31/05/2023
💻 ‛ ’
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
- Jeneraal Taaddasaan umurii isaanii waggaa 60tti Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa ti haa jennu.
Jeneraalli kun paaspoortii baafachuuf Immigireeshinii deemanii suuraa paaspoortii akka dhiyeeffatan gaafatamu, isaaniis suuraa yeroo umuriin isaanii waggaa 2 turee kan haadha isaanii irra taa'anii jiran dhiyeessan.
➾ Qondaalli mana hojichaa /Immigireeshinii/ tajaajila kennaafii jiru "kun eenyu yaa gooftaako ?" isaaniin jedhe.jeneeralichis 'ana dha' jedhanin.Qondaalichis deebiisee ' Nuti kan barbaannu suuraa yeroo dhiyoo kaatan kan ji'a ja'a hin guunne dha.yoo feetan ' ' keessan itti godhachuu dandeessu' jedheen.
Falmiin isaanii suurichi isa moo isa mitii kan jedhu osoo hin taane, jeneraalichi amma urjii ( ) tarreeffatee jira? kan jedhu dha.
Jeneraalli waggaa 60 suuraa ijoollummaa waggaa 2ffaa isaa paasportii isaa irratti yoo kan maxxanfatu ta'e kabaja, sadarkaa, dandeettii jeneraala tokkoof biyyi isaa kennitu xiqqeessuu ykn gad-buusuu ta'a.
⁻ Egaa Kiristoosiin ibsuuf suuraa daa'imummaa isaa kan fayyadamnu yoo ta'e akkuma fakkeenyaan ilaaluu yaalle,eenyummaa Waaqa ilmaa xiqqeessuu ta'a.kanaaf fakkiin Ilma Waaqayyoo daa'ima kaasuu dubartii irra taa'ee jiruun ibsuuf carraqame dogogora guddaa dha jechuu dha.
➾ Ajandaa dhokataan fakkii ' ' hafarsuu kunis Iyyesus motii mototaa,gooftaa Gooftootaa cinatti qabanii haadha isaa ol ol kaasuu dha.
dudduba goree hojii kana kan hojjetu immoo seexanicha isa ofii isaa hamma Ergamaa ifaa of fakkeessee of mul’isu danda'uu dha.
Fakkiin ykn suuraan ‛ ’ jedhamu
kun kan argisiisu humni isaa baayyee waan ta'eef Iyyesus irratti soba dubbachuu, Waaqeeffannaa waaqa tolfamaa kan jajjabeessuu,kufaatii amantii kiristiyaanaa fi kufaatii sammuu kan Iyyesusiin sodaachuu dhabuu irraa madde dha.kunimmoo sammuu kiristiyaanoota iccitii Macaafa qulqulluu hin beekne irratti hojii guddaa hojjeteera.
⁻ Fakkiin kun akka billaa hamaa qara lamaa ti.
Tokkoffaa:- Waaqayyoon xiqqeessa.lammaffaa immoo uumama Waaqayyoon godha.
✍️➊. - Iyyesusiin suuraa kaafnee ibsuun kan hin dandaa'amne ta'us, sammuu keenya xiqqootiin hubannee barsiisuuf yoo fakkiitti kan fayyadamnu ta'e inni kan bakka bu’uu “ ” macaafa mul'ataa irratti barreeffameen ta'uu qaba.
Kunoo akka kana fakkata jechuu dha.
“Harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba; afaan isaa keessaa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarametu ba'a; fuulli isaas akka biiftuu saafaa in ifa.” [ ✔📖 Mul. 1:¹⁶]
! 🤗
Garuu immoo akkuma lapheen Waaqayyoo angafni faarfattootaa Daawwit kitaaba Faarfannaa isaa 66:³ irratti caafeetti " “ [ Humni kee guddaa yoo ta'e diinonni kee si soban” jedhu, Seexanni guddina fi humna Gooftaa xiqqeessuuf jecha Iyyesusiin daa'ima fakkeessee sobuun namootni fakkii kaasaan akka fakkii Gooftaa keenya Iyyesusiin daa'ima xiqqoo ta'eetti fakkeessanii kaasan taasiseera.
-Seexanni tooftaa “Fakkiin tokko jechoota dhibbaa ol dubbata” jedhu dursee beeka natti fakkaataa Iyyesuus humna hin qabu, dadhabaa dha, nama gargaarsa barbaadu dha,si gargaaruu hin danda'u, waan hundumaa gochuu hin danda'u, bakka hundatti argamuu hin danda'u fi kkf jedhee lallabee hin beeku .
Kanaa mannaa, fakkii hafuuraa kan fakkaatu,suuraa gaddisiisaa, kan garaa namaa nyaatu garuu dadhabina, wallaalummaatiin kan itti amamamu, abbeentaa ol'aanaa suuraawwaniif kennuutiin deeggarsa kennee hojii isaa hojjeta.
⁻Namni tokko yeroo ijoollummaa isaatti yommuu gara waldaa Kiristiyaanaa deemuu jalqabu wangeela dhiisee suuraa kana fuula isaa dura naanneessa.
Inni hammatame Iyyesus,isheen hammattee jirtu immoo Maariyaam akka taateetti anansiisee namoota irra buluun xin-sammuu namaa irratti hojjeta.
Ogeeyyiin xiin-sammuu akka jedhanitti yaadni ijoollee inni jalqabaa ( )umurii isaanii isa hafe bulchuuf humna qabu. Kanaaf mucaan kun erga guddatee booda afaan isaatiin "Waaqayyo murteessa dha,gargaaraa koo tis" haa jedhu malee, ✔📖 Maatewos 15:⁸ irratti “Sabni kun afaan isaatiin ulfinaa naaf kenna,garaan isaa garuu baay'ee anattii fagoo dha.” akkuma jedhu sabni kun Iyyesus irraa achi galagalee /
/ ....jedha.
Suuraan uumamtootaa baaxii manaa irratti,dudduba kompiitara irratti, mataa siree irratti, siree hospitaala fuuldura kaa'amee,alaa fi keessa konkolaataa irrattis
“ / / ” jedhamee maxxanfamee argaa oolla.
namni yeroo dhiphatu ykn rakkatu 'maaloo na gargaari' jedhee gara daa'imaatti iyyu jiraa laata? 😦
Egaa akkamitti uumaa dhiifnee gara uumamaatti iyyuu akka filanne gaaffii guddaa sammuu koo keessa naanna'u dha.
✍️➋. - Bu'uuruma irraa yoo eegallu,dubartiin maqaan Maariyaam jedhamtee suuraa irratti argitan Maariyaam ishee amantii isheetti jabduu,ishee kaasomina qabdu, ishee dubartoota hundaa keessaa filatamtee durbummaan ilma Waaqayyoo gadameessa isheetti baatte maariyaam ishee qulqullooftuu [ ] osoo hin taane,hafuura hamtuu maqaa ishee fayyadamuun humnaa fi ulfina Iyyesuusiin uwwisuuf kaate kan “ ” jedhamtee waamamtu dha.
Maariyaam karaa kamiinuu ilma ishee caaltee mul'achuu hin jaallattu,dhala namaa nan oolcha,nan hordofa,nan deggera,nan eega... jettees hin beektu. Yeroo lubbuun turte illee Yihudoota keessa deggersa ishee, eegumsa ishee,fayyisummaa ishee barbaadee mana ishee hiriiraan kan deeme Naazireet fi Galiilaa keessa hin turre.
Har'as Kiristoos haa dursu, namni ulfina isaa fudhatu fi ' ' godhatu tokkollee hin jiru yeroo jennu,maqaa , fi kkf jechuun yoo nuuf baasan argaa oolla.Ammas dabaleen jedha ani jibba fi lola Maariyaam fi mana kiristiyaanaa Ortodoksii Teewaahidoo irraa hin qabu.
Qulqulleettii durboo Maariyaamiin namni akka koo jaallatu fi kabaju hin jiru.ulfinaa fi guddummaa Waaqayyoo irratti kan natti dhufu kaminiyyuu garuummoo nan morma.
Kun dhugaa wangeela ti.
⩩ ? 😦
Maariyaamiin kabajuu,beekuu fi jaallachuun isheef sagaduutiin kan ibsamu miti.
Namni eenyummaa ishee isa dhugaa beeku barbaadu sheekkoo dabtarootni uummata ittiin raateessuuf barreessan osoo hin taane,isa abbaan Wangeelaa Luqaas wangeela qulqulluu irratti barreesse qofa dubbisee hubachuu danda'a.
✔📖 1Qor. 4:⁶
“Yaa obboloota ko!Wanta caaffanni qulqullaa'aan jedhu gararraa hin darbinaa!”
.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
.
⩩ ! ⩩
.
➾ Ergaa kana ofii keetii sirriitti erga dubifattee booda hiriyyoota keetiif qooduun obboloota kee dhugicha hubachuu dadhabanii kooluu barumsa dogogoraa jala jiran baraarii dirqama kee bahaadhu.
Haaroomsa Ortodoksiiftiin!