Jesus is bright of the world!
Say amen🙏
Hallelujaâś“
Evangelist Makit Abera Eba
Great commision
yesuus deebi'ee nu fudhachuufi,haa dammaqnu
ilmaan namootaa!
Yeroon kun yeroo itti kiristaanonni dammaqnee dhufaatii kiristoos eeggannudha.obbolootako!kan hubachuu qabnu yeroon kun:-1,burjaajessitoonni yeroo itti hammaatan.isaanis,tajaajiltoota dharaa,garaa,miiraafkkf.2,amantoota,yaada waaqayyoo in hubannee isaanis,ergaa gurra isaaniitti tolu qofa kan barbaadan,cubbuu isaanii irraa yaada geddarachuu kan dhiisan,seenaa fannoo kan dagatan,karaa dhiphaa mootummaa waaqayyoorraa fagaachaa kan jiraanii fkkff nu fayyisi yaa Abbaa!2xim3:-1-5dubbifadhaa!Guyyoota bara dhumaatti...waan dubbiftaniif galatoomaa!waanin online irraa badeef na oofkalchaa.
07/07/2022
20/04/2022
YOO OBBOLOOTNI WAL IRRATTI DUULAN ORMI QABEENYISAANIITTI DUULA...
====================Reposted
Waggoottaaniin dura ture barattootni FOCUS Makaane Yesuus Seeminaarii diraamaadhaan ergaa guddaa kan nuuf dabarsan. Akkas ture diraamichi...obboloota lamaantu osoo karaa waliin deemanuu inni tokko dursee meeshaa ashagamaa(packed) ta'e fuuldurasaaniitti argee dursee dubbate. Dubbiisaa dhaga'ee inni kaanimmoo dursee fiigee meeshicha fuudhee kiyya(kan kooti) jechuu jalqabe. Kan dursee arge kan biraa, kan fiigee fuudhe kan biraa. Ergasii,...anatu dursee arge, anatu dursee fuudhe jechuun wal-loluu jalqaban. Wal-dhabbiinis gidduusaaniitti uumame. Wal-dhabbiin kunis tokko-lamaadhaan cimaa deeme. Osoo isaan wal-lolaa jiranuu namni kan biraa karaa deemu (ormi) dhufee haalasaanii kana argee, 'Maal taatan, maal rakkinni keessan...?' jedhee gaafate. Isaanis 'meeshaa ani dursee arge naduraa fudhate, meeshaa ani dursee fuudhe kiyya naan jedha...' jedhaa tokko lama jedhanii itti himatan.
Keessumichis, 'Duraan wal-beektuu? Maal waliif taatu?...' jedhee gaafate. Isaanis, 'Nuuti ijoollee abbaa tokkooti...' jedhanii deebisaniif.
, obboloota lamaan ta'anii waanuma xiqqaa waliin haasawanii hiikuu danda'an irratti hamma kana waldhabuusaanii argee baayyee gadde, tuffates, kolfa tuffii itti kolfes...
itti fufee, 'Ani isin araarsa, fidaa meeshaa sana...' jedhee irraa fuudhee yoo ilaalu meeshaan xaxamaa/packed ta'ee ture sun daabboo/keekii ture. 'Daabboon kun isin lamaan qofaa miti, ana nama sadaffaayyuu gaha. Ani amma bakka lamatti isiniif qooda...' jedhee keekicha bakka lamatti hiree tokko tokko kenneef. Isaan garuu kan hiramee kennameef sana fudhachuu dhiisanii, kan isaatu caala, kan isaatu caala jedhanii wal-qoxxisuu(wal-hinaafuu) jalqaban.
Karaa deemaan sunis, 'Wal-caaleera jettanii, wal-isiniif qixxeessaa...?' jennaan, 'eeyyeen, wal nuuf qixxeessi' jedhaniin. Innis wal-qixxeessuudhaaf keekii isaan lamaanuu afaansaatiin kukkutatee irraa nyaatee, 'ammahoo, akkam wal-isiniif qixxaatee?' jedhee gaafannaan, 'lakkii, ammayyuu kan isaatu caala, kan isaatu caala, wal-nuuf qixxeessi...' jedhaniin. Innis gowwummaasaanii argee, 'erga jettanii wal-isiniif qixxeessa...' jedhaa keekicha kukkutatee nyaatee, 'ammahoo akkam, wal-isiniif qixxaateeraa...?' jedhee gaafate. Isaan garuu, 'lakkii, ammayyuu ganaadha, kansaatu caala,...wal-nuuf qixxeessi jedhanii itti fufan. Innis, 'tolegaa, amma isa dhumaa sirriitti wal-isiniif qixxeessa...' jedhee keekii harkasaarratti hafe kan isaan lamaaniituu afaan keessa kaa'atee...keekicha osoo hin liqimsin sagalee buqamaadhaan, 'Ammahoo isiniif qixxaateeraa...' jedhee harkasaa lamaan duwwaa walitta rukutaa itti agarsiise. Isaanis, 'Eeyyeen, amma wal-qixxaateera...' jedhanii deebisaniif. Innis keekiisaanii nyaatee, quufee,... gowwummaasaaniitti kolfaa, adeemsasaa gara duraatti itti fufe...
lamaan garuu, 'hashuu baga dhabde, hashuu baga dhabde...' waliin jedhaa lolasaanii itti fufan...
kanarraa waan guddaa hubatta jedheet amana...inni qabeenyasaanii nyaatee adeemsasaa gara duraatti, isaanimmoo wal-nyaachuun gara boodaatti...nama hin gaddisiisuu?
kiyya, anii fi ati obbolaadha, ijoollee abbaa tokkooti. Qabeenyi nuuti qabnu, qabeenyi WAAQI uumamaan nuuf kenne nurra dabree orma gaha. Garuu maaliif wal-dhagahuu dadhabne? Maaliif hoggansa keenya dhagahuu dadhabne?
-dhabuun keenya, walitti bu'uun keenya diinaaf gammachuu guddaadha.
nuuti wal-dhabnu, diinni nutta gammada, nutuffata, nutta kolfa, eebba keenya dhaala.
#'We are strong as we are united, as weak as we are divided' akkuma jette 'J.K. Rowling, lakkii tokkummaa nuuf wayya obboleessa kiyya.
#'When brothers fight to death, strangers inherit their property' akkuma jedhu jechamni Afrikaanotaa, yoo nuuti wal-dhabbii keenya itti fufne qabeenyi keenya hundumtuu kan ormaa ta'a, seenaan keenyammoo hiyyummaa fi ashakarummaa ta'a.
akka ta'uu hin barnaaddaa???...
hin barbaaddu, kanaafuu, ilaalcha, gaaffii fi komii qabnu kamiyyuu karaa nagaatiin teenyee, akka nama jaarraa 21'ffaatti waliin mari'annee salphaatti furmaata kennineefii ofiifis eebbifamnee, Afrikaa guutuudhaaf eebba ta'uu dandeenya!
hoggansaa, ykn nama baratee ykn jaarsolii hin qabnu. Isa kana addunyaanuu ragaadha.
ciccimoo, beektota ciccimoo, jaarsolii ciccimoo qabna. Rakkinni keenya wal-dhagahuu dhabuudha, wal-kabajuu dhabuudha, wal-deeggaruu dhabuudha,...
sikadhadha obboleessa kiyya, wal-dhagahuu, wal-kabajuu, wal-deeggaruu/wal-tumsuu...aadaa keenya haa godhannuu.
'a warri gaanfa/gaafa cabse ormi ija balleessa akkuma jedhamu san akka nurratti hin taane haa dammaqnu, kan dadhabes haa jabeessinu, kan dogongores haa sirreessinuu, haa gorsinuu, haa jajjabeessinuuuuu...!
Fayyaa Ta'i!
Horii Buli!
===
https://www.youtube.com/channel/UC6qMH-qYK4PFbZ4I9yIg7AQ
t.me/wondmagegnudessa
tiktok.com/
Click here to claim your Sponsored Listing.