24/07/2026
AFyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan yaadaafi gaaffii Miseensota Caffee irraa ka'aniif ibsa kennaniin hordoffiifi to'annoo Koreewwan Dhaabbiin gaggeeffamaa tureen uwwisa keenya bal'isuun ummata keenya bira gahuuf yaalii taasisaa turree jirra jedhan.
Keessaahuu, Caffeen keenya hariiroon mootummaafi ummata gidduu jiru cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa tureera.
Hojiirra oolmaa seerotaan walqabatee, walsimiinsa seerotaa Labsiifi Dambii gidduu jiru, akkasumas, Qajeelfamni Mana Hojiin bahu hangam walsima kan jedhu hordofamaa tureera jedhan.
Manneen Maree Ummataa sadarkaan jiran cimsuuf leenjii, hordoffiifi deeggarsa adda addaa taasisuun hojjechaa turree jirra. Haa ta'u malee, Filannoon qaamolee kanaa osoo hin gaggeessiin turuun harcaatiin bal'aan kan jiru ta'uu ibsaniiru. Kanaaf, Filannoon Mana Maree kun Caffee Bara Hojii 7ffaa keessatti ni gaggeeffama jedhamee eegama jedhan.