20/11/2024
Dhugaaf haqaa jiru
Miliksinaa nu jalaa
Imimmaan ayyooti
Dhiiga dhiigu laalaa
Lootuu Leenca taate
Keenyaarraan nu urtii
Garaan nu ciccininee
Dhabne dhugaaf murtii
Kan durii dubbannaa
Amma baatuun ba'ee
Imimmaanifi dhiigni
Danballi'ee lolaa ta'ee
Afaanii warrii humnaa
Jaalaladha lallabuu
Garuu lubbuu qaalii
Bineensa qallabuu
Namuu dubbii dhiisee
Keenyuma yoo mulquu
Cirriqfate dhiiga tufee
Nu nyaachisanii Bulguu
Gameessafi kichuu
Yoo ajjeesu rukutee
Qe’ee isaanii gubee
Oromo ciraa kutee
Yeroo dinni bokkisu
Halakee akka harree
Qa’ee keenya dhaalu
Nuti lakkisne tarree
Hayyoonni martinuu
Cuqqaalamee afaan
Yeroo keenya dhabnu
Namaas ta'ee lafaan
Keenya dubbin
Kichuu kichuutti ciruu
Harcaasu akka baalaa
Hundumtuu callisee
Afaan qabatee laalaa
Garuu qe'ee keenyaa
Eenyutu nuuf dhaalaa?
''Madaa nu madeessitan
Yoo qoores godaannisaa
Barraa'ee ol kaawwanna
Dhalootatu dubbisaa''
😭😭😭😭😭😭😭😭
12/10/2023
28/09/2023
28/09/2023
27/08/2023
26/02/2023
24/02/2023
11/09/2022
15/02/2022