08/05/2022
Nama addaa ta'uun ni danda'ama.
Nama jaalatamaa ta'uu fi nama gatii qabu ta'uun tokko miti. Namoonni hedduun si jaallachuu danda'u Garuu hedduunsaanii gatii siif hin kennan. Kanaaf nama gati qabessa ta'uuf yaali!.
Namni tokko yeroo hunda akka si yaadatuuf hin dirqisiisin! Cali'isii yeroo ati hin jirretti akkamitti akka Inni jiraatu taajjabi/maalali!.
Jireenyi nama ati barbaaddu safartee siif hin kennitu. Garuu nama: si gargaaru, si miidhu, si jaalatu, si gatee deemu akkasumas nama gaarii akka ati nama guddaa taatuuf karaa sii mijeessu siif kenniti.
Wonti si dhibu kamiiyyuu si dhibaa miti. Akka ati obsa horattu si barsiisaa jira malee.
Namoonni si duukaa deemanii kan si hamataniif akka isaan dursitee jirtu sitti garsiisuu fi.
Ol jirta yoo ta'eyyuu waan barbaaddu argachuuf dirqama gad jetta waan ta'eef yeroo hundaa oluman jira jettee hin yaadin.
Namni qofaatti si gatee deemu kamiiyyuu si gatee deeme miti. Akka ati of dandeettee luka kee lamaaniin dhaabbattee deemtu si barsiisaa jira malee.
Namni humna sirratti agarsiifatu kamiiyyuu gadi si qabe miti. Humna kee akka ati beektuu fi too'attuuf si barsiisaa jira malee.
Wonti jibbitu kamiiyyuu si jibbisiise miti. Haalduree tokko malee akka ati jaalattuuf si barsiisaa jira malee.
Wonti sodaattu kamiiyyuu si sodaachise miti. Akka sodaa injifattee of duratti sochootuuf si Barsiisaa jira malee.
_Wonti too'achuu dadhabde kamiiyyuu sitti ulfaatee jira miti. Akka ati gara waan too'achuu dandeettuutti garagaltu si barsiisaa jira malee.
_Haalonni ulfaatoo fi dhiboon jireenya kee keessatti si mudatan si balleessuuf ykn duubatti si hanbisuuf qophaa'an miti. Humnaa fi dandeettii dhokataa waa dandamachuuf si gargaaru kan keessa ketti argamu si hubachiisuuf qophaa'an malee.
_Rakkoowwan kee kan si rakkisaniif, kan isaan rakkina sitti ta'an caalaatti Ati rakkina isaanitti ta'uu akka dandeettu si hubachiisuufi.
Jireenyi boqonnaa fi gammachuu qabu jireenya milkaa'inaa ni caala. Sababni isaas milkaa'inni kee namoota birootiin kan madaalamu yoo ta'u gammachuu fi boqonnaan kee garuu lubbuu keetiin, sammuu keetii fi onnee keetiin madaalama.
Wontoonni guguddaa ta'an mijjaa'inaan argamu miti. Qindaa'inaan argamu malee.
Itti gaafatamummaa fudhadhu!. Yoo injifatte gammadaa taata. Yoo injifatamte immoo qaruutee taata.
Osoo namni siif hin jajin wontoota haala sirriitiin hojjachuun ulfaachuu mala. Yeroo kanatti ofumaa keetii waan hojjattu ofiif jaji. Deeggaraan kee nama biraa osoo hin sima mataa kee ta'uu qaba.
Dureessa dhugaa ta'uuf Eenyummeessa (account) baankii kee irratti maallaqa guddaa kuufachuu osoo hin taane wonti murteessaan Eenyummeesa keessa kee jiruudha.
Yeroma hundaa jaalalaa fi milkaa'ina faana hin dhahin!. Ati eenyummaa kaleessaa irra fooyy'aa ta'e qofa ijaari! Kana goonaan jaalalaaf milkaa'inni ati barbaaddu ofiisaaniitii faana si dhahu.
Yaadaan kan nuti dararamnu qabatamaan kan nuti dararamnu caaluun jireenya keessatti guddaa nu miidheera. Kanaaf yaadi malee hin yaaddai'in!.
Akka a isinitti tolee fi irraa barattan hin shakku!.
Galatoomaa!! by Ayan Mohammed ❤️♥️