Imaamushaafi'iyyiin akiin jedhe-
Beekkumisi taakkuu 3 jedhee
Namini taakkuu dura gahee ni boonaa.
Nammintaakku 2ffa gahe tawaadu'a godha.
Namini taakkuu 3ffaa gahee akka waan takkaallee hin beekine ufii beekaa Jedhan.
Rabbiin beekkumisarraan beekumisa boona hin qabine nu haa dabalu.
Abdurezak Aliyi Hamid
HEALTH ASSESSMENT/Nursing process
🚨 Yaa Lammiiwwàn Keenya Kiristaanaa Kottaa Gara Islaamummaa Waaqa Yesuus Waaqessaa Ture San Waaqessinaa.✔️
Yohannis 20:17 (HAH) Yesuus immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
Maatewos 27:46 (HAH) Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee, laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
Maarqos 15:34 (HAH) Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee! Eloohee! Laamaa Sabaqtaanii?” jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
Aal-e-Imran 3:51
إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطࣱ مُّسۡتَقِيمࣱ
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraa. Kun karaa qajeelaadha.”
Maryam 19:30-36
قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيࣰّا
(daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيࣰّا
essalee jiraadhu barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naatti dhaamee jira.
وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارࣰا شَقِيࣰّا
Haadha tiyyaaf tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aa, nan taasifne.
وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيࣰّا
Nageenyi narratti jiraata Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus ”.
ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ
(kan waayee isaarraa dubbatame kun) Kun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkaniidha.
مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدࣲۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرࣰا فَإِنَّمَا يَقُ
Dhugaa Garatu Dhuga!
Islaamummaa seenuuf hayyama kan kennu RABBI qofa,affeerraa isaatiin malee dhugaa qulqulluu tana namni tokko hin badhaafamu!
Islaamummaan amantaa dinqiiti malee amantii dirqiitii miti! Islaamummaan uffataa fi maqaa,beekkamtii fi mallaqa irra hin teessu qalbii qofa irra qubatti! Qalbii abbaanuu harkaa hin qabu,RABBI qofa!
Amantii ragaati,olola hin qeebalu
Amantiin nagayaati,lola hin qeebalu!
Islaama tahuun kaleessa kee kasaaruu miti,dhaloota haaraya faaya jiruu har’aa boruutiin guutame eegaluu dha!
Namni kaleessa adu**wwii amantaa kanaa ture,har’a gaggeessaa fi barsiisaa amantaa kanaa tahuun amantaan kuni humni isaa jabaa tahuu fi dhugaan isaa moo’attuu akka taate ifa galcha!
Guyyaa har’aa miseensa “ Laa Ilaaha Illallaah” adda tahe,haqa falmaa ture Addisuu Raggaasaa haqa argee,qo’atee qoratee dhufee amanee,Ummata dura bu’aa dhala Namaa Nabi Muhammad taheera.
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ سَيَجْعَلُ لَهُمُ الرَّحْمَنُ وُدًّا
12/04/2025
FAAYDAA KAMMOONA, INSIILAALEE, BOONQAA..
👇👇👇👇👇👇👇👇👇💜💜
Kammoona irraa maaltu nyataama?
Innii haala ( 3) qaba
1.Firii isaa
2.Baala isaa fi
3.Hundee ykn huddu
👉ITTI FAYYADAMIINSA
1.Firii isaa shaayi wajjiin akka zanjabiil fayyadamnutti fayyadamna.
2. Baalaa fi hundee isaa waan nyaatamu wajjin goone fayyadamna.
3. 1 fi 2 irraa kan argame fayyadamu nidandeessa humaa rakko fidu.
MALIIF GARGAARA?
1.Kammoonni nama gaggabuuf kan onneensa akkaan dhawattee(harkifaatte) gaggabsituuf dawwaadha akkuma shaayitti fayyadama.
2. Nama qufa’uf (utaallo) qabuuf dawaadha.
3. Nama bokhoke ykn hafuurri garaa guutef dawaadha.
4.Dhukkuba marrimaan gurguddaa handhuura kara mirgaa jalaa ka’ee kara bitaa deemuf dawaadha.
5.Kammoonni Nama cinaachi dhukkubuuf dawaadha.
6.Dhukkuba kaleetiif cirracha qabaatuus ni baasa.
7.Nama Fincaan hedduu irraa hin baane irraa baasa akkasumaas uffaa fincaani nibana.
8. Kemikaloota gara garaa kan qaama keenya miidhu baasuuf.
9. Nama summii dhugeef nigargaara .
10. Nama ijji dhukubdeef dawaadha.
11. Kammoonni habaabii fi dabbaquula waliin walitti maknee fayyadamnee nyaata namarra daleeysisa akkasumaas dhukkuba garaachaatif dawaadha.
12. Nama dhukkuba busaa ykn dhukkuba nama leeyduuf dawaadha.
13. Kammoonni hiqqiffoof dawaadha.
14. Kammoonni dhukkubbii mataatif dawaadha.
15. Wantoota sababa cufaamu qaama kenyatiin qaama irratti ba'uu fknf dhuullaa, maasha fi kan kana fakkaatan.
16. Qaama sababa diraamu sibiila qara aban fi madaa namarra deemtuuf gubanii daara isaa deeymaan ykn bishaanin dibatan ni qoorsa.
17. Dubartii deessef akkaan aannan joolleef copsa wahii wajjiin yoodhuyde(kansaari fiixee harmaa).
18. Dubartii laguun hedduu irraa hin baaneef. i
19. Nama dhiiga danfaa qabuuf dawaadha.
20. Rakkiina wa irraanfaanna(xiinsaammu) yokan (yaadannaa namaaf fida keessattuu zanjabiili wajjin akkaan waa nama yaadachiisa.)
21. Dhukkuba kaansari fiinxee gadameessa namarraa ittisa.
22. Dhukkuba onnee namarraa ittisa.
23 Dubartii dhiigni isii al-seruumaa hin qabnee.
24. Foolii afaanii ykn afaan ajaahuf dawaadha.
25. Nama gaastirik qabuuf dawwadha.
26. Kammoonni dhukkuba copxootiif dawaadha.
27. Nama Fincaan akka malee gubuuf dawaadha.
Galatooma lammii koo
Dr Moriinga S
Osoo hin hamatin ooltee beektaa ?
✍️ Osoo yeroo ati nama tokko hamattu account keetirraa qarshiin muramee, account nama ati hamattuu sanarratti kan galu taatee silaa…mallaqa kee eeggachuuf jecha osoo nama hin hamatin afaan kee qabattee oolta ture…
✍️ Duniyaa dhumattuu tana tikfachutu caala moo, dalagaa teenna tan dhumne sana eeggachutu caala….!!
Ergaa xiinxalamuu qabdu….
06/10/2024
Mee arra Ulamaa'ota keenya keessaa Dargaggeessa lafaa dhufaa Urjii Ulamaa'ii taheeniin wal-isin barsiisa!!
Marqaan isaanii guutuun Sheikh Mohammad Toofiq Sheikh Haamid ja'amu.
Sheekh Mohammed Abbaa Isaa Toofiq sheikh haamid Fi Haadhaa Isaa Faaxumaa Ahmad (faaxumaa Aammee ) irraa bara 1985 Baha oromiyaa Aanaa qarsaa zoonii laangay Araddaa Bululo tti dhalatan.
Sheikh Mohammed akkuma umriin isaa barnootaaf geesseen achuma iddoo dhaloota isaatti
Barnoota Amantii islaamaa Alif irraa eegalanii qur'aana hanga tokko Sheikh Ahmad Noolee Irratti baratan, Itti Aansuudhaan
Abbuma isaanii Tofiqi sheikh haamid irratti qur'aana fixan,
Itti fufuun Kitaabban Fiqhii: Safiinaa, Bafadlii, mukhatasru abii shujaa, Umdatu naasik Fi minhaaja Nawawii abbaa isaa irratti baratan.
Ammallee Imala Ilmii itti fufuun Kitaabban Matnootaa; Usuulussalaasaa, Buluugha fi Riyaada, akkasuma Kitaabban Aqiidaa Shekh Saalih Jimmaa sheekh saalih bulughaa, sheikh Abdurahman Doobba fi sheeikh Usmaan culul irratti baratan.
Kana booda gara Bukhaarii zamanaa Sheikh Ahmad Watar dhufuun kitaaba Matnootaa irraa deebi'uun Haga Tafsiira Quraanaatti, akkasuma Ilmii Faraa'idaa irratti baratan.
Shekh Muhammad Tofiq Ammas Imala ilmii isaanii itti fufuun barnoota seer-luga afaan arabaa(nahwii) baratuuf gara biyya Noolee Sheekh sheekhotaa sheekh ibraahim ceekhaatti qajeeluun isaan biratti Matnii ajarruum, Qimaxroo Booseessaa, Alfiyaa Bin Maalik baratan. Ammallee gara Abbaa Nahwii Sheikh Aliyyii Caatee bira deemuun Kitaabban Nahwii, Iiraaba ajarruum, Taqriizaata fi dahlaan, Qimaxroo Addeellee fi Alfiyaa Bin Maalik baratan.
Kana booda gara Muftii biyyattii Sheikh Ahmad Watar dhufuun muxawwalaata Kitaabban Nahwii, Sunana afuran, Sahiiha lamaan baratan. Kana malees Kitaabban usuula fi qawaa'ida Fiqhii, Fannii Sarfii, Manxiqa fi Balaaghaa Watar irratti baratan.
Eega waggaa dheeraa Imala Ilmii keessatti dabarsan booda Imala isaanii gara barnoota ammayyaa deeffachuun Gara magaalaa Dirree dhawatti imalan.
Sheikh Muhammad Tofiq dirree dhawaa seenee barnoota isaanii mana barnoota sadarkaa 1ffaa madrasaa bilaalitti hanga kutaa 8tti baratan san booda gara mana barnoota madarasaa jadiida (ma'ahadal nuur) dhufuun Kutaa 9-12 achitti baratan
Haala kanaan bara 2013tti qabxii seensa University (entrance exam) fiduun University Jigjigaa seenan.
Sheikh Mohammed Tofiq Univarsiiti jijjigaa seenee barnoota injinaringii barachutti osoo jiranii haalli tokko tokkko isaanii mijjatuu waan dhabeef biyya isaa irraa bahuun isaan mudattee imala isaa gara Biyya misrsa bara 2014 keessa Biyya misraa seenan. Jireenya Biyya ormaa keessatti yeroo takka dalagachaa, yeroo takka ammoo barsiisuu eegalan. Eega waggaa meeqa Biyya ormaatti fixan booda "Ilmii biyyaa baate gara biyyaa haa deebisnu" jachuun qabsoon eegalamte. Qabsoon eegalamte tun ji'a sadiif Kan turte yoo tahu kuno guyyaa arraa Ilmii biyyaa baate Sheikh Mohammed Toowfiq gara biyyaa deebiste. Yaa Maasha Allah!
Sheekha keenyaaf umrii dheertuu kadhachaa asirratti goolabna.
Barreessaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!
Aayata jireenya sheek Abdul-majiid zandaanii jijjirte rabbiin rahmata haa godhuuf..
Doctor Aamir Al khumeysiin Akkana ja'a.
Guyyaa tokko sheek zandaaniin gaafadhe; maaltu jireenya kee jijjiree, jireenya keeysatti nama galma gahu ka waa faaneysu si godheen je’een.?
Eegaan naaf himtu malee je’ee itti jabeeyse booda akkana je’eeti naaf hime;
"Uumamaan anumaa xiqqaa eegaan jireenya bare nama Rabbii fi rasuula jaalatu tahuun if arke. Ammoo jireenya kana keeysatti amantii tiyyaaf tumsuuf waan takka dalaguun qabaan ifiin je’e. Qur’aana baneetin aayata dura ijji tiyya irra buute Rabbiin natti dubbachaa jiraa aayata san jireenya kiyya keeysatti qajeelfamaan godhadhaan ifiin je’e. Yeroo tana umriin tiyya amata 18 gadi. Oggaan qur’aana banu aayanni ijji tiyya dura irra buute Ayata kana.
﴿ وَالَّذِينَ جَاهَدُوا فِينَا لَنَهْدِيَنَّهُمْ سُبُلَنَا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَمَعَ الْمُحْسِنِينَ﴾
(Warreen karaa keenya keeysatti tattaafate, Wallaahi isaan karaalee keenyatti ni qajeelchina.)
Hoggu hedduu irra daddebi’eetiin qara’e hanga qalbii tiyya keeysa gad bu’utti. eeganaa harka kiyya gama samii ol qabeetin; Yaa Rabbi walakkaan narratti, kan hafe ammo sirrattiin “je'e. Jechuun: lubbuu tiyyarratti tattaafachuun narratti, na qajeelchuun ammoo sirratti."
Doktorri itti fufee akkana ja’a; sheeka yeroo hedduu isaa Aayata kana qara’uun arka. akka waan beellama isaa fii Rabbi jidduu jiruu if yaadachisutti.
Yaa rabbii walakkaan narratti, kan hafe ammo sirratti.
Beellama zandaanii.!!
Warri du'an akkamitti du'uu isaanii beeku?
Wa'innaaileeyhi Raaji'uun!!!
Namni du’e tokko jalqaba irratti du’uu isaa hin hubatu. Abjuun du'a akka waan arge takkatti itti dhaga'ama, boo'uu, dhiqachuu, of hidhuu fi awwaalatti gad bu'uu isaa akka abjuutti arga.
Yeroo hunda namni yeroo lafa irra ciisu miira abjuu qaba. Sana booda ni iyya garuu namni isa dhaga'u hin jiru.
Booda yeroo namni hundi faffaca’ee lafa jala kophaa hafu Rabbiin lubbuu isaa itti deebisa. Ija isaa banee "abjuu hamaa" isaa irraa dammaqa. Jalqaba wanti isa mudate abjuu halkanii qofa ta'uu itti fakkaatee waan oole se'ee gammadee Rabbiin galateeffata, ija isaa sirritti banatee bitaa fi mirga isaa ilaalee Achiis qaama isaa isa ammallee huccuun marfame qaqqabatee ajaa’ibsiifatee akkana jechuun of gaafata:-
"shamizii koo meeti?,uffanni jalaa koo eessa jira?"
Sana booda itti fufee: "Ani eessa jira, bakki kun eessa?, maaliif bakka kanatti urgaa ,xurii fi dhoqqee arga?, asitti maal hojjechaa jira?" jedhee of gaafata?
Sana booda lafa jala akka jiru hubachuu jalqaba, wanti isa mudachaa jirus abjuu miti! Eeyyee, dhuguma duʼuu isaa hubateera.
Hamma danda’ametti sagalee guddaadhaan iyyee firoota isaa waama: akka inni yaadutti firoottan isaa isa oolchuu danda’an maqaa dhahee itti lallaba.
"Hasan .!!!"
"Faa'izaa.....!!!!"
"Abdullaahii......!!!!"
"Khadiijaa......!!!!"
"Aayishaa......!!!!"
"Usmaan......!!!!"
"Addaam......!!!!"
Yoo Muslima hin ta'in
"Caalaa"
"leggesaa"
"Dirribaa" jedhee yaama
Garuu Namni deebii isaaf kennu hin jiru. Sana booda abdiin isaa amma Rabbiin qofa ta’uu hubata. Isaaf boo’ee araara isa kadhata;
"Yaa Allaah! Yaa Allah! Naaf araarami Yaa Allah... !!!
Sodaa ajaa'ibaa jireenya isaa keessatti kanaan dura itti dhaga'amee hin beekne itti dhaga'amee iyya.
Muslima ta'ee Nama gaarii yoo ta’e, Malaaykonni lama koflaa isa jajjabeessuun tajaajila hundarra gaarii ta’e isaaf kennu.
Nama hamaa yoo ta’e malaykoonni lama sodaa isaa dabalanii akka hojii badaa isaatti isa dararu.
Yaa Rabbi dilii anaa fi haadha koo, abbaa koo, haadha manaa, ijoollee koo fi maatii fi hiriyyoota koo hunda naaf araarami.
Obboleeyyan islaamaa barreeffama kana yeroo dubbiftu keessatti filannoo lama qabda
1. Beekumsi xiqqaan kana dubbistee osoo bakka hin kenniniif akkuma duraaniitti jireenya kee itti fufuu
2. Barreeffamni kun of siyaadachiisee hamaa dalagaa jirtu irraa toowbattee jireenya haaraa jalqabuu, araara kadhachuu fi hojii gaggaarii hojjachuu, gara Allaahatti deebi'uu
Yaa Allah hangan nama gaarii ta'ee dalagaa gaggaarii dalagadhee siqunnamuudhaaf qophii ta'utti lubbuu tiyya narraa hin fudhatin. Ameen..👏👏...
Muslim's Corner irraa afaan Oromootti hiikame!
Awol Kasim Alo
Yesuus Cubbuu ilma namatiif akka hin duune mirkaneessuu qabxii 4ffaa, kutaa 2ffaa(B)
(Hubachiisa cimaa! Yaada armaan gaditti barreefame kana akka yaada Macaafa qulqulluu Kiristaanotaatti malee nuti Muslimoonni Yesuus cubbamaadha hin jennu. Kana sirriitti qalbeefadha. Namni ani Muslima ofiin jechaa Yesuus cubbamaadha jedhu Muslima ta'uu hin danda'u waan ta'eef.✅)
✅ Akka Macaafni jedhutti Yesuus "Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf hin dhufne. Namoota walitti naquuf dhufe. Nagaa balleessuun cubbuu mitii ? Cubbuu isaa kanaaf eenyutu gaafatama ? Waaqni nagaa balleesuu qaba moo nagaa fiduu qaba?
Yesus ammoo, "Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.
³⁵ Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. [Maatwos 10:34-35]
✅Yesuus Hafuuronni hamootaa(Jinnoonni) nama keessaa baasee Booyyee kuma lama (2000) akka ajjeessan godhe. Booyyee cubbuu hin qabne ajjeessuun cubbuu hin ta'uu? Eenyutu cubbuu kanaaf gaafatama?
¹² Hafuuronni hamoonni sun immoo "Booyyota sanatti akka galluuf itti nu ergi!" jedhanii Yesusin kadhatan.
¹³ Yommus inni haa dhaqaniif isaan dhiise. Hafuuronni hamoonni namicha keessaa ba'anii booyyota sanatti galan. Hoomaan akka booyyota kuma lamaatti lakkaa'aman sun, hallayyaa irraa gad gara ciisa bishaaniitti konkolaatanii liqimfaman.
¹⁴ Yommus warri booyyee eegan baqatanii, kana warra mandara keessaa fi warra biyyaattis odeessan. Namoonni immoo waan ta'e kana ilaaluudhaaf dhufan.⎡Maarqos 5:12-14⎤.
✅ Yoonaas sababa cubbuuf namoota cuuphaa ture.
(Maatewos 3:5-6) Yeroo sanatti warri Yerusaalem jiraatan, warri Yihudaa, warri kutaa biyya naanna'aa Yordaanos jiraatan hundinuu lafa Yohannis cuuphaan jirutti ba'an. Isaan kun cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti isa of in cuuphsisu turan.
Yesuus immoo Yonaas akka isa cuuphuuf kadhatee jira (Maatewos 3:13-17) ilaali. Yesuus yoo cubbuu hin qabne maaliif akka Yoonaaa isa cuuphuuf kadhate? Inumaa yeroo Yoonaas akka Yesuus hin cuuphamne barbaade Yesuus "ana ittisuu dhiisi " jechuun kadhataa ture. Yoonaasis kadhaa isaa kana irratti hundaa'ee ittisuu dhiise(Maatewos 3:15) ilaali.
✅ Yesuus Akka Macaafni barsiisutti gaarii naan hin jedhinaa jechuun barsiisee jira. Osoo cubbuu hin qabne akkamitti gaarii isaan jedhamuu jibba? Osoo inni cubbuu qabuu (gaarii naan hin jedhinaa) jedhu qulqulluu isaan jechuun sirriidhaa?
⎡Mararqos 10:17-18⎤ Yesus adeemuudhaaf karaa irra yommuu bu'utti, namichi tokko itti fiigee, fuula isaa durattis jilbeenfatee, "Yaa barsiisaa gaarii! Jireenya barabaraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta'a?" jedhee gaafate. Yesus immoo, "Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo isa tokkicha duwwaa malee, namni gaariin tokko illee hin jiru.
✅Akka Macaafni jedhutti Yesuus lola (Ibidda)labsuuf dhufe. Iola labsuun cubbuu mitii ? Cubbuu kanaaf immoo eenyutu gaafatama ?
“Yesus, "Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe; ibiddichi utuu kanaan dura bobeeffameera ta'ee attamnan hawwan ture.”
— Luq. 12:49
✅ Yesuus namni akka inni ajjeefamuuf haala mijjeese Cubbuu akka hojjate ibsee jira.
Yesuus namichi(Yihuudaan)akka Yesuus ajjeefamuuf isa kennu yakka cimaa akka hojjate yeroo ibsu "osoo dhalachuu baatee isaaf wayya "jedhe. Yesuus cubbuu namootaaf du'a yoo ta'e ajjeechaaf isa kennuun maaliif yakka ta'uu danda'e?
“... namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture" jedhe.” Mat. 26:24.
Itti fufa..
Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha!
👇👇👇👇
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Address
Asebe Teferi
EDUCATION