Soorraa

Soorraa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Soorraa, College & University, Bedele.

10/10/2024

(Personality) Gaarii Gabbifachuuf Fayyadan.

1ffaa: Itti gaafatamummaa fudhachuu!
2ffaa: Namoota biroof dursa kennuu!
3ffaa: Atis namootni biroonis akka injifatan hawwi!
4ffaa: Jechoota dubbattu of eeggannoon filadhu!
5ffaa: Namoota hin ceepha'in, hin mormin!
6ffaa: Kolfi; nama gaarii ta'i!
7ffaa: Amala namoota gara gaaritti hiikkadhu!
8ffaa: Namoota sirriitti dhaggeeffadhu!
9ffaa: Dharraa injifachuu qabaachuu!
10ffaa: Namoota garaa kee irraa jaji!
11ffaa: Wayita dogoggortu amanii irra darbi!
12ffaa: Mari'adhu; malee hin falmin!
13ffaa: Jette-jettee hin odeessin!
14ffaa: Waadaa kee gara kakuu jabaatti jijjiiri!
15ffaa: Namoota galateeffadhu, garuu akka si galateeffatan hin eegin!
16ffaa: Amanamtummaa qabaadhu!
17ffaa: Haaloo garaatti qabattee hin turin!
18ffaa: Waan gootu hundumaa dhugaa irratti hundaa'ii godhi!
19ffaa: Of hin guguddisin!
20ffaa: Namoota hubadhu fedhii isaaniif bakka kenni!
21ffaa: Guyyuu amala gaarii bartee godhadhu!
22ffaa: Qoosaa Amaleeffadhu!
23ffaa: Qoosaa hamilee namootaa buusu hin qoosin!
24ffaa: Hiriyaa gaarii argachuuf jalqaba ofii keetii nama gaarii ta'i!
25ffaa: Bakka namootaa bu'ii yaadi!

19/09/2024

Jaalallee dhabee kophaa jiraachuu isaatiin nama lubbuun isa baate arguu baannullee, nama jaalala hiika hin qabne keessatti kufee ifirraahiis akka fadhu dhabee, nama jaalatu sanirraahiis akka fadhu dhabee lubbuu ifii baase tuulaa tokko arkine.

❤️Sobarratti 2 tahuu irra dhugaarratti kophaa turuu wayya !
:¨·.·¨:

24/08/2024

Na dhiisaa 😌
Gubbeetti na hagdanii
Awwaalcha na lagdanii
Caba koof sababooftanii
Cuuraa koo akooftanii

Gaarummaan koo hunduu
badiin bakka bu'ee
Namootuma kootiin
si'a meeqan du'ee!

Maalif na cabsitu yeroo danuu
Dhiisaa karran cufe lammee banuu
Nan jiraadhaa nan dabsinaa
Hamilee koo kichuuttin cabsinaa
Injiraan mudhii natti taatanii
Foddaa'rraan na jalaa yaatanii...

Dhiisaa...
Irraan namoota koo fakkaattanii
keessaan ana madeessuu
Ofii mi'aa unattanii
anatti jiruu aleessuu

Na dhiisaa nan jiraadhaa adaraa
Yaa namootaa safuu baraa
Eee...
Deddeebistanii na ajjeestaniittu
yeroo dhibbootaaf kuma
Akka niitii looxii anis
gufuu duuba kootiin baqee dhuma
Waaqayyotu baasa gumaa

nan callisaa
Na dhiisaa
😌

21/08/2024

Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee

Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa

Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa

Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Sin jaaladhu garuu
Si jibbuun danda'uu...

═══════════
┗━━━ ━━💞━━

Photos from Soorraa's post 30/07/2024

Muka Makkanniisaa,
Maqaan isaa Amhariffaan (ብሳና) jedhama
Mukki kun Faayidaa Guddaa Qaba,
Mootii mukkeen Afrikaatii,
Qobaa isaa Dhukkuboota Hedduu Yaalee Fayyisuu Danda'a,
Mukki kun Baakteeriyaa fi Fangasii Qorichi Ammayyaa Balleessuu Dadhabe hedduuf Dawaa Ta'uu Danda'era,

Waa'ee Makkanniisaa Yeroon Dubbadhu, Namoonni Hedduun Lakkii kun dhugaa miti jechuu Danda'u! garuu Ani Utuun Waa'ee Biqiltootaa fi mukkeen biraa dubbachuu dhiisee waa'ee Makkanniisaa Qofa Dubbadhe.
Natti Tola ture,
Mokkeen Baayyeetu Biyya Keenya keessatti Argamu Garuu wanti hanga Makkanniisaa Faayidaa Qabu Tokko hin jiru, Dhukkuboota 81 Yaaluuf Tajaajilu Danda'a kan jedhe Anaa miti Qorattoota Saayinsii Ciccimoo idil Addunyaatu Ragaa Ba'e,
Makkanniisni muka Qofa miti inni Warqii Qaalii Afrikaati,

Faayidaalee makkanniisaa keessaa muraasni kunooti,

Summii fi Balfa.
Garaa Namaa keessa Qulqulleessee Baasa, Nama Garaan Gogeef Dawaa Cimaadha,
Farra Baakteeriyaa fi Jarmii,fi Raammoo Maxxantuu Jaardiyaa fi kkf Waan ta'eef Dhukkuboota Hedduu Garaa keessaa Qulqulleessuu Danda'a,

Dhukkuba Vaayiresii tiruu fi dhukkuba Simbiraa yaaluuf Hundee yokan hidda Caaroo isaa fi Qola_ Qoncee isaa Tumamee Cafaqame Jiidhaa isaa Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokkotti Naqamee Daqiiqaa 10 Danfisamee ho'aa isaa Ganama garaa duwwaatti dhugama guyyaa 3,

Dhukkuba Ambeebaa yaaluu fi garaa keessaa dhukkuboota garaa garaa Qulqulleessuuf
Baallii isaa Tumamee Cafaqame Jiidhaa isaa Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokkotti Naqamee Daqiiqaa 10 Danfisamee ho'aa isaa Ganama Garaa Duwwaatti dhugama, Hanga Sa'aatii Torbaa tti Nyaata Tokko Fayyadamuun hin Ta'u, guyyaa 3 haala kanaan yoo Fayyadame Dhukkuba Ambeebaa irraa Guutummaan Guutuutti Fayyuu Danda'a,

Dhiiga marsaa Laguu dubartootaa
Qaama keessatti ititee, Kuufamee Hafe, Qulqulleessee Baasaa, Baala fi Hidda isaatu walitti Tumamee Cafaqame Akka Shaayiitti Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma Guyyaa 3 qofa itti fayyadamaa,

Photos from Soorraa's post 29/07/2024

Haala itti fayyadama Biqiltuu Asaangiraa yokan Banjii,

Dhukkuboota Onnee yaaluu fi Kolestiroolii miidhaa Qabu LDL dhiiga keessaa Hirrisuuf,
Dhukkuba, Dhiibbaa dhiigaa fi Sukkaaraa yaaluuf Baallii isaa Tumamee Cafaqame Fallaana Guddaa Tokko Bishaan Leetira walakkaa wajjin Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma Guyyaa laaqana Dura Burcuqoo Tokko halkan Nyaata Dura Burcuqoo tokko,
Guyyaa 5

dhukkuboota Sombaa kan Akka Asmii fi Daranyoo sombaa
Utaalloo fi Taayifoodii Yaaluuf,
Firiin isaa Tumamee Daakuu isaa Fallaana Guddaa Tokko Aannan Burcuqoo Tokko Wajjin Danfisamee garaa duwwaatti dhuguma . guyyaa 3

Nama Saree Maraatuun Ciniineef Dawaadha, hundee/hidda, isaa Tumamee Cafaqame Qaama Bakka ciniiname irratti miidhama, Akkasumas Hiddi isaa Tumamee Cafaqame Bishaan isaa Cuunfame Calalamee Siinii Bunaa Tokko Garaa Duwwaatti dhugama, Guyyaa 5 itti fayyadama,

Rakkoo Hirriba dhabuu, dhaabuu fi Jeeqamu Sammuu yaaluuf
Daakuu firii isaa yokan Daakuu Baala isaa Fallaana Guddaa Tokko Aannan Burcuqoo Tokko Wajjin Danfisamee Hirriba dura dhugama, guyyaa 3,

Dhukkuba Garaachaa fi Marrimaanii yaaluuf Akkasumas Ciniinnaa Garaatiif, Baalli isaa Tumamee Cafaqame Akka Shaayiitti Danfisamee Qabbanaa'e ganama garaa duwwaatti Burcuqoo Tokko dhuguma. Guyyaa 4,

Rifeensa mataa Harca'e yokan Buqqa'e Deebisee Biqilchuu Danda'a, Baalli isaa Xixiqqoon Tumamee Cafaqame Mataa Guutuutti Dibatama daqiiqaa 10 booda bishaan Qulqulluun dhiqatama, guyyaa 7

Dhukkuba Sihirii Falfalaa fi Budaa yokan ija namaa yaaluuf Hundee,hidda, isaa fi Firii isaa Tumamee Cafaqame Aduu keessatti Gogafama sana booda, daakuu isaa Zayitii ijersaa yokan Zayitii Zayituunaa wajjin walitti makame Qaama Guutuutti Dibatama, Akkasumas Ni ulatama yokan Ni Aarfatama,

Dhukkuba Gaggabdoo Sammuu fi Onnee Wajjin Walqabatu Akkasumas Gaggabdoo Gosa hunda yaaluuf
Firiin isaa Akka Bunaatti Akaa'amee, Akkuma Bunaatti Tumama, Akkasumas Baalli isaa jiidhaa isaa Tumamee Cafaqame Aduu keessatti Gogafama, Erg

22/07/2024

Silaa dubbattee na dubbista
Bakka sin nyaanne ofumaaf hooqatta ,
Sammuuf yaada qajeelaa qabaadhu yoos nagaa argatta!

Oduu sobaa fii ragaan sobaa kee anaan na jabeesse
Tulluurratti yoo ol na baaseef malee
mogolee koo hin cabsu atuu numa beekta!

Maaliif siin wal na qixxeessiita
Maalumaaf foolatta?
Anoo quba sin qabu akkanumaan raatofta !

Hundaa siif dhiisee keessa burraaqittaa?
Moo soba kee wajjiin kokkee kee si qabee si rakku laata!😂

15/07/2024

Sooressi hin baranne
waan Hiyyeecha ofiif
uume itti fakkaata❗😏

15/07/2024
09/07/2024

Dubbiin kee in ulfaata
Akka ba'aa dhagaa
Har'a dubbii kaasta
Yoo kaleessa nagaa.

Si dhabuun in cimaa
Si qabachuun rakkoo
Giddu gudduu taate
Fedhiidhaaf yaanniko.

Har'a kan koo jedheen
Utuun siin dhaadhadhuu
Boor barbaadeen dhaba
Naman si gaafadhu.

Hojii kee naa hin galuum
Taatee Juwwaajuwwee
Akka jaalalaatiif si wajjin jiraadhee
Akka amala keetiif gargar ba'un hawwe.

Har'aaf as jiraattus
Boorimmoo achi jirtaa
Dubbiin kee rakkisaa
Gad dhiisnaan in lixxaa
Harkisnaan In citta.

Sammuun kee waa'eekeef
Boqonnaa na dhawwee
Yeroo utuu hin fudhatin
Sirraa cituun hawwe
Dhala Juwwaajuwwee.

eenyuudha ati?

05/07/2024

History by land mass (of native origin) were:

1. The Songhai Empire: The Songhai Empire was one of the largest empires in African history. It existed from the 15th to the 16th century and was located in what is now modern-day Mali, Niger, and Nigeria. At its height, it covered an estimated area of about 1.4 million square kilometers.

2. The Mali Empire: The Mali Empire, also known as the Manden Kurufaba, was a West African empire that existed from the 13th to the 17th century. It was located in what is now Mali, Guinea, Senegal, and Mauritania. The Mali Empire's territorial extent varied over time, but it covered an estimated area of about 1.3 million square kilometers at its peak.

3. The Aksumite Empire: The Aksumite Empire, also known as the Kingdom of Aksum, was an ancient empire that existed from the 1st century AD to the 7th century AD. It was located in what is now Ethiopia and Eritrea, and it extended its influence across the Red Sea into present-day Yemen and Saudi Arabia. The empire covered an estimated area of about 1.25 million square kilometers at its height.

4. The Kanem-Bornu Empire: The Kanem-Bornu Empire was a medieval empire that existed from the 9th to the 19th century. It was located in what is now Chad, Nigeria, Niger, Cameroon, and Sudan. The empire covered a vast area of approximately 1 million square kilometers at its height.

5. The Ethiopian Empire: The Ethiopian Empire, also known as Abyssinia, is one of the oldest continuously existing countries in the world. It reached its height of power in the 16th century under the rule of Emperor Lebna Dengel and covered an estimated area of about 1 million square kilometers, including present-day Ethiopia, Eritrea, and parts of Sudan.

Please note that the rankings and exact land areas covered by these empires may vary based on different historical sources and interpretations. These are snapshots and a sample.

27/06/2024

durii

Yeroo tokko leenci beela'ee jeedala yaamee, yaa jeedala; 'har'a nan beela'e waan nyaadhu naa fidi yoo dhabde immoo sin nyaadha' ittiin jedhe.Jeedallis waan inni nyaatu barbaadufii eegalte, utuma barbaadduu Harree argite,"Harree; har'a leenci mootii si godhuu waan barbaaduuf obbo leencaatu si barbaada" jetteen.

Harreenis tole jettee waliin deemte. Leencis harricha gurra irra kutee gadi dhiise, 'Harreenis maal gurra koo narraa kuchisiifteem' jetteen jeedalaan. 'Jeedallis bar wal siif qixxeesufiim' jetteen. Yeroo lammaffaas sossobdee geessite, leenciis eegee irraa muree gadi dhiise harricha. Harreen ammas jeedalaan; maaf na sobde, leenci eegee koo narraa kuteem jetteen. Jeedallis hihii; "amma mootii sirraa tolchuuf kanas si godheem" jetteen.

Amma sadaffaa irratti leenci harricha ajjeesee jeedalaan gogaa irraa baasii Onnee, Sammuu fi Tiruu naa fidi jedheen. Jeedallis Onnee fi Tiruu baastee itti fidde. Sammuun hoo? jedheen leenci. Sammuu hin qabdu, osoo sammuu qabaattee hanga gurraafi eegeen irraa muramtu callistee sitti deddebitii jetteen jeedalli. Leencis, "eeyyee dhugaa jette" jedheen!

Want your school to be the top-listed School/college in Bedele?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Bedele