13/06/2023
Gurbaa bareedaa, reefuu yuunivarsiitiirraa eebbifamee ogummaa fayyaatiin sabasaa tajaajiluu jalqabe kana dhibee hamaatu qabate! ! Dookterri lubbuu nama kumaatamaa du’arraa nuuf oolchaa jiru kun ofii lubbuusaa tokkittii dhabuuf deema!
Dr Dureessaa Tarfaa Ejjetaa Shawaa Lixaa, Aanaa Liiban Jaawwiitti kan dhalatee guddate yoo tahu, barumsa Sadarkaa tokkoffaa fii lammaffaa Baabbichatti, kutaa 11 fi 12 immoo mana barumsa qophaa'inaa Ambootti erga barateen booda qabxii olaanaa galmeessisuun barumsa Meedisinii barachuuf jimmaa Yuunivarsiitiitti imale.
Dr Dureessaan University Jimmaatti barnoota Fayyaa waggaa torba erga baratee booda bara darbe (2014) qabxii boonsaadhaan kan eebbifame yoo tahu, abjuu ijoollummaa isaa mirkanessuun yeroo fi humna isaa wareegee, dadhabbii fi bu'aa bahii hedduu booda Harargee lixaa Hospitaala Burqaa Dhintuutti ramadamee uummata isaa jaalatu haala gaarii fi nuffii tokko malee tajaajiluu ega jalqabee reefu waggaan tokko lakkaa'ama. Sabnikoo hin dhukkubsatin kan dhukkubsatemmoo hin dararamiin jechuun of qusannaa tokko malee yeroo hojjetaa jirutti; deemee tajaajiluu kan hin nuffine Dr Dureessaan har'a dhibee balaafamaan kun isatti dhufte. Obboleessi keenya Kun qorannoo dhukkubbii miila Isaa bitaa irratti yeroo dhihoo as itti dhagahamuu jalqabeef taasiseen kaanserii lafee hammaataa ( ) jedhamu irratti argamee jira.
Qorannoo gara garaa fii wal'aansaaf Finfinnee Hospitaala Xiqur Ambessaatti deddeebi'uu ergii eegalee ji'arra kan darbee fi qoricha chemotherapy jalqabee Kan jiru ta'us, yaaliin baqaqsanii hodhuu akka akka isa barbaachisu itti himamee jira. Dhibeen kaansarii kuni baayyee hamaa kan ta'ee fi keessattuu yeroodhan yoo hin yaalamne carraa gara sombaa fi qaama isaa biraatti faffaca'u un balaa hamaa geessisuu akka danda'us itti himame!. Yaala kanaa fi qorannaa dabalataaf gara biyya alaa deemuun akka yaalamuu qabus boordiin Hospitaalichaa murteessuun riifarii barreesseefii jira. Yaalii kanaaf immoo baasii hanga doolaara ameerikaa kuma 60 (miliyeena 3.3 akka jijjiirraa maallaqa baankiitti) Waan isa barbaachisuuf lammiin Koo naaf qaqqabaa jechuun, hanga humna keessanii akka gargaartan isin gaafata!.
kanneen gargaaruu barbaaddaniif Akkaawuntii:
Baankii daldala Itoopiyaa
1000136089327
Duresa Terfa Ejeta
Awash International Bank
013201159260400
Duresa Terfa Ejeta
Cooperative Bank of Oromia
1058800004097
Duresa Terfa Ejeta
Waan dandeenyu ni xiqqaate utuu hin jedhiin haa gumaachinu. Akka amantaa keenyaattis Waaqa isa hunda danda’u haa kadhannuuf!
Waaqayyo wal’ansoo kana si haa moosisu obboleessa koo!