13/07/2026
#
'insa_Biyyaaf #
= = =
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajila lammummaa aadaafi duudhaa wal gargaarsaa uummata Oromoo kan sirna Gadaa keessaa madde sirnoomsuun hojii hojjechaa jiruun dhaloonni gaaddisa gaafa rakkoo waliif akka ta'u taasisaa jira.
Haaluma kanaan, Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadis_Ganda_Umerkullee Goxii Jaarra keessatti hojii tajaajila lammummaa Gannaatiin hojii mana harka qalleeyyii ijaaruu taasifamaa jira.
Bakka I/G Waajjira Qonnaa fi Lafa Addee Malikaa Mohammed fi I/G wajjira Bulchiinsa Obboo Ahmed sheka/shekoo akkasumas Bulcha Bulchiinsa Ganda Umerkullee Fi Hoggansii Ganda, dargaggoota fi hawwaasni Argaamutti Mana harka qalleyii jalqabsifame jira.