02/04/2025
.
===========
Callisuun miira bilchina gadi fagooti.
✍️Dudubbachuun barbaachisaa ta’us beekumsa hin ibsu. bakka hundatti waa'ee waan hundumaa haasa'uu fi waan naannoo kee, hawaasa kee fi maatii kee keessatti ta'u hundaaf deebii hin kennin.
Yeroon itti haasofnuu fi yeroon guutummaatti callisnu jira.
✍️Miira callisaa yeroo guddifattu qalbii namootaa keessatti dallaa tasgabbii dhabuu ijaarta. Dhimmi tokko tokko ammuma haasa’ame salphata. Namni dudubbatu ammuma dubbate barama.
✍️Namni miira callisuu guddifate akka tulluuti; Ni sodaatama. Tilmaamamuu waan hin dandeenyeef ni kabajama, ni sodaatama, ni jaallatamas.
✍️Yeroo akka salphaatti yaada maddisiistuu fi baay'ee dubbattu salphaatti tilmaamamuu dandeessa.
✍️Yeroo hunda waan barbaachisu irraa hir’isii dubbadhu. Yokaan baay'ina yaada kee jecha gabaabaan ibsii bira darbi. Yoo dubbatte;waan hunda qola baastee hin dubbatiini. Geggeessummaarra yoo jiraatte si gargaara. Aangoofi iccitii eeguuf xiqqoo dubbadhu.
Miira callisuu yeroo guddifattu, namoonni waan keessa kee jiru beekuuf hawwu.
✍️Jechi callisuu booda dubbatamu hundi gonkumaa akka waan salphaatti hin ilaalamu. Yeros jechoonni hundi kan hiika qabaniif ulfaatoo ta’u.
Callisuun gaariidha, yoo dubbatte dhimma si ilaallatu dubbadhu, waan qulqulleeffatte dubbadhu. Xiqqeessiitee dubbachuu baradhu. Warra miira callisuu hin gabbifatiiniif dursa kenni. Jechoota hiika qaban itti fufii dubbadhu.
Callisuun bilchina gadi fagoo ibsa malee wallaalummaa hin ibsu.
me
Reta Official follow 🥰