FDO Aanaa Midhagaa Tolaa

FDO Aanaa Midhagaa Tolaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from FDO Aanaa Midhagaa Tolaa, Hirna.

  /3/2024 fi19/3/2015Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Gamaaggamni Raawwii hojii Jaarmiyaalee dargaggootaa ...
30/11/2022


/3/2024 fi19/3/2015
Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Gamaaggamni Raawwii hojii Jaarmiyaalee dargaggootaa fi dubartootaa Sadarkaa Aanaatti Bakka itti gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Obbo -Mohammad argamanitti gaggeefamee jira.
Waltajjii kana irratti Koreen Waldaya Dargaggootaa ,Feedereeshiniin Dargaggootaa,Koreen Waldaya Dubartii fi Feedereeshinii Dubartii Sadarkaa Aanaa hunduu irratti hirmaataniiru.
Waltajjicha kanaan Raawwiin hojii hanga ammaa Jaarmiyaalee Lamaanii gamaaggamuun Kallattiin fuula duraa kaayamuun goolabameera!!!

Yaa'iin idilee 1ffaa Koree Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa miilaa Oromiyaa  Magaalaa Adaamaatti taa'ameera. Fu...
17/09/2022

Yaa'iin idilee 1ffaa Koree Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa miilaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti taa'ameera.

Fulbaana 07, 2015
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen, haasaa taasisaniin, yaa'ii kanaan koreen hojii raawwachiiftu haaraa akka filataman himaniiru.

Yaa'iin Idilee Koree Hojii Raawwachiiftuu Federeeshini Kubbaa Miilaa Oromiyaa kun Pireezidaanti haaraa dabalate miseensoota haaraa koriichaa filateera.
Haaluma kanaan:-

1. Waaqjiraa Simaa Dheeressaa (PHD)- Pireezidaantii

2. Aadde Abarraash Taddasaa Kumsaa- Pireezidaanti Itti aantuu

3. Obbo Dinquu Abbabaa Jufaaraa-Miseensa

4. Obbo Darajjee Guutamaa Dibaabaa- Miseensa

5. Obbo Girmaa Baqqalaa Badhaanee-Miseensa

6. Indaganaalan Awaaso Badhaanee(PHD)-Miseensaafi

7. Obbo Kabbadaa Warquu Hata'uu-Miseensa ta'uun filatamaniiru.
Girmaa Bayyanaatu gabaase.

Hagayya 26/12/2014Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Araddaa Magaalaa Miidhagaatti Waajjirri Dargaaggoo fi Ispo...
01/09/2022

Hagayya 26/12/2014
Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Araddaa Magaalaa Miidhagaatti Waajjirri Dargaaggoo fi Ispoortii Aanaa Miidhagaa Tolaa Kubbaa Miilaa fi Kubbaa Saapanaa haala kanaan kennaa jira.
Jabaadhaa!!!

Jaarmiyaaleen dargaggoota  Oromiyaa raawwii hojii bara 2014 irratti milka'ina argameen beekamtiin sadarkaa feederaalatti...
12/08/2022

Jaarmiyaaleen dargaggoota Oromiyaa raawwii hojii bara 2014 irratti milka'ina argameen beekamtiin sadarkaa feederaalatti kennameefii jira.
Hoggansa Federaalaa Harkaa Beekkamtii kana Kan Fuudhan Itti Gaafatamaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhina Oromiyaa Obbo Adnan Hadji, Pirzadaantii Walda Dargaggoota Naannoo Oromiyaa Obbo Kadiir Indalkaachoo ( Kado Indoo) Pirazadaantii Federeshinii Dargaggoota Oromiyaa Obbo Amantii Tolaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Walda Dargaggoo Oromiyaa Obbo Gezahegn Andarge ti. Jaarmiyaaleen Dargaggoota Naannoo Oromiyaa Milka'ina hojii kanaatiif caasaafi gurmaa'insaa dargaggoota Naannoo Oromiyaa sadarkaan jiraniin Baga Gammaddan Jedhaniiru.

"Aniis Harmee kootiif Mana Ijaaruun Eebba ishee niin fudhadha" mata duree jedhuun sagantaan Tajaajila lammummaa  Godina ...
25/07/2022

"Aniis Harmee kootiif Mana Ijaaruun Eebba ishee niin fudhadha" mata duree jedhuun sagantaan Tajaajila lammummaa Godina Harargee bahaa Aanaa miidhagaa Tolatti Eegalameera.

Godina Harargee Bahaa Aanaa miidhagaa Tolatti Mata duree "Aniis Harmee kootiif Mana ijaaree Eebba ishee naan fudhadha" jedhuun Sagantaan Tajaajila Lammummaa araddoota hunda keessatti Mana maatii Harka Qalleeyyii ijaaramaati jira.

Pireezidantii Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu tullu injifannoo gareen Itoophiyaa injifannoo Shaampiyoona...
24/07/2022

Pireezidantii Federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu tullu injifannoo gareen Itoophiyaa injifannoo Shaampiyoonaa Origanitti argachaa jiruun ''seenaa haaraa'' jechuun ibsite.

Gudaf Tsaggaayee meetira 5,000 warqee afraffaa argamsiisuu ishee hordofee yaada kan laatte Daraartuun, gamachuu ishee yeroo ibsitu “Itoophiyaan haa kolfitu” jetteetti.

Itoophiyaan seenaa shaampiyoonaa kanaa keessatti warqee afur argattee hin beektu.

Daraartuun seenaa shaampiyoonaa kanaan ''injifannoo isa olaanaa'' argameedha jette.

Barri haaraa Itoophiyaa akkuma dhiyaachaa jiruun injifannoon kun kennaa bara haaraa gareen isaanii uummata biyyattiif kennu ta'uu ibsite Daraartuun.

Walqabsiisuunis walitti bu'iinsiifi rakkoon Itoophiyaa keessa jiru bara haaraa dhufaa jiru kanatti akka dhaabbatu hawwite.

''Bakka kanatti du'e, bakka kanatti namni qe’eerra buqqa’e, bakka sanatti namni beela’e isa jedhu Waaqni nuuf balleessee, bara dhufu kan waliin taanee biyya keenya gara fulduraatti deemsifnuufi kan tokko taanee waliin dhabbannu nuuf haa godhu,” jechuun hawwii ishee ibsiteetti.

Atleetonni fageenya garaagaraa lama irratti akka dorgoman jiraachuufi kanaanis injifannoon argamuun tarsiimoo itti yaaduun gahumsa isaanii bu'uura godhatee raawwatame ta'uus Daraartuun dubbaatte.

“Bu’aa fi dandeettii ijoollee kanaa irratti hundoofneeti kan filanne. Jalqaba sa’aatii isaanirratti hundoofne, erga takka fiiganii yeroo lammaffaa irratti ammo figichaa isaanii irratti hundoofneetu irra deebisiisnaani.”

''Tarii filannoo akkanaa gaggeeffameen namootni mufatan muraasi yoo jiratan maqaa Waaqaan dhiifaman gaafadha'' kan jettu Daraartuun, “hanga ani beekutti eenyuniyyuu haala hin taaneen xiqqeessuuykn ol guddisuuf hin eeyyamne,” jetteetti.
Atileetotni akka Gudaf Tsaggaay, Latasanbat Giday, Salamoon Baareggaa fa'aa atileetota dorgommii fageenya adda addaa lama irratti akka dorgoman godhaman keessaati.

Gudaf fageenya lamaaniinuu meedaaliyaa warqee tokkoofi meetii tokko injifatte. Latasanbat ammoo Warqee tokko injifattee injifannoo Gudaf edaa keessatti ammoo qooda olaanaa baate.

“Nama hundaaf kun isaaniif mala, kun sirridha, bu’aa kana nii fidu, yoo asitti fiigan ni mijataafi kan jedhuun filanne. Waaqayyos nu gargaare kanarra geenyeerra” jetti Daraartuun bu'aa tarsiimoo kanaan argame yoo ibsitu.

Injifannoon kun hundi kan argame sababa “ani bulchiinsa irra jiruuf miti” kan jettu Daraartuun, kun dadhabii atleetootaan, deeggarsaa maatii isaanii, deeggarsaa fi dadhabbii hojjeetoota federeeshinichaa hunda waan dhufedha jetteetti.

Dorgommii kana irratti lammilee Itoophiyaaa US, Origan fi naannashee jiraatan kan deeggarsaaf argaman hunda Daraartuun galateeffatteetti.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa Origanitti gaggeefamaa jiru kanaan warqee afur, meetii afurii fi nahaasa lama, waliigalatti meedaaliyaawwan 10 injiffattee addunyaarratti Ameerikaatti aantee sadarkaa lamaffaarra argamti.

Guyyaa 15/11/2014Godina harargee bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti qopheessummaa waajjira Dargaggoo fi ispoortii aanichaati...
22/07/2022

Guyyaa 15/11/2014
Godina harargee bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti qopheessummaa waajjira Dargaggoo fi ispoortii aanichaatin sagantaan kenna Tajaajila lammummaafi Dorgommii shaanpiyoona gannaa ifatti banamee jira. sagantaan kunis bakka I/G/waajjira Dargaggoo Fi Ispoortii Aanichaa obbo fatii abdii fi ogeessota waajjiraa dabalatee Dargagggoota araddaa aanichaa irraa hirmaatani fi gareeleen ispoortii garagaraa argamanitti ifatti banamee jira .sagantaa baninsa kenna Tajaalija lammummaa kana irratis hirmaattonni argaman hundi sochii ispoortii qaamaa(mass sport) dalaganii jiru .akkasumaas qophii ashaaraa magariisaatif boolla biqiltuu qotaniiru.

Bakka Bu'uummaan ummataa akkasiitti ummata bakka isaan buufate Rakkoo bulchinsa gaarii ummata isa filate irra dubbachudh...
20/07/2022

Bakka Bu'uummaan ummataa akkasiitti ummata bakka isaan buufate Rakkoo bulchinsa gaarii ummata isa filate irra dubbachudha.
Dr Haqil ulfaadhu

Nageenyi Si faana,Tokkummaan Si faana,Obbolummaan Si Faana,Jaalalli Sifaana,Gootummaan Sifaana, Hundduu Sifaana Malee Hi...
19/07/2022

Nageenyi Si faana,Tokkummaan Si faana,Obbolummaan Si Faana,Jaalalli Sifaana,Gootummaan Sifaana, Hundduu Sifaana Malee Hin Jiru Abbichuu Koo.

Pirojektiin hidha jallisii Harargee bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Araddaa bilisummaa ummata kuma 37 oliif tajaajila kennu ...
02/07/2022

Pirojektiin hidha jallisii Harargee bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa Araddaa bilisummaa ummata kuma 37 oliif tajaajila kennu birrii mil. 22 oliin hojjetame eebbifane

Jilli Sadarkaa I/A Pirez. MNOtti Hoggantuu Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskam Dabbabaan durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Midhagaa Tolaatti 'pirojektii hidha Jallisii bilisummaa' baajata birrii mil. 22.5 oliin hojjetame eebbisiisaniiru.

Projektiin Hidha jallisii kun Bishaan MK mil.1.2 kan qabatu yoo ta'u ummata kuma 37 oliif tajaajila ni kenna jedhame.

Sirna eebbaa kana irratti jilli kun biqiltuu dhaabaniiru. Dhagaan bu'uraa mana barnoota bu'uraa boruu tokkoos kaahame jira.

Waxabajjii 25/10/2014?? ❗  🙏   ❗  Aanaa Miidhagaa Tolaa bagan gammannee!!!! Pirojeektiin bajataa Naannoo Oromiyaatiin ba...
01/07/2022

Waxabajjii 25/10/2014
?? ❗
🙏

Aanaa Miidhagaa Tolaa bagan gammannee!!!! Pirojeektiin bajataa Naannoo Oromiyaatiin baasii qarshii miliyoona 22n hajjatamaa ture xumuramee Guyyaa Boruu Eebbaaf qophaa’aa jira.

Eebbaa kana irratti keessumoonni Naannoo Oromiyaa, Godinaa fi Aanalee Ollaa irraa dhufuun Projekticha ni eebbisuu jedhamera.

Kannaafuu hawaasni Aanaa keenyaa hundinuu keessummoota kana simachuuf qophaa'u qabna.
Daandiin keenya Ida'amu
Galmii keenya Badhaadhina

Waxabajjii 22/10/2014                   Sagantaa nyaata pirojekti soqota Waajjiira Dhimmaa Hojjeetafi Hawaasummaa Aanaa ...
29/06/2022

Waxabajjii 22/10/2014

Sagantaa nyaata pirojekti soqota Waajjiira Dhimmaa Hojjeetafi Hawaasummaa Aanaa Midhagaa Tolaatiin qophaa'eera. Sagantaan kun bakka itti gaafatamtuun waajjiirichaa Aadde Rowdaa Abdurahman argamaniifi akkasumaas ogeeyyoota waajjiira guutuun wajjiin tahuun haawwan keenyaaf yeroo barnoota akkata daa'immaaniif itti qophaa'uu agarsiisan kana fakkaata.

Address

Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FDO Aanaa Midhagaa Tolaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share