Samargel Elementary School

Samargel Elementary School It's work on education

11/12/2024

Nageenya keenya, aadaa fi duudhaa keenyaan!
********
Aadaa fi duudhaaleen bu’uura sirna gadaa ta’an lammiilee gidduutti tokkummaa fi jaalala cimsuudhaan gamatti nageenya waaraa mirkaneessuuf shoora guddaa ta’e qabu.

Rakkoolee jiran marii fi marabbaadhaan furuu, nageeya labsuu fi waliin jirrenya jabeessuudhaan qormaatilee imala keenyaa ta’an hundaaf furmaata kaa’uuf aadaa fi duudhaalee gaarii qabnutti qixaan gargaaramuun murteessaadha.

Misooma biyyaa dhugoomsuu fi galmoota imala badhaadhinaa fiixaan baasuudhaaf bu’uura kan ta’e nageenyi, qabeenya waloo tumsaa fi hirmaannaa lammii hundaa gaafatudha.

Rakkoolee nageenyaa kallattii garaa garaatiin mul’atan bu’uuraan furuudhaan nagaa waaraa bu’uuressuudhaaf qaama biraa eeggachuu caalaa, duudhaalee gaggaarii furtuu rakkoolee maraa ta’an waan qabnuuf isaanitti qixaan dhimma bahuu fi hojiirra oolchuun barbaachisaadha.

Aadaa fi duudhaalee keenyaan nageenya keenya waaressuuf jalqabbiiwwan gaarii eegalaman caalmaatti itti fufsiisuudhaan mul’ata qabanne galmaan gahuuf gahee nurraa eegamu haa bahannu.

17/07/2024
17/07/2024
17/07/2024

“Miira hawaasa keenyaa dhaggeeffannee waadaa keenya haaromsuutti jirra” PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa daawwaan hojiilee misoomaa baadiyyaa fi Magaalota Oromiyaa keessatti taasisan miira hawaasaa sirriitti dhaggeeffachuuf carraa kan uume akka ta’e ibsaniiru.

Sochiin misoomaa gaggeeffamaa jiru jajjabeessaa ta'uu kan ibsan Obbo Shimallis Abdiisaa jijjiiramootni jiran fedha ummataatiin yoo waliin madaalamu ammas karaa fagoo imaluu kan gaafatu akka ta’e himaniiru.

Inisheetiviiwwan Looreta Nagaa Addunyaa kab. Mummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahmadiin bocaman hordofuun naannoo Oromiyaa giddugala misoomaa taasisuuf xiyyeeffannaan akka hojjatamu ibsaniiru.

22/06/2024
27/11/2023

Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Gaggeeffame!
----------
Gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti geggeeffameera.

Mootummaan hojii uummata naannichaa dinagdeen cimsuu, sirna cimaa ijaaruufi barnootaafi teknoloojiin gahoomsuu galma godhatee hojjechaa jiru milkeessuuf cabinsa barnootaa bu'uura irraa furuun hojii yeroon itti kennamuu qabu akka hin taane Pirezidaant Shimallis Abdiisaa saganticha irratti haasaa taasisaniin hubachiisaniiru.

Cabinsa barnootaa nu qunname sirreessuuf Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa sadarkaa Naannootii hanga Aanaatti ariitiidhaan akka hundaa'u himuun jalqabniifi xumurri waa hunda keenyaa barnoota waan ta'eef hooggansi sadarkaan jiru hojii barnootaaf dursa kennee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Haaluma kanaan, manneen barnootaa hundaaf qindeessaan hooggansa siyaasaa kan ramadamuuf ta'uus himaniiru.

Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa kun murtoowwan garaa garaas dabarseera. Murtoowwan darban bu'uura godhachuunis gumiin waliigalaa sadarkaa hundatti akka hundaa'uufi maatii barataa, barsiisaafi barattoota waliin ariitiidhaan mariin akka gaggeeffamu Pirezidaant Shimallis kallattii kaa'aniiru.

Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa kun rakkoo barnoota keessatti mul'atu furuun qulqullina barnootaa fooyyeessuuf yaadamee akka ta'e Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr Tolaa Bariisoo himaniiru.

Motummaan dinagdeefi sirna cimaa ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiru milkeessuuf dhaloota ga'umsa qabuufi dorgomaa ta'e horachuuf Gumiin Tiraanisfoormeeshinii barnootaa sadarkaa hundatti kan hundaa'e ta'uus ibsaniiru.

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results?search_query=Oromia+Communication+Bureau
TikTok: tiktok.com/
Website: https://www.oromi

Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi uummata wal quunnamsiisuu, yaa'isni odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuu, ilaalcha biyyaalessaa dagaagsuu, hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa guddisuufi maqaa gaarii naannichaa ijaaruu!

27/11/2023
27/11/2023

Taphataan duraanii Riyaal Maadriidifi PSG Sarjiyoo Raamos eda galgala kilaba isaa bara ijoollummaa Siviyaatti erga deebi'ee kaardii diimaa isa jalqabaa, seenaa kubbaa miilaa isaa keessatti ammoo isa 29ffaa argateera.
Kanaanis jaarraa 21 kana keessa taphataan kaardii diimaa hedduu argachuun isa caalu akka hin jirre ta'eera.
Raamos Laaliigaa Ispeen keessatti yeroo 21 kardii diimaa arguun riikardii harkaa qaba.
https://bbc.in/3RgMj0l

Address

Aana Kombolcha
Harar
NASIA053954

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Samargel Elementary School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share