29/06/2024
As wr wb Manni Barumsaa Ifaa Islaamaa gaafa guyyaa 30/10/2016 Eebba barattoota BSTD fi Ayyaana maatii barattoota kutaa 1- 8 walumarratti Galma Koolleejjii Barnoota Barsiisotaa Cirootti bifa adda ta'een geggeessuuf waan deemuuf dhuftanii qooda akka irraa fudhattan isin afeeree jira.
04/07/2023
As wr wb Barattootaafi maatii barattoota MBII tiif akkuma beekamu baruubarsiisuu bara kanaa xumuruun keenya ni beekama. Haata'uu ammoo wanti guddaan nuuf hafeefii isinis eeggataa jirtan ayyaana maatiitiifi eebba barattoota KG 3 ti. kanaafuu ayyaana maatii kutaa 1-8 guyyaa 02/11/2015 akkasumas guyyaa 03/11/2015 eebba barattoota KG waan geggessinuuf ganama sa'aatii 2:30 tti duftanii qooda akka irraa fudhatan kabajaan isin afeerree Jirra.
27/06/2023
As wr wb Barattoota, Barsiisota, Maatii barattootaafi Hawaasa MB keenya hunda Baga Rabbiin Iidaladhaa bara 1444 H tiin isin gahe warra baranaa kan bara heedduu isin haa godhu
🎀🎀عيد مبارك🎁🎁
🌙⭐کل عام وانتم بخير
👑👑تقبل الله ومنا ومنکم
صالح الأعمال✨✨💫🌟
19/06/2023
Barattonni MBII Qormaata Xumura Semisteera 2ffaa bara 2015 eegalanii jiru. Mee eebbisaa
20/05/2023
Barattonni MBII sagantaa baratamaa duaaii bara 2015 haala gaariin godhanii jiru
21/04/2023
As wr wb Baga ittiin isin gahe
22/03/2023
As wr wb Maatii barattoota keenyaatiifi Barsiisota keenya hunda duraan dursee baga Rabbiin baatii Ramadaanaa kabajamtuu tanaan isin gahe!
Akkuma beekamu Manni barumsaa keenya ji'a ramadaana kana barnoota sa'aatii dura qofa barsiisa. Kanaafuu haala kana hubachuun maatiin barattoota ganama sa'aa 1:00-1:20tti mooraa MB keessatti akka argaman nuuf gochuun akka nu gargaartan isiniin Jenna. Barsiisonni keenya ammoo sagantaa ibaadaatiifi baruubarsiisuutis baafachuun akka qoohooftan isiniin Jenna.
12/03/2023
As wr wb ijaarsa madrasaa Ifaa Islaamaa duraan namoonni muraasniifi koreen itti dhiphachaa Turan Amma kan ummataa ta'uu islaabii 1ffaa guutuu kanarratti mirkanaa'ee Jira kun nama gammachiisa abdillee natti hora, nama keessatti ijaaramee Jira lafarratti ijaaramuun salphaadha!
02/03/2023
As wr wb Arran tana madrasaan Ifaa Islaamaa na ijaarradhaa jechuun alatti bahe Mee ijaaraa
21/02/2023
As wr wb Manni barumsaa Ifaa Islaamaa barsiisota diiniyyaa qacaruuf haala armaan gadii kanaan beeysisa baasee Jira. Kanaafuu namoonni ulaagaalee armaan gaditti caqafaman kanneen guuttan galmaawaa.
20/02/2023
As wr wb arraantana gumiin da'awaa haala kanaan barattoota gorsan