Sadam Shekh Ahmad

Sadam Shekh Ahmad

Share

صفحة الرسمية لأبو ضمضم صَدَّام شَيْخ أَحْمَدْ نَاصِرْ رجل مسلم سني يحترم الجميع إجلالا لخالقهم

15/05/2026

༺🌿🌸 مَا شَاءَ اللَّهُ • مَا شَاءَ اللَّهُ • مَا شَاءَ اللَّهُ 🌸🌿༻
╭─❀⊰ 𝓑𝓲𝓼𝓶𝓲𝓵𝓵𝓪𝓱 ⊱❀─╮
🌿 Waan qalbii nama gammachiisu fi iimaana Mu'uminaa jabeessu keessaa tokko,
🌸 Majlisa Imaam Al-Asha’arii,
🌿 Giddu Gala Barnoota Islaamaa Harargee Lixaa keessatti,
🌸 Kitaabni kabajamaan Sahiih Bukhaarii marsaa saddeettamii saddeetaffaa (88ffaa) irratti
🌿 Sheekhoota keenya kabajamoo Sayyidii Shekh Haji Ahmad Naasir irratti xumuramuu isaati.
༺🌿✨ Dhugumatti kun gammachuu guddaa, milkii guddaa fi barakaa ilmii isaanii irraa argamu keessaa isa guddaadha ✨🌿༻
🌸 Rabbiin gammachuu kana gammachuu addunyaa fi Aakhiraa godhee nuuf haa tursiisu.
🌿 Majlisa kana, warra gargaaran, warra baratan, warra dhaggeeffatan,
🌸 akkasumas warra Kitaaba Bukhaarii xumuran hundarraa Rabbiin haa qeebalu.
༺🍃📖 Rabbiin kitaaba kana qalbii isaanii keessatti ifaa, barakaa, hubannoo, ikhlaasa fi hojii gaarii keessatti bu’aa guddaa haa godhu 📖🍃༻
🌿 Akkasumas ummata Nabiyyii ﷺ keessatti beekumsi isaanii akka tamsa’u, dhalootaaf ifa ta’u Rabbiin haa taasifu.
╰─❀⊰ 🌺 الدُّعَاء 🌺 ⊱❀─╯
🌸 اللَّهُمَّ بَارِكْ لَهُمْ فِي عِلْمِهِمْ وَعَمَلِهِمْ
🌿 وَاجْعَلْ هَذَا الْمَجْلِسَ مَجْلِسَ خَيْرٍ وَبَرَكَةٍ وَنُورٍ إِلَى يَوْمِ الدِّينِ
༺🌿🤍 جَزَاهُمُ اللَّهُ خَيْرًا وَبَارَكَ فِيهِمْ 🤍🌿༻

11/05/2026

🌙 Showqii Hajjii 🌙

✧༺🌿༻✧
Yaa Rabbi naaf dhaga’i,
Showqiin hajjii na guba,
Makkaaf Madiinaa arguuf,
Onneen kankoo dhukkuba.
✧༺🌿༻✧
Ka’abaa ijaan arguufis,
Silaa hawwiin koo jabaa,
“Labbaik Allaah” jechuudhaf,
Baay’eedhan dharraa qaba.
❀༉‧₊˚🌿˚₊‧༉❀
Garuu carraan nan geenye,
Hireen koo ajaa’ibaa.
༺❁🌿❁༻
Silaa Rabbiin koo guddaan,
Sababa ofii naaf godhe,
Barana naf mijjeysee,
Deemuudhaf carraa argadhee.
✿🌿✿

“Naweytul Hajja” je'ee,
Hajjii kankoo hidhadhee,
Guyyaa Tarwiyaa eegee,
Tarbiyamuu lagadhee.
╰•⊰🌿⊱•╯

Ganamaan gara Minaa,
Imalakoo fe'adhee,
Guyyaa salgaffaa dhufee,
Arafaa san dhaabbadhee.
Silaa maaltu naaf hafe,
Milkii Rabbii abdadhee.
༺═━━🌿━━═༻
Ammas galgala deemee,
Bar karaa Muzdalifaa
Muzdalifaasan bulee,
Gaafa guyyaaa kurnaffaa
Deemee darbadhee Jamraa,
Boolla isii hangafaa,
Wareega kiyya qalee,
Haaddadhee mataa cufa.
Waanin jedhu waan qabu,
Al-hamdulillah qofa.
༺═━━🌿━━═
Daandii fagoo ta’ullee,
Silaa baay’ee hawwina,
Hajjii goonee raawwannee,
Ziyaaruudhaaf Madiinaa.
༻🌿༺
Madiinaa Nabii Rabbii,
Arguudhaaf hawwii qabna,
Rabbummaan nuuf haa kennu,
Ziyaarudhaf tamkiina.
❀🌿❀

╔•ೋ°🌿°ೋ•╗
Duruu qalbiin qaama koo,
Dhiiftee achitti badde,
Qaaman duubarra dheynaan,
Way silaa waa gammaddee.
╚•ೋ°🌿°ೋ•╝

Ija kootiin daawwadhee,
Rowdaa Abbaa Zeynabaa,
Manguddoo magantaadhaa,
Kan guyyaa cinqii jabaa.

✿༺🌿༻✿
Irratti salaammadhee
Mooticha biyya Xeybaa,
Jedhee itti dhaammannaan,
Khaatimaa naaf of qabaa
Dhaamsa koo narraan gatu,
Harka kankoo na qabaa,
Guyyaa Qiyaamaa sanis,
Shafa'aan na dhaqqabaa.
✿༺🌿༻✿
Hajjiin bara kana kun,
Na duraa dabrus carraa,
Inshaa Allah naan feenaan,
Kan amataa wal garraa,
Assalaatu Wassalaam,
Aleyka Alfa marraa.
༄༄🌿༄༄
Yoo Rabbiin guddaan fedhe,
Hijraa nu fuula duraa,
Hajjii kankoo geggeesuuf,
Qophii guddaarran jiraa.
༺═❀🌿❀═༻
Labbaik Allaah je'eetin,
Miiqaatarraa jammaraa,
Madiinallee nin dhufaa,
Hadraa Abbaa Zahraa.
🌿༄✿༄🌿
Ziyaaraa tee nin dhufa,
Rabbiin koo naaf Sakharaa,
Duraanu je'ee himee,
Rabbiin koo Abbaan qudraa,
Jabduma feete hunda,
Laaftuudhaa booda jiraa.
✧🌿✧

╔══❖•ೋ° 🌿°ೋ•❖══╗
قال الله تعالى
﴿فَإِنَّ مَعَ الْعُسْرِ يُسْرًا ۝
إِنَّ مَعَ الْعُسْرِ يُسْرًا﴾
╚══❖•ೋ° 🌿°ೋ•❖══╝
Hanga xumuratti yoo dubbiste: 🌿
🌸 irratti Salawaata Nabiyyii Rabbii S.A.W irratti buusuu hin dagatin. 🌸

🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿

06/05/2026

🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸

🌿 Sheek Ahmad Naasir eenyu akka ta’e beektuu? 🌿
🌸 Namni qabeenya fi bareedina isaatiin hin beekamu… 🌸
🌿 Namni kan beekamu, beekumsa isaa, ikhlaasa isaatii, fi ibaadaa isaatiin qofa. 🌿
🌸 Sheek Ahmad Naasir—Rabbiin umrii isaanii haa dheereysuu—ibaadaa keessatti akka fakkeenyatti kan himamu ture. 🌸
🌿 Jireenyi isaanii yeroo hunda Rabbii wajjin walitti hidhamaadha. 🌿
🌸 Ulamaa’oonni gariin inumaa zuhdii fi jabina ibaadaa isaanii keessatti Shekh Hasan al-Basri wajjin wal fakkeessanii himu. 🌸
🌿 Shekh Ahmad Naasir Yeroo hunda jiini Ramadaanaa yeroo seene… 🌿
🌸 Qalbii isaanii guutuun gama Qur’aanaa deebi’u. 🌸
🌿 Guyyaa fi halkan osoo boqonnaa hin jenne irra deddeebi’uudhan Qur’aana qara’uun beekkama … 🌿
Akka fakkeenyatti yoo kaafne:
🌸 Bara 1435H keessatti, ji’a Ramadaanaa keessa 🌿 Qur’aana yeroo 14 erga xumuranii booda marsaa 15ffaa jalqabanii hanga juz’ii 16ffaa. 🌿
🌸 Suuratu Al-Kahf bakka: 🌸

🌿 ﴿قَالَ أَلَمْ أَقُلْ إِنَّكَ لَنْ تَسْتَطِيعَ مَعِيَ صَبْرًا﴾ 🌿

🌸 jedhu erga ga’an booda jiini Ramadaanaa dhume… yeroo kana baay’ee qalbiin
isaanii cabe. 🌸
🌿 Ijji isaanii imimmaanin guutame. 🌿
🌸 isaanis akkana jedhan: 🌸
🌿 “Anaatu yeroo koo qisaase malee, silaa marsaa 15ffaa kanallee Ramadaana keessa nin xumuran ture.” 🌿 jedhan
🌸 Yeroo kana ilmi isaanii tokko akkana jedheen: 🌸
🌿 “Yaa abbaa koo… ammallee xumuruu ni dandeessaa, bar.” 🌿
🌸 Shekh Ahmad Naasiris: 🌸
🌿 “Eeyyee, nan danda’a… garuu sawaaba (ajrii) akka kan Ramadaana keessa qara’ee san hin gahu jechuutu na yaachise malee.” 🌿 jedhaniin:
🌸 Ilmi isaaniis deebise: 🌸
🌿 “Wallahi, ajrii akka kan Ramadaana keessa qaraatanii sanitti akka argattan Rabbii irraa abdiin qaba.” 🌿 jedheen
🌸 Shekh Ahmad Naasir akkamitti akkana jetta ati? 🌸
🌿 “Hadiisa Nabiyyii Rabbii S.A.W. kan ‘namni Ramadaana keessatti waajiba tokko hojjete, akka nama waajibaa 70 yeroo biraa hojjeteetti lakkaa’ama’ jedhu hin dhageenyee?” 🌿 jedheen:
🌸 Ilmi immoo deebisee akkana jedhe: 🌸
🌿 “Ati na barsiifte hin jirtuu yaa abbaa koo…
namni raka’aa tokko salaata Asrii irraa osoo aduun hin lixin dura dhaqqabate, salaanni isaa guutuun akka waan yeroo irratti salaatetti akka isaaf lakkaa’amu.?” 🌿 jedheen:
Shekhonnis, “Eeyyee, akkasi,” jedhan.
Ilmi itti fufee:
🌸 “Kanaafuu, isinis juz’ii 16 Ramadaana keessatti waan qaraataniif. 🌸
🌿 Kan hafe—Inshaa Allah—akkuma kan ji’a Ramadaanaa keessatti xumurtanitti isiniif lakkaa’ama.” 🌿 jedheen
🌸 Yeroo kana… 🌸
🌿 Fuulli isaanii ifee… qalbiin isaanii gammaddee. 🌿
🌸 Harka isaanii ol kaasanii ilma isaanii tiif du’aa’ii kadhatan: 🌸
🌿 “Yaa Rabbi… balbala beekumsaa isaaf bani. 🌿
Hikmaa fi ilmii hunda isaaf kenni. 🌸
Warra hubannoo qabanirraa isa taasisi.” 🌿

Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin Aamiin
🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
🌿 Barnoota guddaa: 🌿
🌸 Namni guddaan qabeenyaan miti… qalbii fi niyyaa isaatiin guddata. 🌸
🌿 Ibaadaan dhugaan immoo—ikhlaasa fi jaalala Rabbii qabaachuu dha. 🌿
🌸🌿🌸🌿🌸Rabbiin nuuf haa kennu🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
🌿 Seenaa kana hanga dhumaatti yoo dubbifte… 🌿
🌸 “Maasha Allah” jechuu hin dagatin! 🌸
🌿 Akkasumas kadhadhu: 🌿
🌸 “Rabbiin umrii Shekh Ahmad Naasir nuuf haa dheereysu.” 🌸
🌿 Ammas wanti biraa guddaan: 🌿
🌸 irratti Salawaata Nabiyyii Rabbii S.A.W irratti buusuu hin dagatin. 🌸

🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿 🌿 اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد 🌿

🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿

05/05/2026

🌿🌸🍃
🌿 Lubbuun hedduun 🌿
yeroo dhalatte duuti
🍃 Hiika malee jiraatti…
🍃 Bu’aa malee…
🍃 Ergaa malee…
🌸🍃🌿
Garuu immoo…
🌿 Lubbuun muraasni 🌿
yeroo duute dhalatti
🍃 Hojii isaaniitu hafa
🍃 Ibsaan isaanii itti fufa
🍃 Yaadni isaanii namoota keessa jiraata
🌿✨🌸
Isaan kun warra beekumsa Diin islaam baratanii ittiin hojjetanidha
🌸✨🌿

🌿 تأمّل...
كثيرٌ من النُّفوسِ
تَموتُ حين وُلِدَت
تعيشُ بلا أثر…
بلا معنى…
بلا رسالة
وفي المقابل…
هناك نُفوسٌ
تُولَدُ حين ماتَت
تَبقى آثارُها
ويَمتدُّ نورُها
ويَحيا ذِكرُها بين الناس

وهم العلماءُ العاملون

ليست الحياةُ أن تعيش…
بل أن تتركَ ما يجعلك حيًّا بعد أن ترحل.

03/05/2026

🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿
🤔🧠 GAAFFII SAMMUU QARU 🧠🤔
🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿
Namoota sadi oso waliin jiranii beelawanii hundi isaanii qarshii baasanii isa tokkon magaalaa dhaqii biscuit nuf biti jedhanii ergatan.
Innis yeroo magaalaa dhaqee bitee dhufu waahellan isaa lamaan rafanii jiru.
Isaan rafnaan inni waan qooda kiyyaa nin nyaadha jedhee bakka saditti qoodee qooda isaa nyaatee rafe.
🌿🌿🌸🌿🌿🌺🌿🌿🌸🌿🌿
Kana booda Jara lamaan hafan keessaa tokko hirriibarraa dammaqe
Yeroo dammaqu inni bitee dhufe nyaatuu isaa hin beekne waan ta'eef qooda kiyya nin nyaadha jedhe waan kan duraa irraa hafe bakka saditti qoodee qooda tokko nyaatee rafe.
🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺
Kana booda inni sadaffaa yeroo dammaqu jarri lamaan nyaatuu isaanii waan hin beekiniif waan isaan lamaan irraa hafe bakka saditti qoodee waan bakka takkaa nyaatee rafe.
🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿
Xumura irratti isaan sadeenuu yeroo hirriibarraa ka'an Biscuit firii 24tu hafe
Bakka saditti qoodanii tokkoon tokkoon isaanii firii 8 fudhatanii fixan.

🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸🌿
❓ Eegaa Gaaffiin Jalqaba Biscuit meeqaatu bitame. ?

💬 Deebii kee comment keessatti kaa’i!

🏆 NAMNI DEEBII SIRRII ARGATE
💝 FORMULA HERREEGAATIN AKKA ITTI ARGATE NUUF IBSE
🎁 BADHAASA KARDII BIRRII 100 NI ARGATA! 💯🔥

🌸🌼🌸 Yaada kee hin dagatin — sammuun kee haa hojjatu! 🌸🌼🌸

02/05/2026

سِيرَةُ العَلَّامَةِ الشَّيْخِ إِبْرَاهِيمَ بُوكِي رَحِمَهُ اللَّهُ تَعَالَى
..........................................
وُلِدَ العَلَّامَةُ الشَّيْخُ إِبْرَاهِيمُ بُوكِي رَحِمَهُ اللَّهُ سَنَةَ ١٨٩٦م فِي مَنْطِقَةِ بُوكِي بِإِقْلِيمِ هَرَرَ الغَرْبِيِّ، وَنَشَأَ فِي بَيْتٍ عُرِفَ بِالصَّلَاحِ وَحُبِّ العِلْمِ.
مَكَانَتُهُ وَعَطَاؤُهُ العِلْمِيُّ
..............................
كَانَ رَحِمَهُ اللَّهُ مِنَ العُلَمَاءِ الرَّبَّانِيِّينَ الَّذِينَ أَفْنَوْا أَعْمَارَهُمْ فِي طَاعَةِ اللَّهِ وَخِدْمَةِ دِينِهِ، فَقَدْ قَضَى مَا يَزِيدُ عَلَى سَبْعٍ وَخَمْسِينَ سَنَةً فِي تَعْلِيمِ المُسْلِمِينَ وَإِرْشَادِهِمْ، مِنْ عُمْرٍ مُبَارَكٍ بَلَغَ مِائَةً وَثَلَاثَ عَشْرَةَ سَنَةً، فَكَانَ قُدْوَةً حَسَنَةً وَمِثَالًا يُحْتَذَى بِهِ فِي البَذْلِ وَالعَطَاءِ.
عِلْمُهُ وَتَخَصُّصُهُ
.......................
تَمَيَّزَ رَحِمَهُ اللَّهُ بِسَعَةِ العِلْمِ وَرُسُوخِ القَدَمِ فِي عُلُومِ الشَّرِيعَةِ، فَجَمَعَ بَيْنَ:
الفِقْهِ
وَالتَّوْحِيدِ
وَاللُّغَةِ العَرَبِيَّةِ
وَعُلُومِ الحَدِيثِ
وَاشْتَغَلَ بِتَدْرِيسِهَا وَنَشْرِهَا سِنِينَ طَوِيلَةً، مُخْلِصًا فِي دَعْوَتِهِ، ثَابِتًا عَلَى مَنْهَجِهِ.
وَنَسْأَلُ اللَّهَ العَظِيمَ أَنْ يَتَقَبَّلَ عَمَلَهُ، وَأَنْ يَرْفَعَ دَرَجَتَهُ فِي عِلِّيِّينَ، وَأَنْ يُسْكِنَهُ جَنَّاتِ الفِرْدَوْسِ الأَعْلَى مَعَ النَّبِيِّينَ وَالصِّدِّيقِينَ وَالشُّهَدَاءِ وَالصَّالِحِينَ. 🤲
...........................................
سِيرَتُهُ بِإِيجَازٍ 👇👇👇
هُوَ الشَّيْخُ إِبْرَاهِيمُ بْنُ الشَّيْخِ عَبْدِ القَادِرِ مُحَمَّدٍ رَحِمَهُ اللَّهُ تَعَالَى، وُلِدَ لِأَبٍ فَاضِلٍ هُوَ عَبْدُ القَادِرِ مُحَمَّدٍ، وَلِأُمٍّ كَرِيمَةٍ هِيَ فَاطِمَةُ أَحْمَدَ بُيُّو، وَذَلِكَ فِي نَاحِيَةِ بُوكِي بِمِنْطَقَةٍ تُعْرَفُ بِقَرْصَا مِنْ إِقْلِيمِ هَرَرَ الغَرْبِيِّ.
ابْتَدَأَ رَحِمَهُ اللَّهُ مَسِيرَتَهُ العِلْمِيَّةَ مُبَكِّرًا، فَأَتَمَّ حِفْظَ القُرْآنِ الكَرِيمِ وَهُوَ فِي السَّابِعَةِ مِنْ عُمْرِهِ عَلَى يَدِ الشَّيْخِ حُسَيْنٍ حَمِّيُّو، ثُمَّ وَاصَلَ طَلَبَ العِلْمِ مُتَنَقِّلًا بَيْنَ مَجَالِسِ العُلَمَاءِ:
فَدَرَسَ عِلْمَ التَّوْحِيدِ فِي نَاحِيَةِ حَبْرُو – تَشَفِّي عَلَى يَدِ الشَّيْخِ بُشْرَى
ثُمَّ تَلَقَّى الفِقْهَ المُطَوَّلَ فِي هَرَرَ الشَّرْقِيِّ – بُرُودَا يِكَا عِنْدَ الشَّيْخِ عُثْمَانَ قُوَّة
وَرَحَلَ إِلَى جَارْسُو لِتَعَلُّمِ اللُّغَةِ العَرَبِيَّةِ وَعُلُومِ الحَدِيثِ عَلَى يَدِ الشَّيْخِ عُثْمَانَ بُوسَّسَا
ثُمَّ اسْتَقَرَّ رَحِمَهُ اللَّهُ فِي مَنْطِقَةِ دَدَرَ، فَمَكَثَ فِيهَا سَبْعَ سِنِينَ يُدَرِّسُ العِلْمَ وَيَنْشُرُ الخَيْرَ، ثُمَّ عَادَ إِلَى مَوْطِنِهِ فَوَاصَلَ التَّعْلِيمَ وَالدَّعْوَةَ إِلَى اللَّهِ تَعَالَى حَتَّى آخِرِ حَيَاتِهِ.
وَقَدْ بَلَغَ مَجْمُوعُ مَا قَضَاهُ فِي التَّدْرِيسِ وَالدَّعْوَةِ سَبْعًا وَخَمْسِينَ سَنَةً، خَلَّفَ خِلَالَهَا أَثَرًا طَيِّبًا فِي قُلُوبِ طُلَّابِهِ وَأَهْلِ بِلَادِهِ.

مُؤَلَّفَاتُهُ
...................
وَقَدْ كَانَ لِلشَّيْخِ رَحِمَهُ اللَّهُ إِسْهَامٌ فِي التَّأْلِيفِ وَالتَّقْرِيرِ العِلْمِيِّ، إِذْ لَهُ رَسَائِلُ وَمَكْتُوبَاتٌ فِي بَعْضِ مَسَائِلِ الفِقْهِ وَالتَّوْحِيدِ وَالتَّعْلِيمِ، كَمَا كَانَتْ لَهُ شُرُوحٌ وَتَقْرِيرَاتٌ عَلَى مَا يَدْرُسُهُ مِنَ المُتُونِ، نَفَعَ اللَّهُ بِهَا طُلَّابَ العِلْمِ فِي زَمَانِهِ وَبَعْدَهُ.
بعض مؤلفاته على طريق المثال
📚 من مؤلفات الشيخ:
١.
جَامِعُ مَا تَشَتَّتَ
لِإِبْرَاهِيمَ بْنِ عَبْدِ الْقَادِرِ الْبُوخِيِّ
المعروف بابن شَطُّو – غفر الله له –
البُوخِيُّ بلدًا، البَايِيُّ قبيلةً،
الشَّافِعِيُّ مذهبًا، الأَشْعَرِيُّ اعتقادًا،
السَّلَفِيُّ طريقةً.
وهو كتابٌ نفيسٌ نافعٌ للمشتغل به،
جمعه من خلال المطوّلات.
ويليه:
رسالةٌ مُلَفَّقَةٌ في علومٍ متفرّقة.
٢.
كتاب: تجد ما تريد
٣.
كتاب: الألفية في فنّ النحو

ليس هذا فقط سيعد مؤلفاته بالعشرات إن شاء الله تعالى نسأل الله العظيم رب العرش العظيم أن يعيننا على طبعه 🖨
تُوُفِّيَ رَحِمَهُ اللَّهُ سَنَةَ ٢٠٠٩م بَعْدَ عُمْرٍ مَدِيدٍ مَلِيءٍ بِالعِلْمِ وَالعَمَلِ وَالدَّعْوَةِ.
رَحِمَ اللَّهُ الشَّيْخَ إِبْرَاهِيمَ بُوكِي رَحْمَةً وَاسِعَةً، وَجَعَلَ عِلْمَهُ نُورًا فِي قَبْرِهِ، وَصَدَقَةً جَارِيَةً لَهُ إِلَى يَوْمِ الدِّينِ. 🤲🌿

29/04/2026

🌿💚 ════ ❁ SEENAA 𝑶𝑵𝑵𝑬𝑬 𝑵𝑨𝑴𝑨 𝑻𝑼𝑸𝑼 ❁ ════ 💚🌿

🌸 Dubartii Muslimaa tan Muslima dhugaa irraa dhalatte,— ibaadaa cimtuu kan gootu, qalbii qulqulluudhan Rabbiin sodaattu turte.

🌼 Isheen intala mootii guddaa turte… jireenya badhaadhaa kan takkaa rakkoo hin argin keessatti guddatte. Garuu qalbiin ishee addunyaaf takkaa hin booji'amne; Rabbii ishee fi Aakhira qofa barbaaddi, guyyaa tokko bareedinni addunyaa ishee dinqisiifatee hin beeku.

🌷 Guyyaa tokko, dargaggeessi tokko ilma mootii kan ta’e biyya biraa irraa dhufee akka itti heerumtuuf ishee kadhate. Namni sun qabeenyaan fi aangoonis, maqaa fi sadarkaa guddaa qaba ture. Dubartoonni Islaamaa baay’een carraa akkasii silaa ni hawwu…

🌹 Garuu isheen ni didde. Sababni? Isheen nama qabeenya qabu osoo hin taane, nama iimaanaa fi sodaa Rabbii qabu barbaaddi.

🌻 Isheen garbittii ykn daleyduu isheetiin akkana jette:
❝ Baadiyyaa keessa deemiitii nama Rabbii sodaatu, addunyaa irraa of qusatu, ibaadaa jaallatu, hiyyeessa ta’e naaf barbaadi. ❞

🌺 Garbittiin ykn daleyduunis deemtee, barbaaddee, dhumarratti nama hiyyeessa tokko argitee ergaa giiftii isii itti himee akkana jette:
❝ Giiftiin tiyya nama Rabbii sodaatu, addunyaa irraa of qusatu, ibaadaa jaallatu, hiyyeessa ta’e naaf barbaadi. ❞

🌼 Sana booda waliin deemanii gara intala mootii dhufan.

🌷 Giiftiinis namticha hiyyeessa ilaaltee akkana jette:
❝ Ilmi mootii kan biyya biraa irraa dhufee na fuudhuf na kadhate nin dide. Ani nama Rabbii sodaatu, kan addunyaa irraa of qusatu, ibaadaa jaallatu, fi hiyyeessa ta’en barbaada. ❞

🌹 ❝ Kanaafuu na laalladhu; yoon siif ta’e na fuudhi. Iimaanaa fi ibaadaa Rabbii qofaafin si jaaladhe. ❞

🌸 Innis akkana jedhe:
❝ Anilleen sin jaaladha, garuu ani waan takkallee homaa hin qabu; uffata ofirraa qabu kana qofan qaba. Halkanis kanumaanin bula. ❞

🌺 Isheenis akkana jette:
❝ Rakkoo hin qabu; uffata dhabdus naaf taata. ❞

💭 Mee yaadi… intalli mootii kana dhageessee maal jette?

✨ Isheen ifaan gammachuun akkana jette:
❝ Kana irratti si jaaladheera. ❞

🌿 Haala kanaan wal jaalatanii jireenya kophaa isaanii jalqabuuf erga nikaaha godhatan booda, gara mana isaa deeman.

🏡 Yeroo mana isaa dhufan, gojjoo afaan dabaa kan balbala hin qabne, kan alaa fi keessi akka tokkoo, tan qorra dhiisii rooba illee hin ittisne keessa waliin seenan.

🌼 Isheen yeroo mana kana seentu:
❝ Alhamdulillah! Iddoo ibaadaaf mijjooytu amma dhufe! ❞ jechuun gammadaa jireenya isaanii haala salphaan jalqaban…

🌙 Isheen guyyaa soomana sunnaa soomti; halkan ammoo salaata leylii dhaabatti.
🌞 Inni ammoo guyyaa hojjatee, halkan waan isheen sooma itti furtu isheef barbaada.

🍞 Waan inni guyyaa ifaagee galgala itti fiduu xiqqoo irratti, sooma ishee furtee ❝Alhamdulillah❞ jettee Rabbii galatomfatti.

😔 Osoo yeroo dheeraa haala kanaan jiraachaa jiranii, guyyaa tokko nama isa hojjachiisu barbaada olii fi gadi labee tokko illee dhabee. Qalbiin isaa dhiphate:
❝ Niitiin koo soomanaa jirti… ani immoo waan ittiin fursiisu hin arganne! ❞

🤲 Booda irra innis gara Rabbisaa deebi’e. Wuduu’a godhate; salaata sunnaa raka’aa lama dhaabbate. Sana booda booyaa Rabbisaa kadhatee akkana jedhe:

❝ Yaa Rabbii! Ani addunyaa jaalalaaf si hin kadhadhu… garuu wanti ani si kadhuuf intala mootii tan hiyyummaa koo osoo beektuu ibaadaa keetif jettee na jaallatte, duraan dalageen nyaachisa; har’a ammoo hojii dhabeen jira. Yaa Rabbii! Ati rahmanni kee bal’aadha; waanin soomana har’aa kana ittiin fursiisu qofa akka naaf kennitu si kadhaa. Yaa Rabbi, naaf kenni! ❞

✨ Akkuma inni kadhatee raawwateen… albuudni warqii tan garmalee bareeddu takka samii irraa fuula isaa duratti buute!

💛 Innis gammachuun fuudhee gara niitii isaatti fide.

😲 Isheen yeroo argitu, dinqisiifatte:
❝ Waan akkanaa eessaa fide? Ani warqii akkana fakkaatu ganda keenya sanittuu takkaa hin argine! ❞

🌺 Innis dhugaa itti hime…

🌷 Yeroo kana dhageessu isheen immoo—qalbiin ishee Aakhira irratti xiyyeeffatteen—akkana jette:

❝ Haalaan gaariidha, garuu osoo warqii kana ittiin hin fayyadamne duratti, bakka du’aa’ii itti kadhatte sanatti deebi’ii… ❞

🤲 ❝ Yaa Rabbii! Kennaan kankee warqiin kun yoo qooda keenya kan addunyaa irratti nuuf qoodde ta’e, barakaa nuuf godhi. Yoo immoo qooda keenya kan Aakhiraatti nuuf ol keesse ta’e, nu irraa fudhadhu. ❞

💫 Innis kadhate… achumaan warqiin sun gara samiitti deebite.

😢 Innis qalbii cabee deebi’ee waan ta’e itti hime.

😊 Isheenis gammachuu fi iimaanan akkana jette:
❝ Alhamdulillah! Yaa Rabbi, kan waan Aakhiraaf nuuf ol keesse addunyaa irratti nu agarsiiste. Galanni siif haa ta’u. ❞

💚 Jettee addunyaaf yaaduu irraa garaa muratte!

🌿💫 ════ ❁ 𝑩𝑨𝑹𝑵𝑶𝑶𝑻𝑨 𝑮𝑼𝑫𝑫𝑨𝑨 ❁ ════ 💫🌿
🌼 Qabeenyi dhugaa = iimaana
🌷 Jaalalli dhugaa = kan Rabbi irratti hundaa’e
🌹 Waan Rabbiif dhiifte = siif caalaa bakka gaariitti kuufama

✨👉 Addunyaan ni darba… garuu Aakhirri hin dhumu.

20/04/2026

❁•✿•═══❖═══•✿•❁
Amantii islaamaa keessatti
🌿 Fincaan (Urine) fi Udaan (Stool) Wuduu’a akka Balleessu hunduu ni beeka. 🌿
❁•✿•═══❖═══•✿•❁

🌿
🌿➊ Fincaan fi udaan yoo qaama isaanii beekamaa (qaama saalaa lamaan) irraa bahan, wuduu’a akka balleessu namni hin beekne ni jira jedhee hin yaadu.
✦ 🌱

🌿➋ Garuu Yoo Bakka Biraatiin Bahan: Wuduu’ a ni balleessaa. ?✦ 🌱
✦ Ulamaa’oonni islaamaa baay’een akka jedhanitti:
Fincaan yookaan udaan yoo bakka isaanii malee iddoo biraatiin ba’an, wuduu’a ni balleessu. 🌱

🍃 Fakkeenya:
Yeroo ammaa mana yaalaa sadarkaa ol’aanaa keessatti, namoota dhukkubsatan tokko tokkoof:
➤ Tubboo (catheter) kan qaama saalaa keessatti kaayamu oso hin ta’in garaa irratti naanno cinaa kaleetti urani kan Fincaan ittiin baasan,
➤ Akkasumas Qaawwa garaa irratti tolchamee udaan baasuu ni jira.

Hubadhu.

✦ Haalota akkasi keessatti wanti qaawa kanaan bahu akkuma waan qaama saalaa lamaan irraa ba’etti ilaalama; kanaaf wuduu’a ni balleessa. 🌱

🌿➌ Hayyoonni Shaafi’iyyah gariin akka jedhanitti:
✦ Yoo maddi duraanii (qaama saalaa lamaan) cufame:
🍃 Wanti bakka haaraa irraa bahu → wuduu’a ni balleessa

✦ Yoo maddi duraanii hin cufamin ammoo:
🍃 Wanti bakka biraa irraa bahu → wuduu’a hin balleessu jedhanillee

🌿➍ Garuu:
✦ Ilaalchi jabaan (Hayyoota islaamaa hedduu biratti ):
🍃 Fincaan yookaan udaan iddoo kamiyyuu irraa yoo ba’e, wuduu’a ni balleessa.

Rabbiitu Beeka.

Walumaa Galatti Salaata keenya Akka Bareechinuuf
Wuduu’a keenya haa Barannuu.

❁•✿•═══❖═══•✿•❁
🌿 Rabbi nu haa hubachiisu, nu haa barsiisu, nu haa tiksu. Aamiin 🌿
❁•✿•═══❖═══•✿•❁

📢 Yoo faayidaa qabaate: godhi obboleeyyan kee biraan gahi
💬 Xumura irratti: Salawaata Nabiyyii irratti buusun godhi. !!!!

❁۞❁
اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَىٰ سَيِّدِنَا وَحَبِيبِنَا وَنَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ
صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَآلِهِ وَصَحْبِهِ وَسَلَّمَ
❁۞❁

✿༺❀༻✿
اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَىٰ سَيِّدِنَا وَحَبِيبِنَا وَنَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ
✿༺❀༻✿

❖═══✦═══❖
اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَىٰ مُحَمَّدٍ وَعَلَىٰ آلِ مُحَمَّدٍ
❖═══✦═══❖

🌙✨
اللَّهُمَّ صَلِّ عَلَىٰ مُحَمَّدٍ وَسَلِّمْ تَسْلِيمًا كَثِيرًا
✨🌙

16/04/2026

🌺✨🍃🌸🌿✨🍃🌺✨🍃🌸🌿✨🍃🌺
╔══════════════════════════════════════╗
🌿✨ Aalimni beekamaan Abuu Bakr al-Marwazii jedhamu akki jedhe: ✨🌿
🌸 Guyyaa tokko imaam Ahmad ibn Hanbal bira seene:
🌿 “NAGAAN BULTEE?” jedheen.
✨ Yeroo kana Imaamu Ahmad ibn Hanbal akkana jedhe:
🍃 “Namni Rabbiin isaa yeroo hunda dirqamoota (fardiiwwan) raawwachuuf isa gaafatu,
🌸 Nabiyyiin isaa ﷺ immoo sunnaa hunda raawwachuuf isa gaafatu,
🌿 Malaa’ikaan lamaam gurmuu isaa irraa immoo hojii isaa galmeessuuf isa eeggatu,
✨ Kan lubbuun isaa fedhii ishee akka raawwatuuf isa gaafattu,
🍃 Kan Sheyxaanni immoo hojii gaarii isaa balleessuuf isa eeggatu,
🌸 Kan Malaa’ikaan du’aa (Azraa’iil) immoo lubbuu isaa fudhachuuf isa eeggatu,
🌿 Kan maatiin isaa immoo qoonqoodhaaf (nafqaaf) isa eeggatan.”
✨ “AKKAMITTI NAGAAN BULA?” jedheen.
╔══════════════════════════════════════╗
🌸✨ HUBADHU: ✨🌸
🍃 Namni tokko jireenya isaa keessatti qormaata hedduu jidduutti jira:
🌿 Rabbiif ajajamuu, Sunnaa hordofuu,
🌸 fedhii lubbuu to’achuu, sheyxaana irraa of eegu,
✨ du’a yaadachuu fi maatii ofiif itti gaafatamummaa bahuu.
🍃 Kana hunda keessatti tasgabbiin dhugaan
🌿 Rabbi bira qofa akka ta’e nu yaadachiisa.
╚══════════════════════════════════════╝
🌺✨🍃🌸🌿✨🍃🌺✨🍃🌸🌿✨🍃🌺
📌 Hanga xumuratti yoo dubbiste:
👍 godhi
🔁 godhi
💬 irratti Salawaata Nabiyyii ﷺ buusi 🌿✨

صَلَّى اللهُ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ وَسَلَّمَ تَسْلِيمًا 🌿✨صَلَّى اللهُ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ وَسَلَّمَ تَسْلِيمًا 🌿✨صَلَّى اللهُ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ وَسَلَّمَ تَسْلِيمًا 🌿✨صَلَّى اللهُ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ وَسَلَّمَ تَسْلِيمًا 🌿✨صَلَّى اللهُ عَلَى مُحَمَّدٍ وَعَلَى آلِ مُحَمَّدٍ وَسَلَّمَ تَسْلِيمًا 🌿✨

11/04/2026

🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸
╔══════════════════════════════════╗
🕊️ - DHUGAAN EESSATTI ARGAMTI- 🕊️
╚══════════════════════════════════╝
🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
“Ummata koo keessa gareen tokko yeroo hunda dhugaa irratti ifatti mul’atoo haala ta’aniin turu…”
Sahaabonnis gaafatani:
“Eessa jiru yaa Ergamaa Rabbii?”
Innis jedheen:
“Baytal Maqdis fi naannoo ishee keessatti.”
— (مسند أحمد) (Kitaaba Musnada Imaam Ahmad)
🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
📍 Hubachiisa:
Hadiisni kun lafa Falasxiin keessatti bakka dhugaan, haqni fi jabeenyi itti dhaabbatu agarsiisa.
🌸💔🌸💔🌸💔🌸
YAADANNOO DA’IMMAN QUQLLULLUU
Daa’imman nagaa, badii hin qabne hedduun rakkoo waraanaa keessatti lubbuu isaanii dhaban.
Nuti isaan ni yaadanna, ni gaddina, ni kadhanna.
🤲 Rabbi isaanii araaramaa fi nageenya haa kennu.
🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿🌸🌿
✨ Ergaan ijoo:
Dhugaan ni jiraata, namoonni isa irratti dhaabbatanis ni itti fufu.
🌸🌿🌺🌿🌸🌿🌺🌿🌸
🕊️ Dhugaan yeroo hunda ni injifata 🕊️

♡♡♡♡ RABBIITU BEEKA ! ♡♡♡♡

24/12/2024

Assalamualaiku Warahmatullahi wabarakatuhu
Sagantaa Guddaa Kabaja Ayyaana Mowlidaa sababeeffachuun
Oromia Goodina Kaabatti geggeeffamte Guddaa Nu gammachiisa
Kan Ummanni Bakka maraa waliin tehee Gammachuu waliin qooddatu.💔💔💔💔💔💔💔💔💔💔👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍👍

Want your school to be the top-listed School/college in Asebe Teferi?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

https://youtube.com/@galamsiyyitube?si=nUJjxaierRWepIxC

Address

Asebe Teferi
WESTHARARGE