FOCUS Arsi University Damee Fayya

FOCUS Arsi University Damee Fayya

Share

“"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti

25/12/2022

Jaallatamoo keenya nagaan waaqayyoo isiniif haa ta'uu.Sagantaan addaa yaadannoo dhalachuu gooftaa keenyaa yesuus Kiristoos sababeeffachuun bifa addaatiin gaafa 21/4/2015 Galgala saatii 1:30tti WWWMY BETHEL AFAAN OROMOO ASALLAA tti qopha'ee waan jiruuf waaliin haa hirmaanuun affeerraa keenya jaalalaati.

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 28/11/2022

Wel come program

21/11/2022

Jaalatamoo keenyaa nagaan waqayyoo isinif haa ta'uu.Saganataan BAGA NAGAAN DHUFTANII (WELL COME) Wal ta'iinsa focus Arsi University damee Fayya, damee Diinshoo fi damee Arduun qopha'ee gaafa 17/3/2015 saatii 7:00 irratti WWWMY Bethel Afaan oromoo Asallaa tti waan ta'eef waaqeffanna, qophiile barsiisoo fi bashanansiiso qopha'ani jiran Waliin haa hirmanuun afferaa keenya jaalalati.

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 23/09/2022

Day 7
👌Yesuus deebi’ee ni dhufa!

📖"Mana abbaakoo keessa iddoon jireenyaa baay’eetu jira...deebi’ee dhufeetaan gara ofii kootti isin fudhadha..." Yoh 14: 2-3
👉Yesuus Kiristos yeroo deebi’ee dhufu, warra isatti amanan fudhachuu warra isatti hin amanneetti immoo firdii bara baraa faraduudhaaaf deebi'ee nii dhufa.
👌Yeroo Yesuus deebi’ee dhufutti:
👉Qulqullooti warri isatti amanan hundi dhaqna haaraa isa hin badne uffatanii gara Mootummaa Waaqayyoo isa bara baraan gammadaa keessa jiraatanitti imalu. 1Phex 1:4
🙆‍♂️Warra isatti hin amanneetti garuu in faradama. Firdiin kunis kuufama gaalaana ibiddaa isa bara baraan boba'uutti darbatamuudha.👨‍⚖️Inni kun bakka yeroodhaaf osoo hin taane bara baraaf keessatti gubachaa jiraatanidha!
👉Kun hireekee miti obboleessa/ttikoo goftaa Yesuusitti amanii lubbuukee oolfadhu.
👌Waaqayyo nama kam iyyu balleessuudhaaf yaadee hin uumne. garuu namni kaayyoo Waaqayyoon ala gaafa jiraatu firdii isa seexana isa kufeef qophaa'ee keessaa hirmaata malee.
🙅‍♂️Jireenya yeroof jiraattuuf jettee jireenya bara baraa of hin dhabsiisiin.
👍Warrii isatti amanan biyya gaammachuu malee gaddi hin jirre, ifa malee dukkanni hin jirre, faarfachuu malee boo’ichi hin jirre, biyya baraa hamma baraatti ulfinni Waaqayyoo keessaa ifu keessa jiraachuu deemuuf jiru.
👉Kun abdii isa eebbifamaa warri isatti amanan eeggachaa jiranidha.
📖“Achumaan abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi'ee mul'atu sanaa in eegganna. Inni mul'achuuf jiru sunis Yesus Kristos; inni Waaqayyo keenya isa guddicha, fayyisaa keenyas.”
— Tit. 2:13
👌 Atis Yesuus Kiristoositti amanii jireenya bara baraa keessaa qooda qabaadhu!
📖"Halkanis deebi’ee hin argamu, waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta’uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaanif hin barbaachisu, isaan baraa hamma bara baraatti mo’uuf jiru." Mul 22:5

#📢📢Yesuus_deebi’ee_ni_dhufa.🗣🥇🏆

🙏 Gooftaa keenyaa nuuf kottu Maaraanaataa!!!!!! 1Qor 16:22


#

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 21/09/2022

D6/12/01/2014

👉Lubbuukee oolfadhu guyyaan fayyinaa amma!
📖Kunoo yeroon jaallatamee fudhatame amma; kunoo, guyyaan fayyinaa amma. 2Qor6:2
👌Waaqayyo namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha. 1Xim 2:4
👉Dhugichis Yesuus Kiristoos qofaadha. Biyya lafaa kana irra yeroo muraasa qofaa jiraatta. Guyyaa itti biyya lafaa kana irraa deemtus hin beektu.
📓Macaafni Qulqulluun guyyaan fayyinaa amma jedha! Waan ati lafa kana irraa qaba jettee himattuu fi qabaachuuf jirtu kam iyyuu si oolchuu hin danda'u.
👏kanaaf ergaa kana dubbifachaa kan jirtu baga gammadde! har'a osoo yeroon jiruu lubbuukee oolfachuu dandeessa.
👉Haala keessa jirtu, hawwaasa wajjiin jiraattu, ilaaluu dhiisi. Nama kam iyyuu osoo hin taane amma ofiike ta'i.
👉Barriikee lafa Kana irraa xiqqoo akka ta'ee fi bara qabdu irrattis guyyaa tokko illee dabalachuu akka hin dandeenye beeki.
👌Yesuusitti amani, jireenya bara baraa keessaas qooda qabaadhu.
📖Yoh. 3:17-18
¹⁷ Waaqayyo biyya lafaatti farachiisuuf miti, biyyi lafaa isaan haa fayyuuf ilma isaa biyya lafaatti erge malee.
¹⁸ Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.


Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 21/09/2022

D5/11/01/2015

Karaa dhugaan gara jireenyaatti geessu Yesuus Kiristoos qofadha.

📖Yesuus Karaa, Dhugaa, Jireenyadha! Yoh 14:6
👌Biyya tokkoo gara biyya biraa deemuudhaaf karaan baay’ee murteessaadha.
👌Waaqayyoo abbaanis bara baraan mootummaa isaa keessa isaa waajjin akka jiraannuuf, jireenya bara baraa inni nuuf kennes deemnee akka dhaalluuf, karaa ittiin gara isaa deemnu nuuf qopheessee jira.
👉Karichis tokko qofadha. Innis Gooftaa Yesuus Kiristoosidha! Yoh 14:6
📖Karaan garaa fayyiinaatti geessu Yesuus Kiristoosin malee kan biraatiin tokkollee hin jiru, nuufis hin kennamne. Hoe 4:12
👌Kanaaf karaa gara Motummaa waaqayyootti geessu isa ta’e Yesuus Kiristoositti Amani.
👉Jireenya bara baraa keessaas qooda qabaadhu.
📖“Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee" jedhe.”
— Yoh. 3:36

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 20/09/2022

D4/10/02/2015

Mootummaan Waaqayyoo mootummaa bara baraati.

📖Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne…kunis ilma isaa keessatti argama. 1Yoh 5:11

👌Mootummaan Waaqayyoo iddoo bara baraan gammachuudhaan keessa jiraatanidha.
👉Bakka boqonnaati, biyya dhukkubni, dullumni, duuti, dhabuu fi rakkachuun, boo’ichis hin jirredha.
👌Qabeenya guddaa qabaannee gurgurree ittiin bitachuu, matta’aa kenninees fudhachuu, ogummaa fi beekumsa keenyaan argachuu, tayitaa oolaanaa qabaanneef achitti galuu hin dandeenyu.
👉Addunyaa kana irraa namni beekumsaa fi dandeettii addaa qabuun, qabeenya isaatiin, taayitaa isaatiin waraqaa ragaa ittiin motummaa waaqayyootti galu argate hin jiru!
👌Namni fayyuu fi jireenya bara baraa argachuu kan danda’u ilma waaqayyootti yoo amane qofaadha.

📖“Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu.”
— 1Yoh. 5:12

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 19/09/2022

D3/09-01-2015

Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba. 1Yoh 2:17

Biyyi lafaa bakka yeroof keessa jiraatan malee, bara baraan bakka jiraatan miti.
Bakka itti madaalamnudha malee, bakka keessatti hafnu miti.
Beekumsii fi ogummaan, qaroominnii fi ammayyummaan addunyaan kun har’a irra geessee jirtu kun hundinuu yeroof malee ni hafa.
Macaafni qulqulluun Wanti aduu gadii waa’ee hin baasu, akka nama qilleensa ari’uutis jedha. Lall 1:14
Biyya lafaa kana keessatti wanti argannee qabnu hundi yeroof malee kan bara baraa miti.
1Qor 7:31->“Warri biyya lafaatti dhimma ba'an, akka warra itti dhimma hin ba'inii haa ta'an! Biyyi lafaa inni amma mul'atu kun in dhidhima.” jedha.
Biyyi lafaa amma mul’attu kun abiddaan gubatte ni baddi. 2phex 3:12.
Macaafni qulqulluun garuu duraan dursaa Mootuummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaddachuutti yaada keessan hidhaa kana malee kan isin barbaachisu hundinuu isiniif ni kennama jedha.
Mat 6:33
Egaa kanaaf, adaraa obboleessa/ttiko inni bor baduu fi hafuuf jiruu isa bara baraan hafee jiraatu akka si hin dhabsiisnetti, Gooftaa Yesuusitti amanii ooli!

Photos from FOCUS Arsi University Damee Fayya's post 17/09/2022

D2/08-01-2015

Furamuu fi dhiifamuun cubbuu Yesuus qoofani.
Ilma isaa kanaan furamuu, dhiifamuu cubbuus arganneerra! Qol 1:14

Namni biyya lafaa kana irra jiru hundumtu cubbuutti kan dhalatedha. Rom: 3:23.

Cubbuun keenya immoo, yaadaa fi karoora waaqayyo nuuf qabu akka nuti hin hubanne nu taasisa, waaqayyoottis gargar nu baasa. Beenyaan nama cubbuu hojjetuu immoo du’adha. Rom 6:23.

Egaa nuti namoota cubbamoo osoo taanee jirru, cubbuu keenya irraa fayyinee waaqayyootti akka firoomnuf ilma isaa isa cubbuu tokko illee hin qabne Yesus Kiristosin dabarsee nuuf kenne. 1Yohannis 4:9-10
Inni immoo waa’ee cubbuu ilmaan namaaf fannifame, cubbuu biyya lafaa baates fannootti ol ba’e, dhiiga isaa dhangalaasuun waaqayyoo fi nama walitti araarse. Ibroota 10:10.

Beekumsi, qabeenyi, taayitaan fi kkf cubbuutti nama fayyisuu hin danda’u. Karaan namni cubbuutti fayyuu danda’u isa cubbuu ilmaan namootaaf du’ee, du’aas ka’e, Yesus Kirsitositti amanani qalbii jijjirrachuu qofaanidha.


16/09/2022

D1./07-01-2015

Waaqayyo Si Jaallata.
📖Waaqayyo Tokkicha Ilma Isaa Hamma Kennuufitti Biyya Lafaa Jaallate. Yoh 3:16

👌Waaqayyo tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate kunis kan isatti amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatufi. Yoh 3:16
👉Namni kam iyyuu akka badu fedha waaqayyoo miti. Waaqayyoo jaalala bara baraan si jaallate. Jireenya bara baraas siif laate.
👌Waaqayyoo yaadaa fi karoora dinqisiisaa, jireenya irraa hafaas siif qaba ati kana itti yaaddee beektaa? Yaada bara baraa fi Karooraa dinqisiisaa waaqayyo siif qabu, akkasumas jireenya isa caaluu hubattee jiraachuuf immoo kan dandeessu gooftaa Yesuus Kiristoositti yoo amante qofaadha.
📖“Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.”
1Yoh. 4:9

15/09/2022

Digital mission week!

Want your school to be the top-listed School/college in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Asella