19/07/2026
.
Namummaan midhaan miti
Maaf safartu kiilooni?
Bifaanis hin dhageenye
Sangaa qofa kiilooni!
Gariin qabeenya jedha
Fixeensa guyyaa bu'u
Kaanis taayitaa laala
Akka waan baatee du'uu
Tasuma naaf hin galle
Madaalli kan baranaa
Hojjaa moo miidhagina
Natti himaaka jarana!
Sooressaaf gad gugguufaa
Dhabaa ildiimaa dabartuu
Taakkuudhamoo dhundhuma
Meeshaa kamiin safartu!
Kan ani beeku garuu....
Dhala namaa ta'anii
Garaa Aayyoo ba'uudha
Dhalootaaf dhalatanii
Galma kaayyoo ga'uudha!
Kan mul'ataaf jiraatu
Wanta fedhellee dhabu
Na biratti namadha
Nama namummaa qabu!