29/01/2026
👇🏾BHU
==============================
Barnootni kalaqa jijjiirama amalaafi wixinee yaad-qalbii ittiin galma geessifataniidha.Tana mormii hin qabnu.Ilmi namaa waa morkatee tamaariisa kana jaarraa darban hedduu keessaa eegalee itti jira.Nulle tana dhagginee faana qorre.Garuu,akka hiikkichaa ta'uu dide__BHU✍🏾
Nuuyi silaa komii guddoo qabna yuunibarstii teenna tana irraa.Haa ta'u, abbaan of-hin komatu.Gaafa Dhugaan galteef garuu mulqee of-jaji'a.
Dhaabbanni kun dhaabbata guddaa, warshaa sammuu dhala namaa qaruuf( to be sharpened) dhaabbateedha.Yuunibarsiitiin kun jijjiirama barbaadamu qabatama jiruun woggoota darban keessa fideeraa? eeyyeen fideera.Sana keessa hingallu sana seenaanuu ni ibsa.Haata'uu malee, hooggansa yeroo-yeroon gegeeddaraa__wol-hamachaa,wol-saaxilaa, wol-tuffachaa, aangoof jedhanii dabarsanii hidhaa 'qillinxoof' wol kennaa__ Waataa fa'a.
...
Ta asi Godiina keenna ka bahaa kana keessatti rakkoo namni keenna qabu hubatamee__"Barachuun isaaniif mala" (Oromo nations must learn) hiikkoo jettuun dameeleen adda addaalleen laa banamte.Qabatama yeroo ammaa jiruun garuu akkas miti.Sanumaayyuu" faayinaansii fa'attu numuudate" jechaa barattoota bara 2013ALH eegalan haga ammaatti kan hin xumursiisne ta'uu ragaan anaayyu.
Ammammoo 'wulii' tokko malee kaffaltii semisteera kanaaf kaffalamu, idaa kanaan dura irra ture deebifachuuf jecha; humnaan ol parsantii 200n ol dabalanii baasan.Kunimmoo seeraan-heeraanis likkii ta'ee hin mul'atu.Barataan kana baratu baasii isaaf malu, "kanattu naga'aa" jedhee parsantuma duraan kaffalaa tureeru olkaayateera.Kunimmoo yoo itti dhufu akkam haa ta'uutiiree?
✍🏾 Namoonni dhimmootni kun komii jettanu mee waa babarreessaa. 👇🏾Kanammoo dursanii karaa bakka bu'ootaatiin mariisisuu turan malee, "fudhattu fudhadhu" jechuun gaala okkoteetti dhiibuun hin barbaachisu. Nuuti dandeenyee hin kaffalluun afaan aadaati .Dhaabbatichi ammas irra deebi'ee ilaalcha gochuu qaba.
Hosee✍❤