24/08/2026
Barnoota Hojiifi Gochaan Kennamu Bu'a Qabeessa Taasisuuf Biiroon Barnootaafi Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Waliin Hojjachuu Eegalan
BBO - Hagayya 18/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waliin ta'uun Barnoota Hojiifi Gochaa /Career & Technical Education/ kutaa 11 -12 fi kutaa 7 -8 keessatti Barnoota Dhaweessummaa jedhamee kennamaa jiran irratti qabatamaafi bu'a qabeessummaa mirkaneessuuf guyyaa har'aa Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa-Adaamaatti argamu keessatti waareen dura marii waliinii gaggeessaniiru.
Waltajjicha haasawaan kan banan hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Injinar Eebbaa Garbaa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti misooma ogummaa babal'isuun dhaloota ogummaan gahoome horachuufi dhaloota hiyyummaa seenaa taasisu burqisiisuuf Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin barattoota irratti hojjachuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.
Dabalataanis, Dhaloota ogummaafi teeknooloojiin of danda'e, oomishaan of danda'eefi hawaasa isaaf buusuu danda'u dhugoomsuuf waliin hojjachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Itti aansun, BBO irraa sanadni waliin hojjachuuf ka'umsa ta'u Daayirektara Daayirektoreetii Sagantaa Barnoota Sad. 2ffaa Doktora Kaadhimamaa Mangistuu Lataatin waltajjiif dhihaateera.
Sanadicha dhihaate keessatti barbaachisummaa Barnoota Hojiifi Gochaa/Career anda Technical Education/ fi Barnoota Dhaweessummaa. gosoota barnoota hojiifi ogummaa, haala itti barsiifamaa jiru, iddoo deeggarsa BCHUOO irraa eegamu, gahee biiroon lachuu bahachuu qabuufi yaadota mariif ta'an dhiheessuun irratti mari'atameera.
Marii kanarratti kan hirmaatan hogganaa I/A BBO Dr. Galaanaa W/Mikaa'eliifi Ministeera Barnootaatti Daayirektara Sagantaa Sirna Barnootaa kan ta'an Aadde Zaafuu Abrahaa dabalatee, hoggansi I/A BCHUOO, daayirektaroonni, Abbootii Adeemsa Godinaaleefi Magaalotaa, Dura Bu'oota Kolleejjiwwan Leenjii Teeknikaafi Ogummaa,haaluma walfakkaatun, BBO irraa daayirektaroota, ogeessot