Abdulwahid Husein

Abdulwahid Husein

Share

I miss you

19/11/2021

Jirra jechumaafi
Har'a geenne baraa
Imala jireenyaa
Eegalleetin jirraa
Deemsi itti fufa
Hanga geennuu eddoo
Xinnoo jireenyatu
Natti tahe yaaddoo

Isin hin daganne
Hiriyoota kiyya
Kan wal na barsiifte
Jiruun biyya biyyaa
Isin nagaa qabduu
Ani nagaa kiyyaa

Baga naaf jiraattan
Jiraadha ammallee
Isin hin dagadhu
Har'@@ fi borullee

Photos from Electrical and computer Eng's post 14/09/2021
14/09/2021
14/07/2021

Waa'ee Ud-hiyyaa Ilaalchisee.

Mee Dubbisaa Waa Hubattanii, Share godhii

1. Ud-hiyyaa jechuun:- Qalmaata ji'a Zulhijjaa guyyaa khurnaffaa irraa kaasee hanga guyyaa Ayyaama Tashriiq ( hanga guyyaa 13ffaa tti Sababa Rabbitti dhihaachuuf jecha horii manaa kan akka Gaalaa, Re'ee fi Hoolaa tahan keessaa filachuun Sirna Rabbiif jecha qaluu jechuu dha.

2. Sirni Ud-hiyyaa Sunnaawwan Ibaadaa akkaan jajjaboo tahan keessatti Ramadama.

Rabbiin ol tahe akkana je’a:- Rabbii keetiif Salaati, Isaaf Qali. Al-Kawthar 2

Rabbiin ol tahe akkana je’a: Jedhi:- Salaanni koo fi qaliinsi koo fi, jiruun too, fi duuti too Allahaa gooftaa aalamootaa tiifi. Shariikni isaaf hin jiru. Al-An'am 162,163

Akka sahiiha bukaariitiif muslim keysatti galmaa'e. Anas bini maalik R.A. irraa odeeffametti: Ergamaan Rabbii ﷺ. korbeessa lama tan buburree taate harka ifiitiin qalan, " BISMILLAAHI ALLAAHU AKBAR " irratti je'anii, Miila isaaniitiin cinaa mormaa irraa dhaabbatanii, je'a.

3. Yeroo Qalamu Maqaa Rabbiitiin Rabbiif jecha qalama.

4. Guyyaan Qalmaata Ud- Hiyyaatiis erga Salaanni iidaa xumurame booda guyyaa Qalmaataa ykn yoowmu Nahar guyyaa 10ffaa irraa hanga guyyoota Ayyaamu Tashriiq guyyoota 11ffaa, 12ffaa fi 13ffaa seensa Aduutti jechuu dha.

5. Horii manaa gatiin qaalii, Foon haalaan qabanii fi Aybii irraa qulqqulluu tahan qaluun irra caalaa dha. Namni Ud-Hiyyaa Qaluuf niyyate Ifiifiis irraa nyaatee, maatii isaatiis nyaachisee, fira, Aalii fi Jaallan isaa afeeruu fi Miskiinaaf hiruun isaaf jaalatamaa dha.

Haadhaa Abbaa isaa Aakhiramaniifiis ajriin isaaniif haa geeysu je'ee maqaa isaaniitiin niyyatee qaluu ni dandaha.

6. Horiin manaa Ud-Hiyyaaf qalamu

Yoo Gaala tahe, kan Umrii amata 5 guute,
Yoo Horii yoo tahe Sa'aa fi Korma amata 2 guute,
Yoo Re'ee tahe kan amata 1 guutee fi
Yoo hoolaa tahe ammoo baatii 6 dabran yoo tahan qalmaata Ud-Hiyyaatiif ni gahan jechuu dha.

7. Qalmaanni horii manaa ijji ballaa, dhukkubsataa ykn Okkolaa yoo tahe Ud-Hiyyaaf hin tahu.

24/01/2021

Obsaan itti geenne

Xàaridhaan as geenne
Salphaa si fakkaatee
Guyyaa barachuudhaaf
Halkan gurzaa bultee
Akkasumaa tahaa
Yoom gaafii argattee

Har'a hunduu lufee
Firii kee haammattee
Warri Rift valley
Baga itti geettee
Gariin waggaa afur
Itti xaaraa turtee
Baga xaarii kan kee
Nagayaan haamatte

Baga gammaddan kaa
Nutis gammaneerraa
Firii xaarii keenyaa
Har'a arganneerraa
Kalee lafa seenaa
Har'a Rift jirraa
Congratulations
Nuun jedhaa onneerraa

14/12/2020

Alhamdulillah
Kan dhufuufis hirkoon koo Rabbuma

Photos from Abdulwahid Husein's post 26/10/2020

Inshaa allah bu'aan motummaan faransay emanuel makron argatu salphina qofa quufa akkas isa haasofsiise sana yeroo dhiyootti waan ajaa'ibaa ni dhageenna inshaa Allah

What we know about what it's like to recover from Covid-19 and its long-term effects 13/10/2020

Some people who recover from Covid-19 are back to normal health within weeks. But for others, issues persist for months or cause damage that might lead to additional health issues in the future.

What we know about what it's like to recover from Covid-19 and its long-term effects More than 35 million people around the world have tested positive for the novel coronavirus that causes Covid-19, according to data compiled by Johns Hopkins University.

Mobile uploads 08/10/2020
Want your school to be the top-listed School/college in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address

Asella