21/10/2025
Erga waraabo darbee...... dutti jedhu jarri keenya!
๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Ibsi gumii Sheri'a Islaamaa Awwaala muftiin mooraa isaanii keessatti awwaalamuun wal qabatee baase Akka dhuunfaa kiyyaatti na ajaa'ibe,Heerri islaama ifaa kan halkan isaa akka guyyaati,ibsi kun silaa osoo hin Awwaalamin moo erga awwaalame booda ba'uu qabaa,erga awwaalame booda ibsa baasun kun waan Sadii(3) Natti mullisa
๐Awwaala san kaasa jijjiira jechuu.
๐Namni kana booda haalli kun sirriidha jedhee karaa akka hin godhannef ifa gochuu.
๐ Awwaala dura jeequmsa sodaaf dhoksanii erga xumuramee Hawaasni hogganaa jirru maal nuun jedhu jechuun fakkeessu.
Dubbiin Kana sadeen keessaa waan baatu natti hin fakkaattu,b/c haqni erga haqa ta'ee maalif dursamee hin balaaleffatamu,Kabajaan muftii Haaji Umar kan Gaafa Rasuulli Rabbii s.a.w Abdallah ibn Abi Salul irratti Salaatuf jennaan dura dhaabbatee hin caalu, Sheri'an Waan Badii fidu tokko dursaa walitti himaa jedhamoo erga badiin balleeffame booda ibsa baasa jedha.
Ani Du'a Muftii fi dhimma Awwaala isaanii irra deebi'ee dubbachuu osoo hin taane dhimma Fatwaa Awwaala booda godhameetu gaaffii natti taate! Muftiin Gaarii hojjetanus Hamtuu hojjetanus Rabbii isaaniitin wal ga'aniiru rabbi ammoo akka keenya mitii fedhu Namaaf dhiisa fedhu Nama Adabaa,Nuti gochaa isaan gaafa Aango irra turaniif balaalleffachu dandeenya,garuu kaleessa gaafa lubbuun qomatti ol haratte jecha "Laa ilaah illa Allaah " jedhanii duniyaa irraa galan taanan......... Warra hadiisa beekufan dhiisa.Kamiifu Nama du'e irratti Fammasuun baayyee Nama dabbaraa warri tiktok ittiin hojjettan, warri fiilmii, docmentre Nama du'ee leellisu feetan kan du'e tolus badus waan facaafate Nyaachu deemera, Nuti ammoo maal facaafacha jirra jennee qooda du'aa irratti xiinxalaa taanu lubbuu keenya harra ifa duniyaa gubbaa jirtu irratti Xiinxalaa haa taanu.