02/01/2026
🌿 Jecha Gorsa Qalbii Nama Jabeessu 🌿
Umar ibn Al-Khaxxaab () akka jedhanitti:
> “Balaan kamiyyuu yoo natti dhufu, isaa wajjin qananiin Rabbii afur naa dhufa malee hin hafu.”
✨ Qananiilee sanis:
1️⃣ Balaan sun amantii kiyyaa hin tuqne
— Qabeenya, fayyaa ykn wantoota addunyaa ta’uu danda’a; garuu amantiin koo nagaa ta’ee jira.
2️⃣ Balaan sun isa caalaa hin hammaanne
— Waan caalaa hamaa na quunnamuu danda’u ture; kanaaf Rabbii galateeffadha.
3️⃣ Ani balaa sana hin jibbine
— Wanti hundi murtii Rabbii waan ta’eef obsaan fudhadha.
4️⃣ Sababa balaa sanaatiin mindaa Rabbirraa abdachaa jira
— Obsaan fi amantiidhaan yoo simanne, mindaan isaa guddaadha.
🤍 Ergaa guddaa:
Balaan yeroo dhufu, yaada keenya gara qananiilee Rabbii nuuf kenneetti deebifachuun qalbii keenya ni tasgabbeessa.
📌 Obsaa fi amantiin furmaata hunda caala.