17/10/2024
Itoophiyaa badhaatuu dhugoomsuuf hooggansi sadarkaan jiru miira itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan hojjachuu akka qabu ibsame.
*********
Naannoo Oromiyaatti leenjiin dandeettii raawwachiisummaa mata duree “ Humna abjuu badhaadhina hunda galeessaaf”jedhuun hooggansa Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiraniif kennamaa ture xumurame.
Leenjiin kun gaggeessitoota sadarkaa Naannoo, Godinaa, Aanaa fi Gandaa kuma 11 ol ta’aniif wiirtuuwwan leenjii sagal irratti guyyoota 10’f kennamaa kan ture yemmuu ta’u, dhimmoota ijoo badhaadhina biyyaatiif utubaa ta’anii fi sochiiwwan gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irratti xiyyeeffachuun hubannoo guddaa uumuun danda’ameera.
Abjuu Itoophiyaa badhaatuu dhugoomsuuf qabame waloodhaan galmaan gahuuf hooggansi sadarkaan jiru haala waliigala biyyaa fi idil addunyaa qixaan hubatee carraawwan misoomaa jiran hunda qindeessuun jijjiirama hunda galeessaaf hojjachuu haala dandeessisuun matadureewwan garaa garaa irratti leenjichiin kennameera.
Xumura leenjii kanaa irratti kallattii hojiiwwan fuula duraa kan kennan PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa biyya badhaatuu birmadummaa hunda galeessa goonfatte ijaaruuf hooggansi badhaadhinaa dirqama dachaa of harka qaba jedhanii, abjuuf mul’ata waloo galmaan gahuudhaaf xiiqiif qindoomina ol’aanaadhaan hojjachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
15/08/2024
12/07/2024
23/10/2023
18/10/2023
18/10/2023