Abdullatif gabi

Abdullatif gabi

Share

Saporting fb accoun

07/01/2022

Ajjeechaa Jumlaa Godina Shawaa Dhihaa, Ona Gindabaratitti Ummata Oromoo Irratti Gaggeeffame Gadi Jabeessinee Balaaleffanna.

Ibsa ABO- Amajjii 7, 2022

ABOn ajjeechaan Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati Siivilii Oromoo irratti raawwate gadi jabeessee balaaleffata. Akka maddee keenya qabatamaarraa hubannetti gaafa Amajjii 1, 2022 Godina Shawaa dhihaa, Ona Gindabarati keessatti duguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwatee jira. Waraanni Paaartii Bilxiginnaa Dr Abiy Ahmediin durfamu bakka kanarraa quunnamtii kutuudhan dhukaasaa ummata siviliirratti banee namoota 39 ajjeesee jira. Ajjeechaan kunis bakka sadiitti qindaawee raawwate. Isaanis:

1. Ganda Gurraa Jarjartuu Oromoota Sivilii 17 bakka tokkotti fixan.

2. Ganda Faajjii Oromoota Sivilii 15 bakka tokkotti ajjeesan.

3. Ganda Baatilee Oromoota Sivilii 7 bakka tokkotti ajjeesan. Walumaagalatti Oromoota Sivilii 39 guyyaa tokkotti Ona Gindabarati keessatti ajjeesan.

Ajjeechaa Oromoo kuni hedduu akka nu rifachiise ibsachaa firoottan isaanii, fi ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina.

Ajjeechaan Oromo irratti raawwatu haala dhuma hin qabneen itti fufuun badii biyyi keessaa bahuu hin dandeenetti geessaa jira. Oromiyaa guutuuttii duulli ajjechaa juumlaa mootumaa Bilixiginnaa tiin geggeeffamaa jiru yeroo yeroon dabalaa jira. Yeroo ammaa kanaa humni waraana Bilxiginnaa fi humni addaa Amaaraa akkasumas loltuu Ertriyaa dabalachuudhan guutummaa Oromiyaa irratti bobba’anii jiru. Humni kunis sadarakaa adda addaatti gochaa suukanneessaa ummata irratti raawwachaa jira. Qabeenyaa ummataa saamuu, reebicha akka malee fi hidhaan daran hammaatee jira.

Ajjeechaan akka dhuunfattii, akka maatiitti fi juumlaa haala dhaabbataa ta’een itti fufuun duguggaa sanyii akka ta’e haala gartuun biyya bulchaa jiru qabatamaan gochaa jirurraa hubatamaa dha. Humni gartuu Bilxiginnaa ajjeechaaraatti ajjeechaa dabaluudhan badii keessaa bahuu hin dandeenye keessa seenee jira. Kunis itti gaafatamummaa sanyii duguuguu ( genocide) keessa akka isa galce hubatee kanarraa akka dhaabbatu ammas irra deebifnee akeekkachiifna.

Haala sanyii duguuggaa amma deemaa jiru kana keessatti Oromoo tokkuummaan ka’ee uf ittisuu akka qabu gadi jabeessinee hubachiifna. Yeroo ammaan tana Oromoon humna ufii jabeeffatee falmaachuurraa kan hafe fala biraa akka hin qabne hubachuu feesisaa dha. Kanaaf Oromoon dangaarraa daangaatti wal hubatee diina isa balleessuuf carraaqaa jiru ufiraa ittisuu dirqama lammii Oromiyaa hundaa akka ta’e ammas irra deebifnee hubachiifna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Amajjii 7, 2022

Finfinnee

10/12/2021

Picture of the day 🌳

17/11/2021

02/11/2021

Qeerroo jirtuu jira jedha akka banda natutii

11/09/2021

Barii har'a kan Nagaa jalalaa ulfina tokkummaa isiniif hattuu bara milkii kan yadan hundi kan itti isiniif milkaa’u tokkummaa fi jalatti ilmaan nama hundafi

08/09/2021

Qondaalaa olanaa biyyaa Ethiopian ture gameessa siyaasa lolee lolchiisaa dha namni kun enyuu ?

06/09/2021

Kees kotii 15m gachuu qaban galatoomi kekiiya ilmaa badhadha

06/09/2021

Ethiopian Hayyuu adunyaaf ta,u hiitee duigamufii filatee

05/09/2021

ዪፋሳሊ Ethiopian Oromoo balalefatu abdanii hin ijaramtu hin shakiina irraan getee dafii

01/09/2021

Boolla namaaf qotuu gadii hin fageessanii tarii sumaaf ta'u danda'a!

Want your school to be the top-listed School/college in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address

Jalaa Nadhii Gammadaa
Asella
FB