Jireenyi qormaata Obsii furmaata

Jireenyi qormaata Obsii furmaata Ofii ta'i jiradhu.

04/08/2025

Jechoota Hayyoota Addunyaa
***************************👇
1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii)
3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)
5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)

6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)

11.👉 Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15.👉 Gammachuu fi sh*ttoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan)
17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa jira

03/08/2025

Wantonni 6 Kunneen Fayyaa Keessan Balaa Irra Buusan:

1. Wal-qunnamtii saalaa baayyisuu
2. Halkan hirriba gahaa dhabuu.
3. Guyyaa baayyisanii rafuu
4. Nyaata nyaata irraan nyaachuu.
5. Halkan qixxee bishaan dhuguu
6. Fincaan qabatanii turuu.irraa ofi qusadha.
Like, Sher , comments gochuu hin dagaatina.
Maddi.
💓👉

03/08/2025

Yoo Gammachuu argachuu barbaadde:
*************************
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi malee humnaa ol hin dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama namaa gochuu amaleeffadhu!
****************

03/08/2025

Dhimma Barsiisaa irratti qaamni qoosu qaama biyya diiguuf deemaaru akka ta'e ragaa biroo hin barbaachisu;

↪️Ilaa mee isa har'a biyya Bulchaa jiru Gaafa kutaa 1ffaa barachuuf mana barnootaa deemtu waraana moo, kaadire moo, ogeessa fayyaati moo, banker tu Si simatee? si'ii jaamaa ija hin qabne duudaa gurra hin qabne ija banee dubbise? Barsiisaan...

↪️Qalbeeffadhu yaa namana
Har'a haalli hundi siif guutee Waan jiruuf ati dagachuu malta!
Barsiisaan dhagaa duudaa cabsee nama si taasise.
Ati dhagaa duudaadha boca har'a qabaattu kana kan Si qabsiise Barsiisaa dha.
Feetu doctor ta'i, feetu enginer ta'i, feetu paylate ta'i , yoo komishiniinera ta'i...
Osoo Barsiisaan hin jiru ta'ee Ati dhuguma dhagaa duudaadha.
↪️Barsiisaaf;
Manni viillaan hin maluu?
Konkolaataan v8 hin maluu?
Jireenyi gammachuu hin maluu?
Fuudhee Sanyii horuun hin maluu?
Mindaan gahaan hin maluu?
Tajaajila yaalaa bilisaa argachuun hin maluu...

↪️ Barsiisaan wareegama qaalii baddaa gammoojjii keessatti dararaa daangaa hin qabne,
Beela
Dheebuu
Qorra
Hoo'a
Lafa bishaan hin jirre
Lafa midhaan hin jirre
Gammoojjitti BofA fira godhatee
Baddatti qorraaf dhoqqee fira taasifatee
Biyya Utubee dhalootaaf aarsaa ta'aa jira.
Dhalootaaf dungoo ta'ee baqee Ofii baqee dhumata.

02/08/2025

Osoo jennuu.....
Barsiisaan hoolaa hate jedhan sun hoolota baay'ee nama godheera waan ta'eef, hoolaa ofii fudhate dhiisaa!💉

02/08/2025

Ilmi Namaa Haala Jireenya Isaatin Bakka Saditti Qoodama
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Tokko Kan Biyya Jiru
2: Tokko Kan Biyyaaf Jiru
3: Tokko Kan Biyyatti Jiru

B,Namni Lafee Qorqu Waa Sadii Fakkaata

1: Yeroo Ija babaasu Goota Fakkaata
2: Yeroo Afaan Itti Banu Waraabeessa Fakkaata
3: Yeroo Itti Gororu Daa’ima Fakkaata

C,Namni Kijibu Waa Sadiif Muddama

1: Dhagayuuf Muddama
2: Himuuf Muddama
3: Booda Ammoo Na Dhooysaaf Muddama

D, Goowwaan Waa Sadii Jaalata

1: Osoo Hin Dubbisin Dubbachuu
2: Osoo Hin Gaafatin Himuu
3: Osoo Hin Tuqin Aaruu

E, Dubartii Waa Sadiin Horatu

1: Sadii Gorsaan
2: Sadii Obsaan
3: Sadii Dhooksaan

Yaa Rabbi Waan Namaa fii Sa’aaf Hin Tolle Hunda Nurraa Qabi.

01/08/2025
01/08/2025
01/08/2025

‼️‼️
==============================
1⃣.Yoo jaalalleen kee galgala galgala qofaa si waliin haasa’uuf ykn si waliin taphachuuf si barbaada/ddi ta’e ati nama waliin jiraacha jirta osoo hin taane BOOKEE waliini.😁

2⃣.Namoonni baay’een jaalallee malee jiraachuun hin danda’amu jedhu ani garuu Oksijiinii(Oxygen) malee jiraachuutu hin danda’aamuun jedha.😁

3⃣.Afriikaa keessatti seerri namoonni hundi kabajan “battery low” kan jedhu qofa.😁

4⃣.Dubartoonni hundi hamma qorichi HIV AIDS argamutti wal qunnamtii saalaa(intact_sex) hin hojjeennu jedhanii otoo didaniiru ta’ee, Dhiroonni qoricha isaa guyyaa 30 keessatti argatu ture.😁

5⃣.Addaami fi Hewwaan otoo akka ummata chaayinaa ta’ani silaa jannatuma keessa jirra. Sababiin isaa Mukicha hin nyaatina jedhaman sana dhiisanii boficha nyaatu ture!!😁

6⃣.Ati jaalallee tokko ol qabda yoo ta’e si keessa kan jiru jaalala osoo hin taane “Memory card” dha.😁

7⃣.Dubartoonni tokko tokko waan jiimii(gym) hojjetan fakkatu, garuu mana jiimii(gym) balbaluma isaayyuu hin beekan. Ta’us dhiira tokko irraa garaa dhiira kan birootti fiiguuf jecha bocni qaama isaani kan bareedu.😁

8⃣.Otoo haadha manaa qabdu barattoota kee faana jiraachuun sitti tola yoo ta’ee haadha manaa keef yuunifoormii barataa bitiif.😁

9⃣.Seexanni iyyuu “gay” hin qabu ture, sababiin isaa Addaami fi hewwaan qullaa jiran waan filateef.😁

🔟.Ati miidhagduu miti taanan ani miidhagduu miti jedhi, miidhagina keessaa kan jettu dhisi nuti X-ray ilaala hin deemnu.😁

1⃣1⃣.Waaqayyoo qorataa cimaadha, Cinaacha dhiraa keessaa lafee tokko fuudhee sagalee guddistuu (loud speaker) hojjete.😁

1⃣2⃣.Addunyaan kun biyya keenya Afrikaa kana nu miiteetti. Sababiin isaa
🏅faranjiin tokko otoo gara Afrikaa dhufee daawwataa (tourist) jedhani simatu.😁

meeqa sitti tole coment jalati barreessi.

✍️Waan dubbistaniif 💜
Jireenyi qormaata obsii furmaata Follow godhaa‼️‼️

Address

Dodola

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jireenyi qormaata Obsii furmaata posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Jireenyi qormaata Obsii furmaata:

Shortcuts

Share