Gamachu Galgale law Room

Gamachu Galgale law Room Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gamachu Galgale law Room, Hagere Mariam.

27/05/2022
26/05/2022

Fuula barruu kanaan hubannoo seeraa gaggabaaboo ni maxxansina, hordofaa.

25/02/2022


📘MMBHM Falmii hojjettoota mootummaa akkaataa Labsii Hojjattoota Mootummaa lakk. 215/2011 keewwata 81tiin dhiyeessan ilaalee kan murteessu “Mana Murtii Bulchiinsaa” jedhamee kan waamamu kan hundeeffameedha.
👉 Manni murtichaa dhaddachoota iyyata, komii fi ol’iyyannoo dhiyaatu qoratee murtii kennuu ni qabaata.
👉Tokkoon tokkoo dhaddachaa Hoogganaa Biirichaan kan moggafaman walitti qabaa
tokkoo fi miseensota Abbootii seeraa lama ni qabaata.
👉 Abbootiin Seeraa Mana Murtii Bulchiinsaa haala hojii isaanii itti hojjatan, naamusaa
eeguu qabanii, faayidaalee argachuu qabanii fi haalawwan biroo qajeelfama Biirichi
baasuun kan murtaa’u ta’a.
👉Manni Murtii Bulchiinsaa barbaachiisaa ta’ee yemmuu argamuu dhaddachoota
dhaabbii yookiin naannawaa qabaachuu ni danda’a.(Labsii HMNO lakk 215/2011 keewwata 79)

📘Hojimaataa fi Aangoo Mana Murtii Bulchiinsaa
👉Manni Murtichaa Dhimmoota dhiyataniif ilaaluun ajajaa fi murtii kennuu
👉Hojjetaan mootummaa murtiin kennameera jedhee kakuun deeggaree ol’iyyannoo
yoo dhiyeessee, Manni Murtii Bulchiinsaa fuudhee ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa ni qabaata.
👉 Ajajnii fi murtiiwwan Manni Murtii Bulchiinsaa kennuu akkuma ajajootaa fi
👉murtiiwwan Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa Manni Murtii Idilee kaminiyyuun kennamuutti lakkaawama (Labsii HMNO lakk 215/2011 keewwata 80)


📘Manni Murtii Bulchiinsaa dhimmoota armaan gadii ilaalee murteessuuf aangoo ni
qabaata.
✔️Ol’iyyannoo hojjettoota mootummaatiin walqabatee dhimmoota armaan gadiitti
dhiyaatan:
👉Seeraan ala hojii irraa dhorkamuu yookiin tajaajilli addaan cituu;
👉Murtii adabbii naamusaa cimaa;
👉Mindaan yookiin kanfaltiiwwan biroo seeraa ala kan jalaa qabame yookiin cite;
👉Miidhaa yookiin dhibee sababa hojiitiin irra gaheen haala walqabateen mirgi
hir’achuu;
👉Akkaataa Labsii kana keewwata 77 keewwata xiqqaa 7 ibsameen ala, Koree Komii
Qulqulleessaatiin dhimmoota ilaalamanii murtiin itti kenname;
👉Dhimmoota gaaffii hojii gadi lakkisuu fi ragaa muuxannoo hojii irratti ka’u;
✔️Hojjettoota yeroo fi kaayyoo bu’uura seera hojjettoota mootummaa hordofuun qajeelfama keessaatiin akka bulchan manneen hojii hayyamameef keessatti hojjettoota
qaxaramanii hojjetaan irraa ol’iyyannoo dhiyaate;
👉Manni Murtii Bulchiinsaa dhimma ol’iyyannoon itti dhiyaate erga qoratee booda
murticha mirkaneessuu, haquu yookiin foyyeessuu ni danda’a.
✔️Manni Murtii Bulchiinsaa murtee kenne guyyoota hojii kudhan keessatti garagalcha
murtichaa qaama ol’iyyateef yookiin bakka bu’aa mana hojichaaf akka dhaqqabu taasisuu qaba,
✔️Biirichi hooggansa qabeenya namaa ilaalchisee eeruu dhiyaatuun yookiin kaka’umsa
mataa isaatiin seerri cabuu yookiin loogiin raawwatamuu mirkanneessuun tarkaanfiin
sirreeffamaa kennee hojiirraa ooluu yoo dhabee dhimmoota dhiyataniif qoratee murtii
kennuu aangoo ni qabaata.

✔️Manni Murtii Bulchiinsaa falmii ijoo dubbii irratti murtiin kennu kan dhumaa ta’a, ta’us murtiin Mana Murtii Bulchiinsaa dogoggora seeraa qaba jedhee qaamni falmu murtiin mana murtichaa isa dhaqqabee guyyoota 60 keessatti ol’iyyannoo isaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif dhiyeeffachuu ni danda’a.


✔️Manni hojii mootummaa kamiyyuu murtii Mana Murtiii bulchiinsaatiin kenname guyyaa isa gahe irraa eegalee guyyoota hojii kudhan keessatti hojii irra oolchuu qaba.
✔️Akkaataa Labsii kana keewwata 81(3) fi (4)tiin murtiin Mana Murtichaa guyyaa 30
keessatti naaf hin raawwatamne jechuun fayyadamaan murtichaa yammuu iyyatu
✔️Manni Murtii Bulchiinsaa murtichaa akka raawwachiisuuf Mana Murtii Aanaa dhimmicha ilaalutti qajeelfama.

🔊 hub:Hojjattoonni Mootummaa labsii kanaan bulan baayyeen isaanii dhimmoota Mana mirtii bulchiinsaa Hojjattoota Mootummaan ilaalaman jedhamanii labsii kana jalatti tarraa'an qabatee gara mana murtii ildileetti ittiin dhufan ni mul'ata kuni dogongora waan ta'eef barruu kana warri dubbiftan hubannoo gahaa argattan jedhamee tilmaama.

✔️Guutuu labsii Hojjattoota Mootummaa naannoo Oromiyaa lakk 2015/2011 argachuuf Telegram kana join godhaa buufadhaa dubbisaa https://t.me/+xFV52ktrgzUxMzE8
Galatoomaa

Address

Hagere Mariam

Telephone

+251916377035

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamachu Galgale law Room posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share