29/11/2020
Ustaaz Alii Sufiyaan irratti ibsa gabaabaa
Nuti sheekkootiin asii gaditti maqaan keenya dhahame Ustaaz Alii Sufiyaan duula ragaa malee irratti godhamu, akkasumas duula sababaa amantii barsiiseef irratti godhamu hunda ni balaaleefanna. Namni amantii barsiisu tokko amantii isaa irraa deebisuun waan jiraati, Nabiyyii inni itti amanee jala deemu yoo jalaa arrabsan badii san diduun waan irraa eeggamaati. Maaliif amantii Islaamaa jalliftaaf isa qabuun ykn qeequun osoo argame nama hin dinqu. Garuu maaliif warra amantii Islaamaa arrabsuu saaxiltaaf isarratti duuluun nama gaddisiisa. Waan muslimarraa eggamuu miti jennee amanna. Muslimni kan loluu qabuuf, kan dallanuu qabuuf, kan jala deemuu qabuu fii lubbuu kennuu qabuuf Nabiyyii Rahmataa sallallaahu aleeyhi wasallam.
Nama amantii Islaamaa ragaa tokkoon malee arrabse Dirribii Dammusee balaaleefatamuu qaba jechuun amanna. Namoota amantii Islaamaa arrabsantu farra tokkummaa ummata Oromoo fii biyyaa ja’amee yakkamuu qaba. Namni amantii kiyya ragaan malee arrabsitanii dhaabbadhaa ja’u haqa qaba. Kanarratti nuti Ustaaz Alii duubaa fii duraan jirra. Kitaabni amma nuti harkaa qabnu maxxansaa sadaffaadhaati. Kan san booda maxxanfames jiraachuu dandaha. Kitaabni guututti amantii Islaamaa ija jibbaa fii ragaa irraa fagoo taheen laaluun arrabsa, irratti duula, kijiba irratti oloola. Amantii Waaqeefannaa barsiisuuf Islaama fii amantii biraa arrabsuun hin barbaachisu. Namuu waan itti amanu karaa fedheen barsiisuu mirga qaba. Garuu amantii ifii barsiisuuf, amantii ifii guddisuuf dirqama Islaamni dhabamuu qaba yaada ja’uun barreessuu fii jibbaa amantii keenyarratti oloola oofuun kan fudhatama qabuu miti. Waan guutumaan guututti balaaleefannu.
Ustaaz Alii Sufiyaan dhimma kana keessatti tokkummaan inni caphse hin jiru, shri’aan faallaa wanni dubbate hin jiru, Waaqeefannaas arrabni inni arrabse hin jiru. “Amantii tiyya, Nabiyyi kiyya arrabsitan, fudhatama hin qabu je’ee falme. Namni suni seeraaf haa dhihaatu je’ee gaafate. Kitaabni isaa kitaaba arrabsoo fii jibbaa tahe haa beekkamu” jechuun yakka miti. Yakka ka tahu yoo wanni Ustaaz Aliin je’e kitaabicha keessatti hin argamin. Nuti dhimma kanarratti namni muslimaa tokkolleen nama Amantii Islaamaa arrabsuuf, Nabiyyii arrabsuuf xabaqaa dhaabbata jennee hin yaannu. Yoo dhaabbates amantii Isaa beekhuu dhaburraa, ykn amantii isaa dhiisuu fedhurraa tahuu dandaha jenneeti yaanna. Nutis kitaabichaa fii barreeysaa ni balaaleefanna. Hanga seeraanis tahu majlisni akka tarkaanfii barbaachisu fudhatu. Muslimoonni adawwii isaanii akkasii san beekan akka barnootaa fii barsiisuun dura dhaabbatan yaamicha goona.
Sheek Jaabir Liwaa’ul Islaam Saudirraa
Sheekh Husseen Usmaan Ministoottaa
Sheekh Suleeymaan Jamaal Minisoottaa
Sheekh Abdii Husseen Edmonton
Sheek Muhammad Siraaj Arizona
Sheekh Asad Shariif Atlanta
Sheekh Abdusalaam Idris Minisoottaa
Sheekh Abdulhafiiz Sh. Hassan Calgary
Sheekh Fuad Hamza Siyaatilirraa
Sheekh Yaya Abdalla Siyaatilirraa
Sheekh Jamaal Baddeeysaa Saudi
Sheekh Bakrii Ammee California irraa
Sheekh Yaasin Abdullaa Minisoottaa