Samuel Tesfa

Samuel Tesfa

Share

Wantoota barsiisoo tokko tokko ni argattu. Bieng memorized

05/04/2026
04/04/2026

Karaan gara jireenyaatti geessu Yesuus qofa.

23/10/2025

Olmaa baay'ee

01/08/2025

‎ !
‎Waan Gaarummaa isaatti Amante
‎Hojjechuuf Duubatti hin Deebi'in!

‎➥ Abbaa fi ilmatu lafa fagoo deemuuf waliin manaa bahan. Kan isaan fudhatanii deeman
‎harree tokkotu turte. Harree sana irratti waan isaan barbaachisu fe'atanii, ilmi harree yaabbatee, abbaan ammoo funyoo itti dha'atee
‎fuulduraan harkisee qajeelan.

‎● Osuma deemanii ganda tokko keessa yeroo darbuuf jedhan namoonni jarreen imala irra jiran kana arganii, "maali gurbaan gadheen kun ofii
‎yaabbateetu abbaa isaa lafoo deemsisaa?," jedhan. Mucaanis dubbii jaraa dhaga'eetu, ofii irraa bu'eetu abbaa isaatiin yaabbadhu anii harkisa jedhee deemsa itti fufan.

‎● Ammas yeroo xiqqoo achi siqan, "maali abbaan ilmoof hin yaanne?" jedhanii arrabsan. Imaltoonni kun dubbii kana dhageenyaan, abbaanis irraa bu'ee lachuu lafoo deemuu eegalan. Ammas xiqqoo yeroo achi siqan namoonni walitti agarsiisaniitu, "Ilaali argitee, warri qabeenya qaban kun ammoo akkumatti qabeenya isaaniitti fayyadaman hin beekaniim, harreen osoo jirtuu lafoo deemu," waliin jedhan.
‎Abbaa fi ilmis kana dhaga'aniitu, koottu nuti
‎lachuu haa yaabbannu jedhanii lama ta'anii yaabbatanii qajeelan.

‎● Namoota wayii bira yeroo gahan, "maali waaqa hin sodaattanii, hin dubbattu duudaadha jettanii miituu, waaqni maal isiniin jedha?" jedhan.

‎● Jarris irraa bu'an. Yoo maal goone gammachiisna jedhanii dhiphatan. Amma harree kana ol fuunee baannee deemna, yoos namni nutti gammada waliin jedhan. Harree sana lama ta'anii ol fuudhanii baatanii deeman. Yeroo isaan harree baatan arganii namoonni ni ajaa'ibsiifatan. Ittis kolfan.

‎● "Maali isaan gowwoota akkamiiti kan harree baatan," jedhanii itti qoosan. Abbaa fi ilmi kana hunda ilaalanii, nama gammachiisuu waan hin dandeenyeef, akkuma ofii yaadanitti imala isaanii itti fufan.

‎Ergaa:

‎➦ Waan gaarii hojjettu, yaraas hojjettu namni waan siin jedhu hin dhabu. Ati garuu, namoota
‎gammachiisuuf osoo hin taane, waan sirrii ta'uu isaa itti amante kamiyyuu hojjechuuf duubatti hin jedhin.
Via Sanyii Guddataa

Want your school to be the top-listed School/college in Asosa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Address

Oromia
Asosa