Takilu Alamayo

Takilu Alamayo Yes!

Jabaa namaa!
13/05/2026

Jabaa namaa!

Happy mother's day!
10/05/2026

Happy mother's day!

"Wal'aansi qe'ee keenyatti ta'uu qaba; kana ammoo yommuu Itoophiyaanonni amanan nita'a"- Komishinar Lalisee Dhugaa* Faaw...
15/04/2026

"Wal'aansi qe'ee keenyatti ta'uu qaba; kana ammoo yommuu Itoophiyaanonni amanan nita'a"
- Komishinar Lalisee Dhugaa
* Faawundeeshinii kaansarii hundeessan hojii jalqabsiisaniiru
**************
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Yommuu waa'een turizimii Oromiyaa ka'u sammuu hunda keenyaa keessa dubartii miidhagduu, diimtuu, dheertuu, qajjisi rifeensashee ija nama hawwatuufi kokkolfiituutu dhufa.

Dubartiin Finfinneetti dhalattee guddatte, sabboonummaan irraa calaqqisu tun dhaadhannoo 'Visit Oromia' jedhuun Oromiyaa kaartaa turizimii addunyaarra kaa'uuf waa'illan ishee waliin halkanii guyyaa dhama'aa turte.

Jabduun akka qaroo ijaatti hundi ilaalu garuu ji'oota sagal dura oduu maatiifi jaalattootashee darbees namoota fagootti isheen beekan rifaasise miidiyaa hawaasaarratti qoodde; dhibee kaansarii tiruu sadarkaa afuraffaaf qabamuushee ibsite.

Yeroo sanarraa kaasee maatii, waa'illan, hiriyyootasheerraa fagaattee biyya Joordaan Amaanitti wal'aanamaa turte. Wal'aansa cimaafi ulfaataa jiloota sagalii erga taasisteen booda guutuutti fayyitee ji'a tokkoon dura biyyasheetti deebite.

Dubartiin durumaa waa'eeshee qofaaf hinjiraanne Laliseen dhukkuba cimaa sana keessatti kitaaba barreessaa turte.

Isa qofa osoo hintaane biyyaafi qe'ee ofiirraa fagaatanii bakka maatiin ofii hinjirreetti yaalamuun kan keessashee madeesse tun, yaada gaarii qabattee biyyasheetti deebite.

Guyyaa har'aas bakka maatii, hiriyyoonni, firoonniifi jaalattoonni ishee jiranitti guyyaa galateeffannaa qopheessuun, Faawundeeshinii Kaansarii 'Brave Heart of Ethiopia' jedhu qarshii wal'aansarraa hafe kuma 500 itti baasuun hundeessanii ifatti hojii jalqabsiisaniiru.

Sirnicharratti haasaa kan taasisan Komishinar Laliseen, imala cimaa kana dandamachuu kan danda'an jaalala namoonni kennaniif waan isaan onnachiise ta'uu himanii, namoonni amantii gargaraa qaban afaan tokkoon waa'eesaanii yommuu Waaqa kadhataniifi hawwii gaarii ibsaniif arguun daran isaan jajjabeessuu himu.

Wal'aansa ulfaataa kaansarii yommuu taasisan hunda caalaa kan isaan miidhe biyya ofiirraa fagaatanii biyya ormaa keessa, gamoo guddaa kutaa bal'aa qabu keessa qofaa ta'uu akka ture himu.

"Wal'aansi qe'ee keenyatti ta'uu qaba. Kanammoo Itoophiyaanoonni ni ta'a jechuu qabu. Akkuma waltaanee hidha haaromsaa milkeessine wiirtuun wal'aansa kaansarii guddaa biyya keenyatti akka ijaaramuuf tumsuu qabna.

Faawundeeshinii kanas kan hundeessine kanaafi. Yaadni kun akka dhugoomuuf ammoo hunduu tumsuu qabu" jedhu.

Ministir De'eetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa gamasaaniin haasaa taasisanin, Aadde Laliseen fakkeenya ciminaa ta'uu kaasanii, dhukkubni kaansarii kan nama tokkoo qofa akka hintaaneefi rakkoo fayyaa qofa osoo hintaane gaaga'ama waa hundaa ta'uu ibsaniiru.

Dhukkubicha ittisuufi hojiin wal'aansasaa mootummaa qofaan milkaa'uu akka dandeenye kaasanii, jalqabbiiwwan muraasa jiraniifi fedhii olaanaa wiirtuu kaansarii guddaa ijaaruuf jiru tumsuun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Faawundeeshiniin Komishinar Laliseen hundeessanis turizimii damee fayyaa mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjetu kan tumsu ta'uusaatiin deggarsi barbaachisu akka taasifamu ibsu.

Faawundeeshinichas lammiileen hundi akka tumsan gaafatan

18/02/2026
Namni gaafa baratu of qofaaf miti biyyaafis ni ta'a@Galatoomii Looreet pr. Gabbisaa Ejjetaa.
27/01/2026

Namni gaafa baratu of qofaaf miti biyyaafis ni ta'a@Galatoomii Looreet pr. Gabbisaa Ejjetaa.

19.8K likes, 169 comments. “Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Yaadannoo Harmee Looret Pirofeeser Gabbisaa Ejjetaa Mootuu Ayyaanoo jechuun moggaafame birrii Miiliyoona 60 oliin ijaarame eebbifame.”

23/01/2026

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Takilu Alamayo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share