaa hin taa'u oldeebi'a. Atimmoo zinjibila danfisii kenniif.
WE ARE RESPONSIBLE TO MAKE HAPPY FAMILY!
"Deessuun qananiidha"
Galatooma horaa bulaa.

23/08/2022

ILKAAN KEENYA AKKAMITTIIN RIGANNA LAATA?
Malli/Seerri rigannaa ilkaaanii akkaataa mataa isaa danda’e qaba. Kunis, irgi ilkaanii keenya akka hin hubamneef akkasumas, qulqullina ilkaan keenyaa sirriitti akka eegamuuf kan nu gargaarudha. Guyyaa tokko keessattis si’a lama (2) ilkaan keenya qulqulleessuun barbaachisaadha. Kanaaf, ilkaan keenya gaafa rigannu kan armaan gadii kana hordofuun faayidaa nii qabaata.
1. Nyaata nyaannee erga xumurree booda, ilkaan gidduutti wantoota hafan ilkaan gidduudhaa baasuu (fkn Haanxaa qulqullina qabu fayyadamuun).
2. Rigaa ilkaanii kan mukarraa qophaa’us ta’e kan ammayyaa ‘brush’ fayyadamuun ilkaan keenya rigachuu. Gaafa rigannus, ilkaan gara olii jiran irra keessaa gara gadiitti akkasumas kan gara gadii jiranis jalaa gara oliitti rigachuu qabna. Kunis qulqullina ilkaanii irratti dabalataan irgi ilkaanii keenya akka hin miidhamneef fayyada.
3. Rigaa ilkaanii ammayyaa ji’a sadi sadiin jijjiiruu qabna.
4. Ilkaan keenya yeroo rigannus, yoo xiqqaate daqiiqaa lamaaf (2) rigachuu qabna.
5. Ilkaan hundumaa, keessumaa lafa irgi ilkaanii fi ilkaanni keenya itti wal argu sirriitti rigachuu qabna.
6. Rigaa ilkaanii kan qulqulleessituu arrabaa qaban fayyadamuun arraba keenya qulqulleessuu.
7. Yeroo kuduraalee asiidummaa of keessaa qaban kan akka Burtukaanaa fi Loomii nyaannee xumurru ilkaan keenya daqiiqaa dheeraadhaaf (fkn daqiiqaa 30) rigachuun nurra HIN jiraatu!
*
Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsa Yonas.

20/08/2022

Address

Jimma

Telephone

+251907071974

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Murad Mamasiraj posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category