09/03/2022
Ajjeechaa Artisti Haacaaluutiin Hoogganoota ABO irratti shirri qindeeffamaa jira
(SQ - Bitootessa 9, 2022)
Shiraa murni gabroomfataa pp yeroo ammaa hidhamtoota Oromoo irratti dhoksaadhaan raawwachaa jiru saaxilame.
Keessattuu hidhamtoota siyaasa gurguddoo, qindaalotaa fi hoogganoota ABO ija sabichaa tahan irratti kanneen akka Jaal Abdii Raggaasaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa irratti shiraa fi daba guddaa xaxaa jiran. Galmeen Jaal Gammachuu cufamee bilisaan akka gadi dhiifamu manni murtii murteessee ture. Garuu amma waan ittin himanni itti banamuuf shira tolchaa jirti pp'n.
Innis ajjeechaa Artisti Haacaaluu ti.
isaantu ajjeesise jechuuf, ijoollee ajjeecha Haacaaluu tiin itti murtaaye san mana hidhaa Qaallittiitti maatii ijoollee san sadeenii waamanii ijoollee sossobaa jiru.
Suuraa Jaal Abdii Raggaasaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa itti kennanii, 'nama kanatu akka nuti Haacaaluu ajjeefnuuf nu ajaje' jedhaati ragaa itti bahaa jechuudhaan miidiyaa gubbaatti bahanii akka dubbatan gorsa kennaafii jiru.
Ijoollee kana gorsi isaan sobanii gorsaa jiran kun:-
Akka isin Haacaaluu hin ajjeefne beekna, garuu ummanni akka quba nutti hin qabneef jenneet malee eenyu akka Haacaaluu ajjeese nuti sirriitti beekna" jechuun sossobaa jirti.
Isin ragaa kana yoo itti baatan, nuti ammoo isin yakkamaa ta'uu keessan dhiifneet, warra akka isin Haacaaluu ajjeeftaniif isin ajaje (Jaal Abdii fi Jaal Gammachuu) san irratti murtii cimaa kennina jettee sossobuutti jirti.
Yeroo asii baatan ammoo nuti haala hundaa isiniif mijeessine akka isiin biyya alaa baatan isin ni taasifna jechuun maatii ijoollee waliin teesiftee sossobaa jirti.
Kana ammoo adda durummaan itti aanaa Abbaa Alangaa waliigalaa federaalaa kan ta'e Fiqaaduutu dhaqee sossobaa jira.
08/02/2022
"Gabrummaa tokkorraa ka biraatti hin ce'u..." jedhe gootichi Usmaayyoo Muusaa
Sabni biyya ofiirratti weerame biyya ormaattis mirgaa fi kabaja hin qabaatu.
Ilmaan Oromoo biyya Sa'ud Arabiyaa jiraatan mana hidhaa keessatti dararama ulfaataa keessatti erga kufanii waggoota sadii caaleera. Mana hidhaa keessattis mana waliin gubamaniiru. Dhukkuba, reebichaa fi beelaaf erga saaxilamanii bubbulaniiru.
Kun hundi bu'aa gabrummaati. Osoo biyya qabaatanii, biyya ofii keessatti mirgaa fi bilisummaa qabaatanii hojjetanii jiraachuuf waan isaan hanqatu hin jiru. Biyyi isaanii alagaan weeraramtee qabeenyi isaanii diinaan saamamee mirga qabeenya isaaniitti fayyadamuu fi hojjetanii jiraachuu waan dhabaniif gammoojjii biyya ormaatti baqatanii hambaaf ergamanii of jiraachisuufillee mirga dhabanii mootummaa biyya ormaatiin hidhaatti guuramanii achittis roorroo biraatiin hiraarfamu.
Biyya waan hin qabneef mootummaan biyya isaanii kan isaan gaafatee fala kaayuufis hin jiru. Koloneeffataa qe'ee isaanii weerare jalaa baqatanii gidiraa mootummaa hambaa jala of galchan. Mootummaan biyya hambaa yoo mirga namaaf kabaje hundarra filatamaadha. Garuu yoo ummata itti baqate cunqursellaa akka itti himattu hin qabdu. Inni sitti hin dhufne, situ itti dhaqe waan taheef. Cunqursuun isaa gaariidha jechuuf miti, qaamaa fi lubbuu namaarratti tiriga/qumaara taphachuun eessattuu yoo tahe yakka seeraa fi seenaati, nama dhukkubsa. Tahus mootummaa biyya hambaa himattes falmattes qe'ee isaatti jijjiiruu ykn sirreessuu hin dandeessu.
Osoo biyyaa fi mootummaa ofii qabaatanii duraanuu rakkatanii qe'ee ormaa hin dhaqan, dhaqanillee achittis kabajaa qabaatu turan.
Silaa humaa gochuufii hin dandeenyu, Rabbi isaaniif haa birmatu jennaan.
Akka dhaamsaatti ammoo:-
Dargaggeessi keenya ammallee gara biyyoota kanaatti yaa'aa oolu, kan deemuufis karoora qabu, gabrummaa tokko keessaa gara roorroo biraatti fiiguurra dursee biyya ofii weerartoo alagaa irraa bilisa baafachuuf qe'ee isaarratti waan danda'uun falmatee biyyaa
12/01/2022
Waanin uumameef gahee kiyya bahadhee, jirmaaf baala harkisee, namaaf qilleensa harkisee, muka kanaaf qilleensa gubataa nama keessaa bahu illee harkiseefii gaheekoo bahataan ture. Har'a garuu du'aan jira. Du'aa jiraachuu kiyyatti haamilee hin cabu. Nagaa dhabees hin jeeqamu. Hin dhiphatin! Seeqimee! Mee kolfi Tasamma" ittiin waan jette fakkaate Baalli cittee buute sun.
Baala san quba harkaa abbuudduu isa guddaa fi elmituu gidduu kaahee shululse. Baalattiin akkuma inni ajaje taateef. Nii abboomamteef. Waamnaan awwaatteef. Gaddinaan gadda isa waliin qooddachuuf muka irraa cittee buute. Cittee buutees afaan uumamaan waliin haasofte. Asaastee jajjabeessite. Qirqiddee kolfisiifte. Waa'ee jireenyaa, icciitii uumamuu, uumamaniis icciitii jiraachuu, icciitii ajjeefamuu ijaan agarsiifte. Duuti akka jiru, rakkoon akka jiru, gadadoon akka jiru itti himte. Uumamni marti akkuma isaa dhiphina hedduu akka keessummeessu seenessiteef.
"Kit kit kit" jedhee kolfe. "Garuu maaliif dararaan namatti baayyataa? Maafin dararamaa" jedhe ammas Tasammaan yaadaaf qalbii isaan bakka crisi haa tottolfataa. Akkuma mijeeffateenis garaadhaan muka Baddeessaa sana jala ciise. Qolee isaa ol qabew asii achi ilaale. Qalbii isaa qisee hawwaa dhaggeeffate. Geerara asaasa fakkaatu dhaga'e. Qilleensa geerara. Gurra isaa irraa wajagee taphata. Ija isaa garanaa garasitti erge.
Hidda Baddeessaa lolaan soffee bakkeetti bahee jiru arge. Hidda sana hubannaan ilaale. Qottoo dabalatee wantoonni hedduun rukutanii madeessaniiru. Madaa hidda baddeessaa bocoqamee fayye ilaalaa asaasuu jalqabe.
"Mee atoo dubbadhu! Maal rakkatte? Nan beela'e hin jettu, nan daare hin jettu. Rakkoo na mudate, konkilaataakoo cabe, na dhukkube hin jettu. Utuu si ta'anii uumamaniiyyuu maal qaba. Kan rakkina hin argine." Jedhee haasa'ee osoo hin fixin
"bar rakkina keessummeessaan jira. Ganna lolaan hanga danda'e qaama kiyya cirata. Bona aduun nutti bahee hanga danda'e nu xooxarsa. Namni qottoo natti butata. Fedhu felecca'ee kukkutee na
06/01/2022
'Waa’ee Oromiyaa callisuun gumaa goototaa gatuudha' - Taaddalaa Gammachuu
(SQ-Amajji 6,2022)
Yeroo diinni Oromiyaa bittinneessuuf waliigaletti waa’ee Oromiyaa callisuun gumaa goototaa lafatti gatuudha jedhe Artist Taaddalaa Gammachuu sirba qeenxee 'Bara Baraan' jedhu tibbana gadhiise ilaalchisuun turtii BBC waliin taaiseen.
Magaalaa Finfinneetti dhalatee kan guddate Artist Taaddalaa Gammachuu, aartii Oromoo keessatti hojii kanaan dura hojjeteen jaalatamummaa guddaa horateera.
Sirba mata-dureen isaa 'Bara Baraan' jedhu Amajji 1, 2022 baaseen Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas goototashee kaasuun faarsera.
Sirba kana namoonni daawwatan ergaa isaa, sagalee fi suur-sagalee isaa, akkasumas haala itti qopha'e jaallataniiru.
Taaddalaan erga sirba haaraa uummata biraan gahee gara waggoota 10 akka gaaheefi hojiima muuziqaa kana keessa osoon jiruu hammana turuun kiyya ergan sirba haaraa kana gadhiisee natti beekame jedha.
“Waggaa 10 sirba osoo hin baasin baduun kiyya kan natti beekame beeksisni sirba haaraa gadhiise kanaa yeroo gadhiifamu yaada uummanni kennerraayi" jedha.
Ani yeroo hunda muuziqaa waanin hojjedhuuf waanin fagaadhe natti fakkaachaa hin turre. Egaa waggaa 10 booda uummata kiyyaan walitti deebine,” jedha.
Sirboota qeenxee hojjechuurraa albama hojjechuutu na gammachiisa kan jedhu Artist Taaddalaan, sirbi haaraan tibbana gadhiise garuu haalli yeroo waan na dirqamsiiseefan qeenxee gadhiise jedha.
Sirba haaraa tibbana uummataan gahe kan ‘Bara Baraan’ jedhu kana walaloo isaa Yoosan Geetahun yeedaloo ammoo Geetish Maammootu hojjete.
Sirbi kun Oromiyaaadhaaaf nuti dhaloonni kun jirra, osoo nuti jirruu hin sheenoftu bara baraan ergaa jedhuun jaalala Oromiyaaf qabnu kanin ittiin ibsedha jedha Taaddalaan.
Yeroo kanatti waa’ee Oromiyaa weeddisuuf maaliif akka filate yoo himus, “Yoo Oromiyaan jiraatte Itoophiyaan jiraachuu daandeessi. Abbaan fedhe waan fedhe jechuu danda'a, ani garuu qooda Oromummaa kiyya bahuun qaba jedheen sirbe,” jedha.
Oromiyaan akka seera Oromiyaa Biyyaa KooOromiyaa Biyyaa KooOromiyaa Biyyaa Koo