Aliyi kedir
hope by hope
Ija keenyaa fi Moobayila/Kompuutera
Ifti koompiteraa fi moobayilii ija keenya akka miidhuu danda’u beekamaadha. Kanaaf akka ija keessan hin miineef eeggannoo akkam akkamii gochuu qabduu?
1. Sadarkaa ifaa (brightness) koompuutera keessanii akka inni ifa naannoo keessa jirtanii waliin walfakkaatutti adjust godhadhaa. Fakkeenyaaf screen computeera keessanii fuula keessanitti akka madda ifaatti ifa baasaa jira taanaan ol ka’aadha jechuudha. Isin jalaa dimimissaa’ee jennaanis rakkoodha. kanaaf ifa naannoo keessanii waliin walfakkeessaa.
2. Yeroo baay’ee yoo yeroo dheeraaf kan barreessitan ta’e halluun backgroun barreeffama keessanii adii, halluun barreefama keessanii ammoo gurraacha ta’uun gaariidha.
3. Ija keessan daddaftanii ammaa ammaa yoo libsattan gargaarsa guddaa kenna. Kunis yoo libsannu qolli ija keenyaa dhangala’aa ija keenyaaf rabsee gogiinsa irraa ittisa.
4. Ija keessaan garaagarummaa daqiiqaa 20 gidduutti haara galfachiisaa (bakka biraa ilaalaa itti deebi’aa). Daqiiqaa 20 ol walittti fuftanii compuutera hin laaliinaa takkaa achi ilaalaa itti deebi’aa.
5. Fuullee ijaa kan coomputeraaf ta’u (computer eyeglass ) bitadhaa itti fayyadamaa. Akka kan siniif ta’u argattanitti ogeessa yaalaa bira deemaa barreesisaa bitadhaa.
6. Foddaa yokaan kallattiidhaan gara fuula comouutera keessaniitti bantanii hin fayyadamiinaa. Kun xiyya ifaa alaa dhufu ija kessanitti waan garagalchuuf miidhaa guddaa isinirraan ga’a.
7. Iji keessan miidhamee haga argaa didutti ofirratti hin eegiinaa. Mana yaalaa deemaa ija keessan yoo xiqqate comp yeroo dheeraaf fayadamtu taanaan checkup godhaadhaa.
********************
Fayyaan Faaya
15/10/2022
Oduu!
Guyyaa arraa Biyya Germany Masjiida Köln Masjid ja'amu irraa sagaleen Azaanaa yeroo jalqabaatiif dhagayamuu Al-Jazeeraan gabaaseera. Masjiidni sagalee Azaanaa Micerphoonaan dhageeysisuun German keessatti dhoorkaa Akka tures ibseera!
Alhamdulillaah!
05/10/2022
Nyaata daa'ima waggaa tokkoo gadiitiif dhoorkamoo ta'an
1. Damma
2. Aannan loonii
3. Aannan re'ee
4. Cunfaa fuduraa kan saamsame
5. Sukkaara fi nyaata sukkaara hedduu qabu
6. Kuduraa dheedhii
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
Debre Zeyit
RUNHMCBMJ
20/10/2022