04/05/2026
Eebilaa 25/2018
Waajjira dargaggoo fi ispoortii Godina Wallagga Bahaatti waajjira dhimmoota Gurmaa'insaa Uumaata Aanaa jimmaa Arjootti Wal-dorgommiin liigii guddattootaa Abdii boruu umurii 17 gadii torbee 2ffaan taphootni lama(2) geggeeffamanii olaaniruu.
~Taphaa sa'atti 8:00 irraatti garee SWOT fi KPTArjoo giddutti geggeeffamen KPTArjoo 2:1 SWOT injiffachuu Danda'eerraa.
~ Taphaa sa'atti 9:00 irraatti garee Odaa Hindhee fi Dr.hayilee Fidaa gidduuttii gaggeeffaan galchii 1:1 qixaa bahanirruu.
♡♡♡♡♡Taphichii Torbees kan itti fufuu ta'a,Yeroo gaarii qabaadha.♧♧♧♧
27/04/2026
Eebilaa 18/2018
Waajjira dargaggoo fi ispoortii Godina Wallagga Bahaatti waajjira dhimmoota Gurmaa'insaa Uumaata Aanaa jimmaa Arjootti Wal-dorgommiin liigii guddattootaa Abdii boruu umurii 17 gadii ji'aa lamaaf(2) kan turuu Aanaa keenyaa keessaatti guyyaa haaraa egalee jiraa taphaa baniinsa garee odaa hindhee fi SWOT gidduttii geggeeffameen gareen lachuu galchii 1:1 galchuun wal qixaa bahuu taphichii kan xumuramee yemmuu ta'uu taphichii torbaan dhufuus sa'attii fi yeroo isaa egee kan itti fufuu ta'aa.
20/04/2026
Guyyaa 11/08/2018
Waajjira dargaggoo fi ispoortii Godina Wallagga Bahaatti Waajjira dhimmoota Gurmaa'insaa Uumaata Aanaa jimmaa Arjootti Waldorgommiin liigii Magaalaa keenyaa keessaatti geggeeffamaa jiruu akkumaa itti fufeetti jiraa.Bu'urrumaa kanaan waldorgommii taphaa sadarkaa sadeeffaaf(3) garee K/Millaa Meettaa fi Dr.Haayilee Fidaa gidduutti geggeeffamen garee Meettaa 2:1 Garee K/Miillaa Dr.Haayilee Fidaa injifaachuun sadarkaa 3ffaan liigii Magaala keenyaa bara kanaa xumuruu danda'ee jiraa.
15/04/2026
Eebilaa 07/08/2018
Jallattota ispoortii Aanaa keenyaa hundaaf.
☆ Waldorgommiin liigii Magaalaa keenyaa sababaa adda addan Aadaa citee turee gaafa guyyaa 11/08/2018 waan egaaluuf dhuftaa akka dawwatan afferamtanittu.
09/03/2026
========
Gurraandhala_29_2018
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Wal Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Gandoolee Aanichaa gara garaa gidduutti akaakuuwwan Ispoortii adda addaatiin Guyyaa 4f Sadarkaa Aanaatti geggeeffamaa ture
⚽️⚽️⚽️Kubbaa Millaa Diviziyoona 1ffaan Olaantummaa Magaalaa Arjoo Ganda 02
⚽️⚽️⚽️Kubbaa Millaa Diviziiyoona 2ffaan Ganda Waayyuu Qumbaa
🏐🏐🏐Kubbaa Saaphanaan Olantummaa Ganda Meettaan yoo Xumuramuu
🏃♀️➡️🏃♀️➡️🏃➡️🏃♀️➡️🏃➡️🏃➡️ Atileetiksii Ida'amaa dhiira fi dubaraan Gandii Hindhee yoo Geeba argatuu Hirmaan walii galaan gandii hindhee abba waancaa ta'ee jira,
🎯🎯🎯Gandii Tibbee Caffee Waancaa Namusaa argachuun Golabamee jira.
🥇🥇Sagantichaa Irratti Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Hindhibuu Baqqaanaa
🥇🥇Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Lafa Aanicha Obbo Gonfaa Fufaa
🥇🥇Itti gaafatamtuu Waajjira Gurma'insa Uummata Aanicha Addee Mallasuu Lichaanoo argamuun Gandoolee gosaawwaan ispoortii gara garaatiin injifatanif Waancaa fi Medaaliyaan kennani jiru.
08/03/2026
========
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Wal Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Gandoolee Aanichaa gara garaa gidduutti akaakuuwwan Ispoortii adda addaatiin Guyyaa 4f Sadarkaa Aanaatti geggeeffamaa ture Diviziyoona 1ffaan Olaantummaa Magaalaa Arjoo Ganda 02 fi Diviziiyoona 2ffaan Ganda Waayyuu Qumbaatiinifi Kubbaa Saaphanaan Olantummaa Ganda Meettaan yoo Xumuramuu akkasumas Atileetiksii Ida'amaa dhiirafi dubaraan Gandii Hindhee yoo Geeba argatuu Hirmaachisummanis abba waancaa ta'ee jira, Gandii Tibbee Caffee Immoo Amalaan Waancaa argachuun Golabamee jira.
Sagantichaa Irratti Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Hindhibuu Baqqaanaa,Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Lafa Aanicha Obbo Gonfaa Fufaa fi Itti gaafatamtuu Waajjira Gurma'insa Uummata Aanicha Addee Mallasuu Lichaanoo argamuun Gandoolee gosaawwaan ispoortii gara garaatiin injifatanif Waancaa fi Medaaliyaan kennani jiru.
06/03/2026
Guraandhala 27/2018
Waldorgommiin Shaampiyoonaa gandoota Aanaa Jimmaa Arjoob guyyaa 2ffaa akkumaa itti fufeettii jiraa:-
Kubbaa Millaan
*** Ganda Meettaa fi W/Warqee gidduutti geggeeffameen Gandii W/warqee 3 fi 0 Meettaa injiffachuu Danda'eerraa.
**** Ganda 01 fi 02 gidduutti geggeeffamen gandii 02 galchii 2 fi 1 'n ganda 01 injifaachuu danda'eraa. **** Taphichii Walugaalattii guyyaa boruus sa'atti 2:30 irraa kaassee taphiichii kan itti fufuu ta'a.
05/03/2026
Ispoortiin dameelee hawwaasummaa Xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiru keessaa isa tokkodha.
=============
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Shaampiyoonaan Ispoortii Gandoolee Aanichaa guyyoota 4f turu geggeeffamuu eegalee jira.
Kaayyoon Shaampiyoonaa Gandoolee kunis Dorgomtoota akaakuuwwan Ispoortii gara garaatiin ga'umsa qaban filachuudhaan Shaampiyoonaa Sadarkaa Godinaatti geggeeffamurratti hirmaachisuuf akka ta'e Itti Gaafatamtuun Waajjira Gurma'insaa Aanaa Jimmaa Arjoo Addee Mallasuu Lichaanoo himaniiru.
Shaampiyoonaa kana irrattis Gandootni Aanuchaa gosa Ispoortii Kubbaa Millaa, Kubbaa Saaphanaa, Atileetiksii fi Daartiin hirmaachaa jiru.
Obbo Gonfaa Fufaa Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Lafaa fi Walitti Qaba Mana Maree Ispoortii Aanichaa bakkichatti argamuun haasaa taasisaniin Dirreen Ispoortii bakka namni hundi garaa gartummaa tokko malee itti wal arguu fi Miira gammachuu ittiin ibsatu ta'uurra darbee dirree hawwaasummaa fi tokkummaan Cimaan itti mul'atu waan ta'eef Mootummaan damee kanaaf Xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhani jiru.
Sirna baniinsa kanaan Kubbaa Miillaan Gandi Waayyuu Qilxuu fi Gandi Hindhee taphaachaa jiru.
18/02/2026
Waldorgommii liigii Magaalaa Arjoo Afuur(4)keessaa kan galaan kaneen armaan gadii ta'uu
Ramaddii "A"
1. Garee KPTArjoo
2. Garee Meetaa
Ramaddii "B"
1.Garee Hospitaala Arjoo
2.Garee Dr.hayilee Fidaa ta'a Bu'urrumaa kanaan gaafa 15/06/2018 Marsaa gatanii darbuuf kan taphaatuu:-
1. Garee KPT Arjoo Vs Dr. Hayilee Fidaa ta'a.
✅️ Gaafa guyyaa 22/06/2018
2. Garee Hospitaala Arjoo Vs Meetaan kan taphaatan ta'a. Garee lachuuf caaraa gaarii!!!