09/03/2025
✍️✍️✍️✍️
👉 Addunyaa kanarratti namoonni jireenya isaanii keessatti milkaa'an jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduu qabu.
✍️ Amaloonni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka'inaa akka ta'anis irratti walii galama.
ICCITII MILKAA'INAA:
1️⃣ Namoonni milkaa'an ofitti amanu:
✔️ Jireenya keessan keessatti waan abjoottan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuu qabdu.
👉 Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha.
👉 Namootni milkaa’an jedhaman iccitii milkaa'ina isaanii yommuu dubbatan yoo dhageessan ta'e milkaa'ina isaaniif sababni guddaan "wanti hunduu ni danda'ama!" Jedhanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef, hojjadheef....bakkan har'a jiru gahe siin jedhu.
Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.
2️⃣ Namoonni milkaa'aan kaayyoo qabu.
✔️ Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyessuu danda'u qabannee dhalanna.
👉 Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaadde gahuuf halkaniif guyyaa carraaqxa.
👉 Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta'a; bu'aa ba'ii jireenya keessatti gufuun yoo si mudate akka laayyooti akka hin kufne; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu; akka abdii hin kutanne humna sitti hora.
3️⃣ Namoonni milkaa'an tarkaanfi tokko fuul-duratti tarkaanfatu
✔️ Namoonni milkaa'an kan namootni eeganiin alatti dhimma bobba'an irratti cimsanii hojjatu.
👉 Barataa yoo ta'e haala gaariin qo'achuu;
👉 Daldalaa yoo ta'e ammoo maamiltoota Isaa haala kamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.
4️⃣ Namoonni milkaa'an tarkaanfii fudhatu.
✔️ Namoonni milkaa'an iccitii tokko beeku
👉 "Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu'aan argamu akka hin jirre; No gain without pain" jedhanii amanu.
👉 Bakka yaadan gahuuf sadarkaa garaagaraatti murtii dabarsu (tarkaanfii) fudhatu.
👉 Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde hundayyuu obsaan dabarsi,waanti umamti hund