Udesa B. Jilo

Udesa B. Jilo To preach Jesus Christ is to stand between eternity and time and speak life into souls that are drifting toward death. I am the result of God's Mercy

 .Gaafa tokko jaarsaa fi jaartiin isaa waan garagaraa halchanii garuu wol dhoffatan jedhama. Jaarsi bulluqa (Facoo,)  ha...
02/12/2025

.
Gaafa tokko jaarsaa fi jaartiin isaa waan garagaraa halchanii garuu wol dhoffatan jedhama. Jaarsi bulluqa (Facoo,) halche. Jaartiin ammoo foon halchite. isiin hawwii ifii guuttachuuf jecha "Ani dikkoo dhaqee ammuma dhufa" jaarsaan jettee saaxaraa butattee foon bitata baate; iyyi kaate jennaan "naaf tolte" jedhe maraataan akkuma mammaaksi jedhu, jaarsille akkuma isiin baateen adoo hin turin, "hashuu latti laa naaf qoommotte", jedhee, okkotee (halalaa) butatee bulluqa (facoo) dhaabbachuu jalqabe. yennaa jaarsi bulluqa bilcheeffatee fooqqisuu jalqabu jaartiille foon ifii bitattee fiigaa gara manaa dhutte, inni muddamee, adoo nnyaatu hidhii ifi muree" " jedhaa dheeta taqee jala seenee dhokate. Isiin akkuma dhufteen waan takkattiille adoo hin qorqorin, cuuphii jaarsa ifiitiin foon kutataa nyaatuu jalqabde, garuu adoo hin turin hidhii ifi murtee "Ani laa bade" jette, achumaan jaarsille si qofaa motii "Anille kunoo bade asi taqee jala jira" jedhee addee itti dhokatee baye. jedhama. waan irraa hubattan naaf barreessaa. yoo isinitti tole woliin qoodaa. Kibxata dansaa qabaadhaa.

Dursa Dambobi Dida Badhasa Barchu Elema Daniel Elema Dhugaa Faana Deemi Yosefudo Naol Dugo Evangelist Asefa Baneta Shunda Daniel Jilo Lefo Abba Dokter Murti Milkias Udessa Murti Jilo Hebero Waare

Inni kolbaa ifiitiif hundee fayyinnaa, qarumma'aatii fi beekkumsaa hin te'a; Mootii Waan Maraa sodaatiisille karra karra...
26/11/2025

Inni kolbaa ifiitiif hundee fayyinnaa, qarumma'aatii fi beekkumsaa hin te'a; Mootii Waan Maraa sodaatiisille karra karra mara caalte. Isaayaasii Raagichaa 33:6.

24/11/2025

Sagaleen Waaqayyoo dhala namaatiin uumama kaku'uuti jedha; Saayinsiin immoo bineensa yaaduu danda'u jedha. Mee isin maal jettu?

16/10/2025
Yaada bilchaataa kana hubadhaa!!!
09/09/2025

Yaada bilchaataa kana hubadhaa!!!

Akka Ani Hubadhetti! እኔ እንደተረዳሁት! Lidiya Deresse
""""""""""""""""""""""""""
Maqaan Gooftaa Yesuusii bara baraan duraa biyya Waaqaatii jalqabee olgubbaa (samii) haga lafaatti faarfatamaa ture, ammas itti jira, bara baraanis itti fufee faarfatama. Addunyaa lafaa kanarratti afaanota gara garaatiin, aadaa gara garaatiin, yoyyoma/yeedaloo gara garaatiin, shubbisaa fi agarsiisa saba gara garaatiin, maqaan Gooftaa Yesuusii faarfatamee, lallabamee, barsiifamee, jajamee, kabajamee amma gahe.

Fkn faarfannoota Afaan Oromoo yoo fudhanne, Wongeela uummata oromootiin dhaqqabuuf jedhamee akeeka kanaan dura uummata keessa ture (geerarsa, shubbisa, ragada, waarii, waamuu loonii, loollaa,...kkf) fayyadamuun faarfannaan hojjatamaa ture, ammas ittuma jira. Isa kana yaada qajeelaadhaan fudhannee itti fayyadamneerra (Wongeelli aadaa fi akeeka saba tokkootiin yoo dhiyaate saba san Kiristoosiif booji'uuf karaa gabaabaadha jedhamee waan yaadamuuf).

Dhimma faarfannaa haaraa Lidiya Deresse ilaalchisee faarfattuun HOO BILEN jettee hojjattee jirti. Yaadi bindillaan/danuun irratti kennamuurra darbee, YouTube irraa haquufis tarkaanfiin fudhatamee jira. Animmoo yaada namootarraa ka'aa ture faana bu'ee, sirbi yoyyoma/yeedaloo kanaan HOO BILEN jedhamee sirbame akka jiru hubadhe malee kanaan dura hin beekne ture. Saatii faarfannichi gadi dhiifametti faarfannaa daqiiqaa 3:29 dageeffadhee ameen jedhee xumure. Yaadota ka'aa turanirratti comment uummataa baay'ee argeera, garuu Yaada faarfattuu Liidiyaa hin dhageenne.

komiin guddaan ka'e yoyyoma/yeedaloo sirbaatti gara faarfannaatti jijjiirame isa jedhuudha. Ani komii kana dhageeffadhee, faarfannichas dhageeffadhee waan tokko yaade. Guyyaa ayyaanaa worri daraaraa, margaa fi dibbee guuratanii mana mana namaarra deemanii Hoo bilen mexan, abeba yizen jedhan kun hafee, akka faarfattuun Liidiyaan faarfatte kana (Hoo bilen mexan, Iyesusin Yizen, Wongel Seniqen/ሆ ብለን መጣን፥ ወንጌል ሰንቀን፥ ኢየሱስን ይዘን) jedhanii osoo bakka buusanii oduu misiraachoo hin ta'u jettanii yaadduu! Faarfattuun Liidiyaanis akkasumatti waan yaadde natti fakkaata, Isheerraa yoo dhage'uu dhabeeyyuu.

Worri Amaariffa beettan faarfannicha asii gaditti barreesseera, mee ilaalaa dogoggora isaa baasaa; akka kiyyatti ergaa guddaa dabarsite faarfattuun Liidiyaan. dhimma copy right qofa yoo ta'e ammoo hundi keenna abbaa dhimmaa (worra sirba sanii) te'uu hin qabnu. Yeedaloo sirbaatti gara faarfannaatti dhufe yaada jedhuuf ammoo, yoo ani dogoggore dhiifama! (na sirreessaa!) jedha, yeedaloon faarfannoota namoota hedduu haga ammaatti dhageennee fi muuziqaan, shubbisi, ragadi...isaanii maaf komatamuu dhabe? [Worri America akka isaaniitti, worri Nigeria akka aadaa isaaniitti, worri Kenya, Itoophiyaanis, hedduu hin fayyadamnee...?] Kan Liidiyaa qofti addatti bahee ilaalamuu qaba jedhee hin yaadu. Yoo akkasii kan namoota biraas ilaalamuu qaba.

Ani YouTube irraa baduu kan qabu Faarfannaa Liidiyaa kan Yesuusiif faarfatame osoo hin taane, sirba irratti osoo duullee balleessuu dandeennee dansaa jedha. Liidiyaan ija jabinaan Wongeela labsaa jirti, mootummaa Waaqaa keesatti gumaacha guddaa godhaa jirti, jedhee fudhadheera.

Ilarraa na hamburaa! (Na-ofkalchaa!)

Ammoo ani akka nama tokkootti, duula guddaa faarfattuu irratti baname kana itti hin gammanne. Ishee sirreessuuf yaadamee yoo ta'e, karaan nuuti itti duulle kun miidhuu malee sirreessuu natti hin fakkaanne. Liidiyaan dogoggora hin qabdu jechuu barbaadee adoo hin taane, akkaataan tarkaanfiin irratti fudhatame, kiristaanummaa, oromummaa fi sabummaa keenya ilaalcha keessa galcha jedhee herrega.

1ffaa Liidiyaan nama, nami yoo dogoggoreeyyuu xiin-samuun isaa eegamuu fi namummaa isaatiin kabaja qabaachuu qaba jedhee yaada.
2ffaa Tajaajiltuudha, yoo beektee ykn wollaalteeyyuu ofirraa ari'uu fi cabsuu osoo hin taane gorsuu fi jajjabeessuu/sirreessuu malee balaaleffachuun...??? [Kiristaanni nama dogoggore kadhateefii gorsee deebisa moo dhagaa itti guura..?] (Wonni al-tokkoon qenca/qeensarratti ajjeefamu injiraan qofa)
3ffaa Oromoon Intala ofii dhiisii diina isaayyuu akkaataa ittiin qabatu qabaa hin dagatinaa!

ሆ ብለን መጣን, ሆ ብለን
ወንጌል ሰንቀን
ኢየሱስን ይዘን
ወንጌል ሰመሄው/ሽው?
ባለእንጀሮቼ ስሙ በተራ
በጨለማችሁ ብርሃን ይብራ!
ሕይወታችሁን ኢየሱስ ይምራ!
በአዲሱ ዓመት ፍሬያችሁ ያፍራ!
አዴይ የዓለሙን ሲሳይ ተቀበይ!
ኢየሱስን የአብ ሲጦታ ከሰማይ!
ሆኖ መጣ ከላይ ተቀበይ!

እህት አበባ፥ እህት አበባዬ
እህት አበባ ነይ ወደ እርሱ!
እህት አበባ ያሳርፍሻል!
ከኮተቱ ከግሳንግሱ!

እዉዬ! ኤሄሄሄ! ዋውዩ ያድንሻል ብዬ
በእርስ ተዋውዬ፥ መጣው ፈጠን ብዬ!
የመስቀል ውለታ የጎልጎታው!
ለአንቺ ነው ደሙን ያፈሰሰው!
በጦር በችንካር የተወጋው!
በእንጨት ተሰቅለው የተሰዋው!
ይሸታል ድል ሕይወት x2 ለሚድኑት
ከብረው ይቆዩ ከብረው
የሱስን አምነው ሾመው!
በሰላም ተትረፍርፈው!
እስከ ፍጻሜ ፀንተው!
Dogoggora qubeetiif dhiifama gaafadha!

Waan biraa hamma barbaaddu caalaa yoo ofii kee barbaadde irra siif wayya. Sababni isaa ofii kee dhabdee waan biraa yoo a...
06/09/2025

Waan biraa hamma barbaaddu caalaa yoo ofii kee barbaadde irra siif wayya. Sababni isaa ofii kee dhabdee waan biraa yoo argatte ati hin kasaarte malee bu'aa hin buufanne. Ofi barbaaduun barbaacha hundumaa irra caala. Ofi argachuunis argannoo hundumaa irra caala.
Hubadhu: Ofii kee garuu Waaqayyo keessa barbaaduu qabda. Sababni isaa eenyummaa kee isa sirrii kan beeku Waaqayyoo malee hin jiru. Hin jiraatus. Kanaafuu ofi barbaaduuf jalqaba Waaqayyoon barbaaduu qabda; ofi argachuufis dursa Waaqayyoon argachuu qabda. Guyyaa Gaarii Siif haa ta'uu.

02/09/2025

Akka maatiin si ilaalutti miti, akka hiriyaan kee si ilaalutti miti, walumaagatti akka nami si ilaalutti osoo hin taane, akka . Ergasii eenyummaa kee isa sirrii ni argattaatii. !!!

Maqaan isaa Seenichaa Temesgen Galchuu Oriisaa jedhama. Barataa Yuunversiitii Jimmaatii fi Jiraataa magaalaa Bulee Horaa...
20/08/2025

Maqaan isaa Seenichaa Temesgen Galchuu Oriisaa jedhama. Barataa Yuunversiitii Jimmaatii fi Jiraataa magaalaa Bulee Horaati. Seenichaan turtii woggaa lamaatiif dhukkubbii cimaa dhukkubsachuun barnoota isaa addaan kutee gara maatiitti deebi'uun yaadatama. Namoonni gaafa fayyaa isaatti anatti siif jira jedhanulle gaafa dhukkubbiisaa hamma dubbii isaanii hanqatan. Wanti baay'ee nama maadessu(ajaa'ibsiisu) garuu seenichaan yeroo hammas gahuuf Yuunversiitii dhiphinna dhukkubaa keessa turus, dhukkba, dhiphinnaa fi qofummaan abdii isa hin kutachiifne; qooda san, dhukkubbii fi dhiphinna dhalooti keenna jaarraa 21ffaa woliin rakkataa jiruuf qoricha barbaachisu, qopheessaa ture kan maqaan isaa " " jedhamu qabatee gara keenna asi fulla'eera. Anjireen kitaaba. Garuu dhugumaanuu Anjireen anaaf kitaaba te'uurra darbee qoricha. Jaalala badeef, hariiroo diigameef, tokkummaa dhabameef/dhibeef, lola garaa addaateef/baay'ateef, qorichii fi furmaati filannoo biraa hin qanne "Anjiree" qofa. Waaqayyoon iyyuu hariiroo isaatii fi kan dhala namaa kan diigame fayyisuuf ni anjirateef. Kana jechuun " " qoricha namaa fi nama wolitti fayyisu qofa adoo(osoo) hin taane, dawaa Waaqayyoo fi nama wolitti fide/araarse te'uu isaa Obboleessi keenna Seenichaan nu yaadachiiseera.
👉Kanaafuu dargaggeessa qaxalee keenya Seenichaa Temesgen Galchuu jajjabeessaa , gargaaraa(tumsaa), gara boolla(bowwaa) wol- loluutti, wol cabsuutti, wol abaaruutti, wol diiguutti, wol ajjeesuutti, woli oofuu dhiinyee(dhiisee) gara gaaddisa aanjireetti woli haa finnuu(fidnuu)tiin dhaamsa kiyya.
✅ Anjireen bilchaateeraa soorannee namoota biraalle haa dhaqqabsiisnuu.

👉Seenichoo ati nama gatii qaaliiti. Rakkinna keessa adoo(osoo) jiranuu, dhukkubbii ofii kulkulfatuu dhiisanii dhiphinna dhalootaatiif furmaata qopheessuun akka dande'amu ifaan nutti agarsiisteetta. Galatoomi🙏♥️🙏 Jabaadhu! Ammas Waaqayyoon Ayyaana isaa siif haa baay'isu.

02/02/2025


Daawwiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera.
Hujii Ergantootaa 13:36
Namni kamiiyyuu yeroo uumamnu akka Jaalala keenyaatti adoo(osoo) hin te'in akka Jaalala Waaqayyootti. Kan jiraannus, kan duunus akka fedha Waaqayyootti. Sagaleen Waaqayyoo kana yoo ibsu"Nu keessaa tokko illee akeeka ofii isaatiif hin jiraatu; tokko illees akeeka ofii isaatiif hin du'u, Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti." Rom 14:7. Jedha. :-
Waaqayyoon kan nu dadeefis akka akeeka, fedhaa fi Kaayyoo Isaatti dhaloota keenya akka tajaajilluuf. Waanuma amma qabnu hundumaa fkn; Beekumsa, Ogummaa, aangoo, kennaa adda addaa, qabeenyaa fi kkf Waaqayyoon kan nuuf kenneef akka nuutti ittiin Kaayyoo Isaa muummessinuuf. Akka barbaanne Kaayyoo dhuunfaa keenyaa fiixaan baafachuuf kan itti fayyadamnuu miti. Sagaleen Waaqayyoo “Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.”
— Efe. 2:10 jedhee eenyuun akka uumamnee fi maaliif akka uumamne nutti hima.
Waan uumamneef hojjachuun milkaa'ina guddaddha; akkasumas waan dhallanneef hojjachuu dhabuun immoo kisaaraa guddaadha. Waanuma hundaayyuu hojjachuun dura fedha Waaqayyooti moo miti jennee adda baasuu qabna. Isa kana sagaleen Waaqayyoo “Namni akka ofii isaatii ilaalutti karaan jireenya isaa hundinuu qullaa'aa dha, Waaqayyo garuu, hafuura inni ittiin geggeeffamu sana in miijana.” jedhee ibsa.
— Fak. 16:2
Addunyaa ololaa fi jeequmsaan guutamte tana keessatti fedha Waaqayyoo Jireenya keenyaaf qabu adda baasuun qormaata ta’uu danda’a. Haa ta'u malee akka kiristaanotaatti qajeelfamaa fi kallattii fedha Waaqayyootiin dhaloota keenya tajaajiluun dirqama keenya malee mirga keenyaa miti. Gochaa fi murtoo keenya karoora isaa wajjin walsimsiisuun addunyaa naannoo keenya jiru irratti dhiibbaa gaarii fiduu fi dhaloota dhufuuf dhaala Waaraa te'e dhaalchisuu dandeenya.
Yoo akka fedhii Waaqayyootti dhaloota keenya tajaajiluu dhabne garuu.... ...

Natti hin hir'atin malee garaan kee namni maal naa godhaaNarra jiraatuu malee kakuun keeti yoos gaarrinuu gadi naaf jedh...
25/11/2024

Natti hin hir'atin malee garaan kee namni maal naa godhaa
Narra jiraatuu malee kakuun keeti yoos gaarrinuu gadi naaf jedhaa
Iddoo hin taa'uu guyyootaan jijjiiramaa jaalalli namaa
Biyya lafaattin qabuu sanyiidhaan ani sittin waamamaa

Address

Hagere Mariam

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Udesa B. Jilo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category