Hirna Senior Secondary School

Hirna Senior Secondary School Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hirna Senior Secondary School, School, Hirna.

06/12/2021

Guyyaa 27/03/2014 Barattootni, barsiisonni fi hijjetootni bulchiinsaa M/B Sadarkaa 2ffaa Hirnaa akkaatuma kallattii ministeera barnootaa federaalaatiin kaa'ameen oomisha milishaa dirree waraanaajiran sassaaban.

MBSadarkaa 2ffaa Hirnaatti barattoota bara barnootaa 2013 kutaa 12 ffaa barachaa turan fi foormii qormaata biyyoolessaa ...
15/09/2021

MBSadarkaa 2ffaa Hirnaatti barattoota bara barnootaa 2013 kutaa 12 ffaa barachaa turan fi foormii qormaata biyyoolessaa guutuun qophiira niif barnoonni keessa deebii fi dammaqiinsaaf akka isaan gargaaruuf guyyaa 4/01/2014 irraa egalee basii mb tiin gosa barnoota maths, chem, host, English kennamu eegaleejira. Kanaafuu barattootni mb sadarkaa 2ffaa qophii qormaata irra jirtan mbtti argamuun akka barattan manni barumsichaa waamicha isaniif godheejira.

29/08/2021

Barattoota mb sadarkaa 2ffaa Hirnaa bara 2013 kutaa 12ffaa barachaa turtan fi foormii guuttanii bara 2014 qormaata biyyoolessaa qoramuuf qophii irra jirtan baasii mana barumsatiin gosa barnootaa muraasa irra deebiin waan isinii kennamuuf guyyaa 1/13/2013 irraa eegaltanii mb akka argamtan mb waamicha isinii godhee jira.

Hagayya 23/12/2013 M/B Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti galmee barattootaa bara barnootaa 2014 tiin walqabatee "Task force" mise...
29/08/2021

Hagayya 23/12/2013 M/B Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti galmee barattootaa bara barnootaa 2014 tiin walqabatee "Task force" miseensota sadii(3) ofjalatti qabate huundeessuun waa'ee qajeelfama galmee haaraa (online registration) ilaalchisee barsiisota galmee gaggeessaniif hubannoo ga'aan kenname.
"Task force" galmee 2014 mb sadarkaa 2ffaa Hirnaatti
1. Saamu'eel Dassaalany
2. Geetaachaw Zawdee
3. Taakkala Girmaa
Namoota kanaan to'annoo, hordoffiin fi gabaasni galmee guyya guyyaa gaggeeffama.

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 9/11/2013 barattootni kutaa 12ffaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Hirnaa erga moodeela fixan ...
16/07/2021

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 9/11/2013 barattootni kutaa 12ffaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Hirnaa erga moodeela fixan booda ashaaraa magariisa irratti hirmaatan. Hirmaannaa barattootaatiin biqiltuun 2500 dhaabaman. Kana jechuun guyyaa kanatti biqiltuu otuu hin dhaabamin hafan keessaa 71.4% dhaabame. Walumaagalattii kan amma dura dhaabame waliin biqiltuun 4000 dhaabaman.

MB Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti duulli ashaaraa magariisaa har'a guyyaa 7/11/2013 A.L.I. egale. Guyyaa har'aa  karoora ganna...
14/07/2021

MB Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti duulli ashaaraa magariisaa har'a guyyaa 7/11/2013 A.L.I. egale. Guyyaa har'aa karoora ganna kanaaf biqiltuu 6000 dhaabuuf qabanne kessaa 1500 dhaabame, kana jechuun %25 dhaabame. Kunii hanga sanbata xiqqaa tti itti fufa. Baay'inni biqiltuu mooraa keenyatti nuuf gale 5000 yoo ta'u biqiltuun 1000 nubarbaachisa jechuun dha.

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 28/10/2013 Mana barumsaa sad.2ffaa Hirnaatti qormaanni semisteera 2ffaa kutaa 10 fi 11 haal...
05/07/2021

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 28/10/2013 Mana barumsaa sad.2ffaa Hirnaatti qormaanni semisteera 2ffaa kutaa 10 fi 11 haala gaarii ta'een eegalamee jira. Adeemsi qormaataa barattoota "Top ten" daree huunda keessaa addatti baasuun "Top five" daree lamatti akkasumaas barattoota sadarkaa 6ffaa-10ffaa ba'an daree lamatti dareelee "special classes " jedhamamutti ramaduun qormaata isaanii qulqullinaan akka fudhatan godhame. Kun barattootni wal irraa akka hin dalagneef gumaachi isaa olaanaa dha. Haaluma kanaan hanga raawwatuutti itti fufa.

25/06/2021

Hordooftoota keenya Hundaaf!
Dursinee dhiheenya kana ergaanis ta'e beksifni Keenya addaa cituu isaatiif dhiifama guddaa isin gaafanna. Asumaan qormaanni kutaa 10-12 mb sadarkaa 2ffaa Hirnaatti guyyaa 28/10/2013 irraa egalee akka kennamu kabajaan isin beksifna.
Nagaa Wajjiin

24/05/2021

Beeksisa!!
Barattoota kutaa 12 MB Sadarkaa 2ffaa Hundaaf
Kuniis adeemsii baru-barsiisuu 'on _ off' ture jijjiiramuun akka isin fayyadamtaniif torbaan guutuu akka barattan waan murtaa'eef guyyaa 18/09/2013 irraa eegaltanii dabaree ganamaa qofa akka ta'e beektanii maaskii fi yuniifoormii godhachuun yeroon mb seenuun barnoota keessan akka hordoftan kabajaan isin beeksifna.
Nagaa wajjiin

22/05/2021

Beeksisa!!
Barattoota kutaa 12ffaa Mana Barumsaa Olaanaa Sadarkaa 2ffaa Hirnaa Huundaaf
Kunis barataan barnoota daree keessatti kennamu kan hin hordofnee fi 'attendance' guutuu hin qabne qormaata 'model' qoramuu kan hin dandeenye fi 'incomplete' taanaan akkaataa qajeelfama haaraa amma dhufeen gabaasa 'roster' irratti huundaa'ee qormaata biyyoolessaa kan fudhattan waan ta'eef foormii guunne jettanii Mana Barumsaa irraa akka hin hafnee gamanumaa cimsinee isin beeksifna.
Mana barumsichaa irraa!!
Hubachiisa
Barsiisonni Mana barumsichaa isin deeggaruuf hamilee guddaa fi kaka'uumsa olaanaa kan qaban akkasumaas qophii gahaa kan godhan ta'uu isaanii beektanii akka itti fayyadamtan isin hubachiisuu barbaanna.

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 13/09/2013 MB Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti itti gaafatamtoota muummeewwanii waliin jandaalee 1....
21/05/2021

Guyyaa har'aa jechuun guyyaa 13/09/2013 MB Sadarkaa 2ffaa Hirnaatti itti gaafatamtoota muummeewwanii waliin jandaalee
1. Soochii muummeewwanii semisteera 2ffaa fi haala baru-barsiisuu
2. 'COC' 2013 walqabatee barsiisonni qoramuuf galmaa'an fi maqaan isaanii dhufe qoramuu akka qaban.
3. Barattoota kutaa 12ffaa tiin walqabatee dabareen isaanii akkamitti akka mijjaa'uu fi qabu
irratti marii bal'aan gaggeeffame.

Mana barumsaa olaanaa sadarkaa 2ffaa Hirnaatti barattoota orraafatanii fi uffata danbii utuu hin uffatin mariisisuun biq...
20/05/2021

Mana barumsaa olaanaa sadarkaa 2ffaa Hirnaatti barattoota orraafatanii fi uffata danbii utuu hin uffatin mariisisuun biqiltuu ganna darbe dhaabaman akka kunuunsan godhamee jira. Kunii itti fufa.

Address

Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hirna Senior Secondary School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category