Oda Bultum University at Badessa Center

Oda Bultum University at Badessa Center

Share

We strive for the community development

19/05/2023

Gaafiin Sabaa Masaraa Miti!

Ummati Oromiyaa hardha nagaa, bulchiinsa gaarii fi diinagdee dhabuun ergarama. Agamii as ammoo gadadoo fi roorroo akkaan hamaa keessa jira. Himaammata, tarsiimoo fi mala dhibdee kana furuun jiruu isaa wayyeessu barbaada. Ummata bahee galuu rakkatee jireenyi itti hadhaayeen "Finfinneetti Masaraa siif ijaarree ililchi" jechuun ummaticha tuffatuu fakkaata. Nama busaa dhibameef qoricha sombaa kennuu dha. Ammas ijaarsi masaraa gaafii sabichi Finfinnee irraa qabu hin madaalu. Finfinnee keessatti gamoo ijaaruun raajii miti. Ummata abbaa biyyaa miliyoona shantama dhiisii dallaalaan fagoo dhufeyyuu gamoo shaniif shantama asii qaba. Masaraa ijaaruun dansaa ta'us akka hooggansa saba guddaatti gamoo lamaa-sadiin geeraruun kolfa. Taphichi sadarkaa dammaqi ummataa irra jiruu gadi. Yoo naatoon ummataa jiraate xiyyeeffannoon nagaa, bulchiinsa fi diinagdeef haa kennamu. Gaafii guddaan nagaa dha!

13/05/2023


Barattoota Sagantaa Torbeetiin Yuuniversiitii Odaa Bultum giddu gala Baddeessaa irratti Gosa Barnoota Afaan Oromoo barachuu galmooftan kafaltii seemisteeraa qarshii 1310 (kuma tokkoof dhibba sadiif kudhan) kafaluun nagahee ( Receipt) qabattanii akka dhuftan isin beeksifna.
. Account Baankii Daldala Itoophiyaa Odaa Bultum University
1000258701414

07/05/2023


Giddu gala Baddeessaatti Barnoonni Sagantaa torbeetiin waggaa 1 ffaan waan eegaleef barattoonni galmooftan hundi keessan daree barnootaatti akka argamtan isin beeksifna.
: Barattoonni ragaa barnootaa hin fidin hanfa guyyaa kiibxataatti akja guutran isin hubachiifna.

29/04/2023

Beeksisa Ariifachiisaa
Barattoota Sagantaa Torbeetiin Yuunivarsiitii Odaa Bultum giddugala Baddeessaa irratti galmooftan hundi barnoonni guyyaa 21/08/2015 waan eegalee jiruuf hanga guyyaa 28/08/2015 barataan argamee report hin goone hin keessumeessinu.
: Guyyaa 28/08/2015 barataan qaamaan argamuun dirqama.

31/03/2023

Beeksisa
=======
Galmeen barattoota sagantaa torbeetiin / Weekened program/ hangs guyyaa 30/07/2015 qofa tahu beektanii akka galmooftan isin beeksifna.
Iddoon galmee Baddeessaa/MB Haaji Mohaammed Muussaa/

Photos from Oda Bultum University's post 14/03/2023
13/03/2023

BEEKSISA
≈≈≈≈≈≈≈
Bara 2014 keessa Yuuniversiitii Odaa Bultum Giddu gala Baddeessaatti Gosa Barnootaa adda addaan galmooftanii turtan bara 2015 barumsa sagantaa torbeetiin /Weekend Program/ waan eegalluuf akka galmooftan isin beeksifna.
Gosa barnootaa Galmee eegallee
1.Afaan Oromoo
2. Biology
3. Accounting
4. Management
5.Economics
6. PGDT( barsiisota barnoota isaanii xumuraniif)

09/03/2023

Barsiisonni Sagantaa Barnoota PGDT barbaaddan galmee eeggallee jirra.
Iddoo: Baddeessaa

26/02/2023

ODAA BULTUM YUUNIVARSIITII GALMEE BARA 2015 GIDDU GALA BADDEESSAA IRRATTI EEGALEE JIRA.
Iddoon Galmee : Mana Barumsa Qophaa'inaa / M/B Haaji Mohaammed Muussaa/
Guyyaan Galmee : Gurraandhala 20 irraa eegalee

22/02/2023

Yuunivarsiitiin Odaa Bultum sagantaa torbeefi galgalaatiin barattoota digirii jalqabaa galmeessee barsiisuu waan barbaaduuf, barattootni giddugalawwan akka: Ciroo, Hirnaa, Baddeessaa, Galamsoo, Machaaraa-miicataa, Awaashafi Mataaharaatti barachuu barbaaddan yeroo jedhametti galmaa'uu dandeessu.

Want your school to be the top-listed School/college in Asebe Teferi?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Badessa
Asebe Teferi

Opening Hours

Monday 02:00 - 06:30
08:00 - 11:00
Tuesday 02:00 - 06:30
08:00 - 11:00
Wednesday 02:30 - 06:30
08:00 - 11:00
Thursday 02:00 - 06:30
08:00 - 11:00
Friday 02:00 - 06:29
08:00 - 11:00
Saturday 02:00 - 06:30
Sunday 02:00 - 06:30