Jafer Usmael

Jafer Usmael Fayyaan badhaasa!!

08/10/2022

Allergic rhinitis(allergy funyaanii).......
Dhibeen allaarjii jedhamu kun maddi isaa madiinummaan uumamaa ykn body immunity Kan jennuun yeroo humnaa ol baayyatee fi akkasumas humnaa ol waan karaa alaatii qaama keenya seenu ykn tuquuf haala arifachiisaan deebii kennuu( hypersensitivity to any foreign things or antigen) irraa Kan ka,e mallattooleen nama rakkisan mullachuudhaani.
Haaluma kanaan alaarjii funyaanii Kan jennuun qaamolee hargansuu keenya keessa caasaan wantoota alaa nu seen seenuuf deebii kennuufi akkasumas San ittisuuf keemikaalli " histamine" jedhamu baayyinaan madduu irraa Kan ka,e mallattooleen armaan gadii mullachuudha. Isaanis:- amma amma axxiffachiisuu
-qufaasisuu( qufaa gogaa)
- funyaanifi ija keessaan hooqsisuu
-furrii xaliila akka bishaanii yaasuu
-diimachuufi fufurdachuu funyaaniifi ija keessaafuu nyaara gadii
-ijji imimmaan yaasuu
-mallattooleen kunniin darbee darbee fayyuufi yeroo isaa eeggatee namatti deebisuu ykn Waggaa keessaa ji,a muraasa ykn ji,a keessaa guyyaa muraasa ykn yeroo murtaahe jechuudha.
Wanti isin asirratti hubachuu qabdan, xiyyeeffannaanko guddaan kanin himuu barbaadu garaagarummaa allarjiin dhukkuboota baakteeriyaa ykn vaayirasii irraa qabu beekuun allarjiif antibiotic fudhachuu ykn kennuu dhabuun karaa ittiin miidhaa irrisnu keessaa Isa tokko.
Mallattooleen akka:- hoo,a qaamaa(fever)
:akkittaa tufsiisuufi mataa dhukkubbii akkasumas systemic symptoms warri jennuun yoo jiraate qofa Kan antibiotic kennuuf yaaduu qabnu.
San ta,uu baannaan qorichoonni akka antihistamines fi corticosteroids gahaadha. Kana malees wantoota namatti kakaasan ykn triggering factor ta,an irraa fagaachuufi yeroo bakkaafi waan akkasii bira geenye maaskii fayyadamuun furmaata Isa filatamaa ta,a. Allaargiin gosoota garagaraatti qoodama isaanis:-.........
Obb. Keessaniif share godhaa
Wan hafes keessaan gaafadhaa.

Dhukkubbii kalee fi furmaata isaa@@.  Dhukkubbiin kalee sababa irraa dhufu irra dhaabbatee bakka gurguddoo lamatti qooda...
27/09/2022

Dhukkubbii kalee fi furmaata isaa@@.
Dhukkubbiin kalee sababa irraa dhufu irra dhaabbatee bakka gurguddoo lamatti qoodama.
1, dhukkubbii kalee Kan jarmiilee gara garaa kn akka baacteeriyaa irraa dhufu:- inni kun Kutaalee kaleefi ujummoolee fincaani hanga gadii keessaa iddoo baakteeriyaan dhuunfame irratti hundaa,un qoqqoodama garagaraa fi mallattoolee gara garaa qaba isaanis infectionii kutaa kalee Isa gubbaa( Upper urinary tract infection) ykn pyelonephritis kan jedhamuudha. Inni kun mallattoon isaa -dhukkubbii kalee,
-hoo,insa qaamaa
- garaan dhukkubuu
-mataan dhukkubuufi dadhabbii qaamaa
-fincaan gubuufi amma amma dhufuu
- nyaata jibbisiisuu fi qooqqifachiisuu faadha. Isa kana furmaanni isaa mana yaalaa deemnaan qorichi guutumaa guututti guyyaa 3---5 giddutti fayyuun ni danda,ama, yoo itti hammaate karaa hiddaan kennamuu qaba qorichi Kan karaa afaanii liqimsan dafee jijjiirama fiduu dhabuu danda,a Wan ta,eef.
Infectionii kutaa kalee Isa gadii( lower urinary tract infection) ykn cystitis & urethritis. Inni kun mallatooleen isaa kanuma karaa qaamota fincaani irratti garsiisu Kan akka fincaan gubuu, jarjarsuu fi yeroo tokko tokko dhiiga makatuu fa,aadha. Mataa dhukkubbiifi garaa ykn mallatton qaamota biraa hn mullatan. Isa kana qorichi baakteeriyaa kn akka (ciprofloxacillin) Kan afaanin liqimsan ni fayyisa.

2, dhukkubbii kalee dhiibbaa kalee irratti uumamuun dhufu:- inni kun yeroo dheeraaf dhiibbaan haala taa,umsa kalee irratti taasifamu Kan akka dhahiinsa akka malee, kufiinsa akka malee, ba,aa humnaa olii, ciisicha ykn ciqilfannaa akka malee fi kkf kn biraa irraa dhiibbaan sochii haala taa,umsa kalee irratti taasifameen miirri dhukkubbii hammaataan Kan uumamuudha. Dhukkubbii kanaaf immoo qorichi m/yaalaa yeroof yoo dhukkubbii fooyyessellee guutumatti hn fayyisu, jechuun booda keessa ittuma deebi,a. Ummanni keenya hedduun bakka kanatti ilaacha biraa keessa galu, haakima dhaqee dadhabee jechuun gara qoricha aadaa ykn haakimatti deddeebi,uun abdii kutu. Kanaaf furmaata Kan ta,u bishaan qulqulluu(highlandi yoo ta,e filatamaadha) ganama ganama garaa duwwaatti litra 2--3 itti yaaduun akka qorichatti otoo gidduu hn bahin torbe 2f yoo dhugan jijjiirama guddaa argitu. Kana malees yeruma hunda akka si dhukkubu beekuun ba,aa kaasuu dhiisuu, iddoo ciisichaa filachuu, irratti ciqilfachuufi humnaa ol utaaluurraa of qusachuufi wantoota sitti kaasu Kan biraa irraa yeroo dheeraaf akka sitti hn kaane yoo of qusatan achumaan irraa fayyuun ni danda,ama.

Dhukkubni sammuu(mental illness) Kan jennuun maali?Dhukkuba sammuu jechuun akka dhukkuba qaamota kutaa biraa baakteerita...
10/09/2022

Dhukkubni sammuu(mental illness) Kan jennuun maali?
Dhukkuba sammuu jechuun akka dhukkuba qaamota kutaa biraa baakteeritaan ykn vaayirasiin fi jarmiilee garagaraan kn dhufuu miti akkasumas akka dhibee biraa dhukkubbii dhukkubbii ykn pain kn qabuu miti. Dhukkubbii sammuu ykn mental illness jechuun kutaalee sammuu keessaa kutaan murtaahe hojii isaa sirritti raawwachuu dhabuun dhufa. Kutaaleen kunniin sababa adda addaatin neuroononni kannin akka dopamine fi serotonin humnaa ol dabaluu hkn hirratuufi akkasumas karaa isaani gadhiisanii deemuu irraa Kan dhufudha.
Sababni dhukkubbii sammuu kana jedhamee if ifatti sayinsiin Kan lafa kaahe jiraachuu baatus riserchii gara garaatiin Kan kaahaman kanneen akka rakkoo maatii suukaneessaa(family problem), wanta hamaa otoo hn yaadin mudatu( emergency accident) ,hum humnaa ol cinqamuu(depression), maatiin akkasii jiraachu(family history) fi kkkf ni jiru. Hundaafu kanaan Wal qabatee Wan gaafii is isinitti ta,e gaafachuu dandeessu. Garuu akka dhaamsaatti namoota rakkoo akkanaa godhatan yoo argitan akka Wan mana yaalaatti yaalamuu hn dandeenyee warri yaadu ni jira. Garuu Kunis akkuma dhibee kaanii ni yaalama haa ta,uu malee jalqabarrattii fi erga irra turee ykn chronic ta,ee carraan yaalamuu isaa Wal caala. Jechuun sadarkaa itti of deeba deebi,u hn dandeenye ykn irreversible stage gahuus danda,a kanaafu namoota mallattoo akkanaa irratti argitan gara biraa oofuun yeroo otoo hn gubnetti hospitaala dhiyoo geessitanii phsycatristii Mari,achiisuun dirqama ta,a.

Yaa ilmaan namaa....Fayyaan badhaasa dursa Isa kanaaf adada hafuura baafannee deeffannuun Galata uumaako jechuun dirqama...
09/09/2022

Yaa ilmaan namaa....
Fayyaan badhaasa dursa Isa kanaaf adada hafuura baafannee deeffannuun Galata uumaako jechuun dirqama,, eegas booda waan biraa yeroo boqonnaas ta,u yeroo hojis kadhachuun gaariidha.
Maalif Jennaan qaama namaa keessaa seelii inni xiqqaan seeli sanyii kormaa ykn ispermiiti. Ceelii ciqqoo tanarraa uumamneeti fooniifi hafuurri keenya hanga Wal keessa jirutti nama bareedaa kana taanee deemna. Kanaaf barnoota fayyaa isiniif kannuu kootin dura Isa kana is isin yaadachiise.

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jafer Usmael posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Jafer Usmael:

Shortcuts

Share