31/05/2023
Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo taโe Muslimootaaf "rakkina" malee madda boonsaa ta'uu gonkumaa hin dandaโu!
๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด๐ด
Mootummaan biyyattii kan bulchu lammiiwwan bakka buโee, maqaa lammiitiin akka taโe hundaafuu ifaadha. Osoo kun taโuu baatee aangawoonni mootummaa hunduu akkuma keenya lammii idileeti; silaa mirga ykn aangoo nurraa adda taโe hin qabaatan ture.
Biyyattiin kan waloo taโuun yoo mormame malee qabeenyii fi carraan biyyattiin qabdu hunduu kan walooti. Osoo akkana taโee jiruu, magaalota biyya keenyaa hunda keessatti yeroo maastar pilaaniin qophaaโu, warra pilaanicha qopheessu qofa osoo hin taane, hoggantoonni siyaasaas hanga yoomiitti masjida qofa adda baasanii pilaanii keessaa dagatu laata?
Ummanni muslimaa akka lammiitti maastar pilaanii keessatti masjiidonni karoorfamee dagatamuudhaan gaaffileen Muslimootaa masjidaafi hijaaba qofa irratti daangeffamee akka hafu gochuudhaan gaaffilee ummata Muslimaa isaan kana qofa fakkeessanii sochiiwwan amantichaa gufuuleen kan guutaman taasisuun tooftaa dhaabbachuu qabuudha.
Gaaffiiwwan mirgaa bu'uura taโan kunniin "maastar pilaanii irratti masjidni asitti argama" jechuudhaan osoo hin gaafatamin deebii argachuu qabu turan. Ykn yoo gaafataman gaaffiiwwan salphaatti deebii argachuu qaban turan. Haa taโu malee, Muslimoonni biyyattii guutuu keessa jiran lafa masjidaa kadhachuun ykn maallaqa isaaniitiin lafa bitanii ibaadaaf itti fayyadamuun, ykn sanarra kutee qabsoofi dhiigaan [qabsoo qabiyyee masjidaa kabachiisuuf godhamu keessatti Muslimoonni humna nageenyaatiin ajjeefaman baayโeedha] masjida aragchuun yoo hin dhaabbanne mirgi Muslimootaa ni kabajama jechuun hin dandaโamu.
Namoonni tokko tokko masjiidonni "seeraan ala" waan ta'aniif diigamaa jiru nuun jedhu. Nama ajaa'iba. Warra kanaafi fakkaattota isaanii kan nuti gaafannu masjiidonni "seera qabeessa" jedhaman kam akka ta'an nuuf himaa kan jedhuudha.
Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoot