Mohammed Abrahim

Mohammed Abrahim Hanga Lubbuun Jirtu Gaarii Yaadi Humnuma Qabduun. Gaarii Yaaduuf Ulaagaan Aangoo Ykn Qabeenyaa Miti.

 πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€...
09/08/2024

🎀🎀🎀
πŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈπŸƒβ€βž‘οΈπŸƒβ€β™‚β€βž‘οΈπŸƒβ€β™€β€βž‘οΈ πŸ›ΊπŸ›ΊπŸš΅β€β™€πŸ›ΊπŸš΄β€β™‚πŸ›ΊπŸ‘¬πŸš΄β€β™‚πŸ›ΊπŸ‘­πŸš΄β€β™€πŸ›ΊπŸš΄πŸ›ΊπŸš΄β€β™‚
Barattootaa Manneen Barnootaa Sad.1ffaafi 2ffaa Bulchinsa Magaalaa Baddeessaa Hundaaf. /2016 Irraa Kaafnee Manneen Barnootaa Qabnu Hunda Keessatti Galmee Egalamteetti Jirti. Tokko Tokkoon Maatii Barattootaa Hundinuu Daa'imman Keessan Manneen Barnootaatti Fiddanii Galmeessuun Dirqama Keessan Tahuu Beektanii Jiraattootni Magaalaa Keenyaa, Maatiin Barattootaa, Gamtaan Maatii Barattootaa, Caasaaleen Gandaa Sadarkaa Sadarkaadhasn Jirtan, Abbootiin Amantaa, Jaarsooliin Biyyaa, Haadholiin Siinqee, Abbootiin Afooshaa, Barsiisootaafi Hooggantootni Manneen Barnootaa Sad.1ffaafi 2ffaa, Hoggantootni Bulchinsa Magaalaa Hundi Galmee Daa'imman Umrii 4 Hanga Barattootaa Kutaa 12ffaa Magaalaa Teenya Keessa Jiran Hundi Guyyoota Jedhaman Qofa Keessatti Dhufanii Akka Galmaa'u Qabaniif Gahee Adda Durummaa Isin Irraa Eegamu Akka Bahattan Dursinee Cimsinee Isin Beeksifna.

////Waaj/Barn/BMB Irraa////

06/07/2024
Shanan Dhuuggootiifi Muuxannoo Hojiilee Barnootaa Bara Baraan Galmeessaa Jiran.
06/07/2024

Shanan Dhuuggootiifi Muuxannoo Hojiilee Barnootaa Bara Baraan Galmeessaa Jiran.

 Badhaafamtoota Gootoota Barattoota Kutaa 9ffaa Hanga 11ffaa Mana Barumsaa Sad.2ffaa Haaji Mohammed Muussaa Kan Bara 201...
06/07/2024


Badhaafamtoota Gootoota Barattoota Kutaa 9ffaa Hanga 11ffaa Mana Barumsaa Sad.2ffaa Haaji Mohammed Muussaa Kan Bara 2016tti Sadarkaa 1ffaa Hanga 3ffaatti Bahanii Turaniifi Urjiiwwan Bulchinsa Magaalaa Baddeessaati.

30/06/2024


Godina Harargee Lixaa Bulchinsa Magaalaa Baddeessaatti Eebba Daa'imman BSTD Fi Cufiinsa Mana Barumsaa Sad.1ffaa Qiddisti Maariyaamii Barattoota Kutaa 1ffaa Hanga 7ffaa Jiraniif Guyyaa Har'aa Sagantaan Bareedaan Miidhagina Qabu Barsiisoota, Maatii Barattootaafi Koree Gamtaa Maatii Barattootaatiin Sagantaa Addaa Qopheessanii Cufiinsa Gaggeefameetti Jura. Sagantaa Kanarrattii Barattootni BSTD Hanga Kutaa 7ffaatti Jiran Keessaa Barattootni Bara Barnootaa 2016tti Daree Barachaa Turan Keessatti Qabxii Galmeessanii Sadarkaa 1ffaa Hanga 3ffaatti Bahaniifi Barattootni Akka Mana Barumsaa Kutaa 1ffaa Hanga 4ffaafi Kutaa 5ffaa Hanga 8ffaatti Qabxii Olaanoo Galmeessaniis Walduraa Duubaan Maatiin Isaanii Fuula Duratti Badhaasni Laatameefii Sagantaan Gaggeefamaa Turte Bifa Miidhaguna Qabduun Goolabamteetti Jirti.

 Godina Harargee Lixaa Bulchinsa Magaalaa Baddeessaatti Eebba Daa'immaan BSTD Milkeessaa Gadaa Barachaa Turan Guyyaa Har...
20/06/2024


Godina Harargee Lixaa Bulchinsa Magaalaa Baddeessaatti Eebba Daa'immaan BSTD Milkeessaa Gadaa Barachaa Turan Guyyaa Har'aa Bakka Maatiin Isaanii Guutuun Jiranitti Karaa Miidhagina Qabuun Eebbifamaniitti Jiran. Eebba Kana Daa'imman BSTD Kanarrattiis Haala Barsiisootni Daa'imman Kanneen Irratti Hojjatanii Beekkumsa, Dandeeytiifi Gahuumsaa Isaanii Irratti Jijjiirama Guddaan Dhufee Jiraachuufi Maatiin Barattoota Daa'imman Isaanii Manneen Barnootaa Dhuunfaa Maallaqaa Kafalameefi Daa'imman Barsiisaa Jiran Caalaa Manneen Barnootaa Mootummaa Gandoota Hunda Keessatti Ijaaramanii Keessatti Barsiisaa Jiran Abdiisaa Tahuus Ragaa Bahaniitti Jiran. Manneen Barnootaa BSTD Bulchinsi Magaalaa Baddeessaa Qabdu Guutuuniis Walduraa Duubaan Guyyoota Walitti Aananiif Kan Itti Fufiinsaan Kan Ebbisan Tahuu Isaati.

  Konferansiin hundee paartii kurmaana 2ffaa bara 2016 seektaroota Aanaa gaggeeffamaa jira!!!Amajjii 3/2016(PBAX) Hirna ...
12/01/2024

Konferansiin hundee paartii kurmaana 2ffaa bara 2016 seektaroota Aanaa gaggeeffamaa jira!!!
Amajjii 3/2016(PBAX) Hirna
********************
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti Konfiraansiin Miseensa Hundee paartii Badhaadhinaa Aanaa xuulloo Kurmaana 2ffaa bara 2016 seektaroota Aanaa bakka Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Xuulloo fi It/ Ga Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa xuulloo argamanitti gaggeeffamaa jira.

29/12/2023
Muddee_11_04_2016 Aanaa Xuullootti Mana Barumsa Sad.1ffaa Gujeetti Barsiisootaa Mana Barumsaa Waliin Adeemsa Baruu Barsi...
21/12/2023

Muddee_11_04_2016
Aanaa Xuullootti Mana Barumsa Sad.1ffaa Gujeetti Barsiisootaa Mana Barumsaa Waliin Adeemsa Baruu Barsiisuu Irratti Marii Gabaabaa Gaggeessineetti Jirra. Leenjii Marsaa 1ffaa Dandeeytii Raawwachisuumaa Adeemsa Baruu Barsiisuu Irratti Barsiisootaaf Manneen Barnootaa CRC Irratti Kennamtee Turteen Booda Jijjiiramni Ykn Bu'aan Argamee Jiru Irratti Marii Gabaabaa Gaggeessinee Kallattii Gara Fuula Kennamteefi Mariin Milkaa'inaan Xumuramteetti Jirti.

18/12/2023
  Gamaaggama Kurmaana 2ffaa Waajjirri Barnoota Godina Harargee Lixaa Gaggeessaa Jiru Irratti Sochiin Hojii Barnootaa Aan...
18/12/2023

Gamaaggama Kurmaana 2ffaa Waajjirri Barnoota Godina Harargee Lixaa Gaggeessaa Jiru Irratti Sochiin Hojii Barnootaa Aanaa Xuulloo Jirtu Gaarii Tahuu Hirmaattootni Ibsaniitti Jiran.
//////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Barnootaa Godina Gamaaggama Hojii Barnootaa Hoggantoota Waajjira Barnootaa, Abbootii Adeemsa Misooma Barsiisoota Aanoota Baadiyyaa 15, Bulchinsa Magalootaa Shanan, Ogeeyyiifi Abbootii Adeemsaa Waajjirichaa Hirmaachise Hunda Waliin Galma Waajjira Barnoota Godinatti Gaggeessa Jira.

Gamaaggama Kurmaana 2ffaa Sadarkaa Godinatti 5Gaggeefama Jiru Kanarratti Aanaan Xuulloo Aanootaafi Bulchinsa Magaaloota Godinni Harargee Lixaa Jiran Keessaa Aanaa Kurmaana 2ffaa Kana Keessatti Hojii Barnootaatiin Sochii Bareedaan Jirtu Isaa Ibsameetti Jira. Cabbinsa Sirna Barnootaa Bara Kana Sirna Barnootaa Keenya Qunnameefi Kufaatii Sirna Barnootaa Dhufte Carraatti Jijjiirachuuf Akka Aanaa Xuullootti Dookimantii Leenjii Qopheessee Barsiisoota Aanaa Xuulloo Qabdu Hundaaf Leenjii Kennee Jiruus Hojii Muuxannoo Gaarii Taate Aanootaa 15'niifi Bulchinsa Magaaloota 5'n Godinni Harargee Lixaa Qabu Keessatti Babal'achuu Qabdu Tahuus Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa Ibsaniitti Jiran.

Aanaan Xuulloo Aanaa Bara 2016 Gama Barnootaatiin Hojiin Qabatamaan Lafa Jirtu Tahuu Koree Suppervaazyinii Sadarkaa Waajjira Godinatti Hundeeffamtee Aanootaafi Bulchinsa Magaaloota Godinni Harargee Lixaa Qabu Daawwachaa Turan Gabaasa Hojii Supparviizyinii Gaggeefamaa Tureeniis Mirkaneessaniitti Jiran. Sosochii Hojii Barnootaa Aanaa Xuulloo Jirtu Gaariin Tahuus Koreen Supparviizynii Biiroon Barnoota Oromiyaa, Biiroon Buusaa Gonofaa Oromiyaa, Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaafi Biiroon Maallaqaa Oromiyaa Irraa Qindoominaan Hojiilee Barnootaa Sadarkaa Manneen Barnootatti Gadi Bu'anii Daawwachaa Turaniis Duub Deebii Waajjira Barnootaa Aanaa Keenyaatiif Kennanii Turaniin Mirkaneessaniitti Jiran.

Gamaaggama Kurmaana 2ffaa Waajjirri Barnootaa Godina Harargee Lixaa Guyyaa Har'aa Gaggeessaa Jiu Irrattiis Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Xuulloo Obbo Alwaan Mohammed Hojiilee Hojjatamaa Turte Irratti Gabaasa Dhiheessaniitti Jiran. Hojiin Barnootaa Hojii Tumsaafi Deeggarsa Qaama Hedduutiin Hojjatamtu Waan Taateef Milkaa'ina Hojiilee Kanneeniitiif Gaheen Koreen Qindeessituu Aanaa, Hoggantootni Aanaa, Ogeeyyii Waajjira Barnootaatiifi Abbootiin Adeemsaa Waajjirichaa, Suppervaayzarootniifi Hoggantootni Manneen Barnootaa Sadarkaa Sadarkaan Jiran, Barsiisootni Manneen Barnootaa Sadarkaa Sadarkaan Jiran, GMB Manneen Barnootaa Sad.1ffaafi 2ffaa, Maatiin Barattootaa, Abbootiin Qabeenyaatiifi Barattoota Manneen Barnootaa Sad.1ffaafi 2ffaa Aanaan Xuulloo Qabdu Carraaqqii Isaan Taasisaniin Sosochii Argamte Waan Taateef Qaanqee Amma Argamte Tana Firiitti Jijjiiruuf Carraaqqiin Nurraa Eeggamtu Hunda Olaantummaadhan Bahatee Bu'aa Isii Ijaan Argu Nu Haa Taasisuun Dhaamsa Guddaa Hunda Keenyati.

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mohammed Abrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Mohammed Abrahim:

Shortcuts

Share