24/05/2026
💡Haasaa_Ogummaa
**********************
Abukaattoo tokkotu boolla bishaanii barsiisaatti gurgure.
Abukaattoon sun guyyaa xiqqoo duuba asi deebi'ee barsiisichaan, "obboleesso, ani boollichan sitti gurgure malee bishaanicha sitti hingurgurre. Bishaanicha fayyadamuu barbaadda taanaan maallaqa dabalataa naaf kaffaluu qabda," jedheen.
Barsiisichis seeqaa akkas jedheen: "Eeyyee. Anis gamakee dhufuufan ture. Bishaanicha keessaa waraabdee boolla duwwaa akka naharkaan geessuuf sitti himufan karaa irraa bu'ee dhufuf ture. Immoo, bishaanicha waraabdee boolla duwwaa isaa naharkaan hingeessu taanaan atuu bor irraa eegaltee kiraayii bishaanicha naaf kaffalta," jedheen.
Tibba kana abukaattichi na'ee faajja'e.
Barsiisichaanis, "anoo qoosaadhumaafan dubbadhe malee garaa kiyya irraa mitim barsiisa," jedheen.
Barsiisichis kolfaa, "namootni akka keetii nubiratti baratanii abukaattoo ta'u, beeki" jedheen, jedhama.
Galatooma🙏.
♤♤♤♡♡♡☆☆☆
✍🏿 Abdalla mohammed
24/05/2026
QALBEEFFADHU!
••••••••••••••••
-Gorsa namaa hin tuffatin iddoo itti si
gargaaru qaba.
-Hiyyeessa hin tuffatin bor isatu nama ta'a.
-Lolaaf hin ariifatin miidhamuu dandeessa.
-Nama hamaa kee odeessu hin jibbin bor
isumatu gaarummaa kee haasa'aa.
-Kan koo qoftii haa caalu hin jedhin
dhaggeeffataa dhabdaa.
-Seenaa hin dagatin dhaloota dhufuuf
dabarsitaa.
-Beeka jettee hin taa'iin waan ati hin beekne
baay'eetu jira.
-Balleessuuf hin fiigin kan si balleessutti
baata.
-Biyya keetti namatti hin booniin biyya
ormaa deemuu dandeessa
-Mattaa'a hin nyaatiin imimmaan
hiyyeessaa si balleessaa.
-Abdii hin kutatiin bor siif darbaa.
-Jal'aa namatti hin yaadiin jal'aa taatee
haftaa.
-Hojii hin tuffattiin hiyyoomtee haftaa.
-Qabeenyaan hin booniin bor ni dhumtii.
-Wanta haaraa ilaaluuf hin kaatin waan
haaraa uumuuf kaadhu.
-Namni ati jaallattu yoo dugda sitti gate
ariifattee hamaa isaa hin haasa'iin walitti
yoo deebitan gaabbitaa.
-Waan si jalaa calliseef na jibbe hin jedhiin
tarii haalli inni keessa jiru gaarii miti ta'a.
Waan Dubbifataniif Ulfaadhaa🤲🙏.
Abdalla mohammed ✍️.
22/05/2026
:
Biyyoonni addunyaa kun hundi akkuma midhaan nyaataa Oomishatanitti miidhaan galii maallaqaa ittiin arkatan ( Industrial Crops/ Cash Crops ) jechuun beekkamu Oomishan. Keeysattuu biyyoonni Ardii jiddu-gala bahaa warshaa daran Miidhaan galii maallaqaa ( Cash Crops) ka ja'amu kanaan jireenya isaanii gaggeeyfatan.
Midhaan biyyoonni jiddu-gala bahaa Oomisha galii maallaqaa ittiin keeysaa tokko muka Zeetii ( Oil Tree ) dha. Biyyoonni hundi akkuma lafaa fi haala qilleensa lafa isaaniitiin midhaan galii maallaqaa ittiin arkatan Oomishan.
Haaluma kanaan biiyti teenyaas biyyoota warshaa gayaa hin qabne keeysatti tan ramadamtu hoggaa taatu, Oomisha midhaan nyaataa cinatti Midhaan galii maallaqaa ittiin arkattu Bunaa fi Jimaadha.
Galiin Jimaarraa arkamu akja biyyattiitti harka 40 ( 40%) kan cufu tahuun isaa beekkamaadha. Kanarraa kan ka'e mootummaan haala mijjeeysee galiin Jimaan kana caalaa akka dabalu fuula Miidiyaa hawaasaa kanarratti dubbachaa turre.
Amma ammoo waan gatiin dabaluutiimitii biyya keeysattuu akka hawaasni keenya bakka barbaadu geeyfatee hin gurgurranne shiftaan adabamaa jira. Keellaa guute cinatti shiftaan qawwee hidhate ummata saamuun jireenya ummata keenyatti hadheeysaa jira.
Hoggaa odeeyfannoo keeysaan nu geeysu laalle Adaamaa fi Asaboot jidduu mootummaa biraa bulchaa jira fakkaatti. Osoo haalli kun kana daran hin hammaanne mootummaan itti yaadee rakkoo hawaasaa tana furu qaba.
Kan asii gaditti mullatu kun huurkaa ummata keenyaa tan shiftaan gatii dhabde. Hawaasni akkana tahaa jiru maaliin ilmaan haa barsiisu ? maaliin gibira haa kafalu ? Itti yaadaa janna.
Abdalla mohammed ✍️.
14/05/2026
Nabi Muhammad irratti Salawaata Buusuun Raahaa Qalbiiti.💚ﷺS A W🥀.
14/05/2026
رحمك الله رحمة واسعة أيها الضيغم
Shirri hedduun sirratti Shiramaa turullee aarsaan ati kafalte lafa hin badne Hin badduus!.
12/05/2026
Maasha-Allah. kiyya qaali kanin yaroo hedduu sagalee isaa dhabee kana gubbahis dhabee, Arra Yeroon argee hedduun gammadee Habibii kiyya qaali Abdulatif Nure baga nagayaan dhuftee sin ja'a ♥️🙏♥️👍.
06/05/2026
Every successful person
has a painful story.
Every a painful story
has a successful ending.
Accept the pain
And get ready for success👌🙏💓.
20/04/2026
tana maqaa isii maal jedhamti , isiin maaliin beekkamti ni beeytu ⁉️.
08/04/2026
Waan hawwuu malee hin agarre waan arguu malee hin arganne rabbi sin jaalachiin waan keeyrii siif qabu siif kennee rahmaan si haa gammachiisu 🤲