06/12/2025
Jireenya tasgabbaa’aa jiraachuuf, qabxiilee armaan gadii irratti xiyyeeffadhu:
1. Yaada fi ilaalcha sirrii qabaachuu: jireenya keessatti yaada gaarii qabaachuun gammachuu fi tasgabbii namaaf kenna. Gochaa fi jecha miidhaa fiduu danda'u irraa of eegu fi dhimma namaa keessa lixuu dhiisuu.
2. Jijjiirama fudhachuu:
Jireenya keessatti jijjiiramni waan hafu miti. Haala jijjiirame sirnaan fudhachuun tasgabbiin jiraachuuf gargaara. Jijjiirama gara guddinnaa yoo argame boonaaf xibaara malee itti fayyadamuu, jijjiiramni gara gadii yoo dhufes obsaaf malaan keessa darbuuf yaaluu.
3. Beekumsaa fi dandeettii qaban cimsachaa adeemu:
Beekumsi yeroo baay’ee walitti bu’insa furuu fi rakkina keessa darbuuf karaa rakkina ittiin furan salphisuun tasgabba’inatti nama geessa. Beekkumsi riqicha ta'ee sibaata. Dandeettiin kee barbaadamaa si taasisa.
4. Beekumsa ofii irratti hirkachuu fi ofitti amanuu:
Yeroo rakkina keessa jirtu of irratti hirkachuun fi ofitti amanuun tasgabbii siif kenna. Jireenya hin raafamne jiraachuuf sigargaara.
5. Fedhii fi dandeetti ofii beekuu:
Wantoota gammachuu yeeroo qofa siif kennan irraa baqachuun, Wantoota sirritti sibarbaachisan adda baafattee beekuu fi irratti xiyyeeffachuun gammachuu siif kenna. Waan fedha kee hin taane dhiibba namaan itti hin lixin. Dandeettii kee malee of hin rakkisin.
6. Hiriyyoota gaarii qabaachuu: Namoota qalbii fi yaada gaarii qabaniin waliin ta'uun nagaa fi tasgabbii argachuuf si gargaara. Hiriyyaan badaan nagaa si dhoowwa. Kanaaf hiriyyaa nagaafi tasgabbii siif kennu filadhu.
7. Qaamaa fi qalbii irratti xiyyeeffachuu:
Seera nyaataa hordofuu fi sochii qaamaa gochuun jireenya tasgabba’aa fida. Qorsa sirrii fayyadamuu, Rabbiin kadhachuu fi haasaa baayyisuu irra cal'isuun nagayaaf tasgabbii qalbii siif kenna.
8. Boqonnaa ofiif kennuu:
hirriba gahaa, yeroo boqonnaa gahaa, fi yeeroo garii kophaa turuun tasgabbii keennaaf murteessaa dha.