22/01/2023
Namni maaliif Jaalalaan qabamaa? Sababootni gurguddoon namni jaalalaan qabamuuf:
1. WALFAKKEENYA: Amala, akkataa yaaduu, ilaalchaa fi mul'ata walfakkaataa qabaachuu. "Haadha manaaf abbaa manaa laga tokkoo waraaban" jedha Oromoon, edaa kanaaf natti fakkaata.
2. WALITTI DHIYEENYA: Bakka hojii, mana jireenyaa, mana barumsaa fi kkf erga yeroo dheeraaf waliin nama oolchee booda, walyaaduutu dhufa, walii yaaduutu itti fufa, onneetu walittu kufa..... sana booda isinuu beektu.... 😋😋😋
3. AMALA ykn BIFA AKKA ULAAGAATTI qabatan argachuu: Kuni immoo "ijasheetu onnee na gaalaafate, rifeensa isheetu garaa na nyaate, ijaan seentee onneen na baate 😚😚" kan mucaan jedhe sana. Amalas ta'uu danda'a "Amala fi qalbiisaa irraa hafuun dadhabe, Kabaja inni namaaf qabu ilaaleen gaggabe.....😍😍😍" kan intalli jette sana....
4. ERGA JAALLATAMANII DEEBISANII JAALLACHUU. Kun ammoo ergaa isheen isa jaalattee ykn inni ishee jaalatee booda isa deebisanii jaalatan sani. Erga na jaalattee anis kankeeti, homtuu sirraa adda nan baasu... kan jedhan sani....🤗🤗
5. DHIIBBAA HAWAASUMMAA: Kan maatiin ykn hawaasni naannoo sammuu namaa keessa kaa'an jechuudha. Ilmi abbaan isaa "intala magaalaa kan waa hunda beektu, asiin seentee achiin baatu,..... fuudhi" jedhee guddie yoo intala akkasii arge akka jaalatu beekamaadha. "Intala baadiyyaa, kan naamusa fi qalbiin kuulamtee, kan aadaadhaan guutamte, kan safuudhaan guddatte fuudhuutu nama gammachiisa " kan jedhamaa guddate ammoo harkasheetti kufuun isaa hin oolu.
6. HIR'INA WALIIF GUUTUUDHAAN. Barbaacha/hir'ina/fedhii hin guutamiin ishee yoo guuteef isa jaallachuun ishee hin oolu, isheenis yoo guutteef inni jaalachuunsaa hin oolu. "Utuu inni hin jiru ta'ee bineensatu na nyaata ture" jetti.... "Utuu isheen naaf hin qaqqabnee yoona qofummaa na gaalafate lubbuun hin jiru" jedha innis!
Utuu qofummaan nama gaalafata ta'eellee ani Abdulfattaah yoona hin jiru dhugaa Rabbiiti! 😂😂😂😂😂