02/12/2025
Life in Lab is love 💕😘 from east Africa
The world Medical Laboratory Science and Technology is the base of health caring inistitution.Because of CDC reacercher are part of the WMLST.
02/12/2025
Life in Lab is love 💕😘 from east Africa
08/02/2024
Resolvin T4 Found to Reverse Inflammation and Reduce Vascular Disease | Immunology Highlights: A natural molecule known as Resolvin T4 (RvT4) aids in preventing atherosclerosis. RvT4 helps reduce inflammation through the immune system usi | Immunology
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Sani Anas, Umar Ibrahim
17/11/2023
17/10/2023
Amazing
Using Metagenomics to Explore the Vast, Mysterious World of Microbial Dark Matter There is so much we don't know about microbes, even while these organisms are the most numerous on the planet.
18/08/2023
CIRRACHA KALEE - Renal Stone/Nephrolithiasis
*********************************
Cirrachi kalee kuufama albuudota garagaraa fi ashaboo asiidawaa ta'e kan fincaaniin qaama keenya keessaa bahu qaban irraa ijaarama/dhufa. Kanaaf cirrachi kalee fincaan keenya keessa albuudonni haala salphaan wolitti dhufanii ijaaramuu danda'an kan akka Kaalshiyeemii, Ookzaaleetii fi Yuurik aasidii fa'a baay'achuuni fi wontonni isaan akka hin ijaaramne ittisan fincaan keessatti xiqqaachuu irraa uumamuu danda'a. Cirrachi kunis ujummoo fincaanii -kalee hanga afuuffee fincaanii (isaanis dabalatee) jiran keessa taa'uu danda'a. Kalee cinaa tokkoo ykn kalee lachuu irratti mul'achuu danda'a. Cirrachi kunis albuuda irraa tolfame irratti hunda'uun akaakuu/maqaa garagaraa qabaata.
---
---
Uumama cirracha kaleetiif wonti tokko qofti sababa ta'uu dhabuu danda'a. Yeroo heddus sababni uumama cirracha kalee kun ifa ta'uu/addaan bahuu dhabuu danda'a. Haa ta'u malee wontonni asii gaditti eeraman kunniin carraa cirracha kaleetiin qabamuu keenya olkaasu danda'u:
* Bishaan gahaa ta'e dhuguu dhabuu. Namoota naannoo hoo'aa/gammoojji jiraniifi isaan dafqi itti baay'atu irratti carraan cirrachi kalee mul'achuu ni dabala.
* Nyaata ashaboon/sooqiddi itti baay'ate fayyadamuu. Akkasumas nyaata sukkaaraa fi pirootini heddu of keessa qaban baay'isanii fayyadamuun cirracha kaleetiif nama saaxiluu danda'a.
* Maatii dhihoo keessa namni cirracha kalee qabu yoo jiraate carraan namni tokko cirracha kana qabaachuu ni dabala. Kana jechuun garuu cirrachi kalee sanyiin ykn firaan daddarba jechuu miti.
* Tajaajila baqaqsanii yaaluu /nama opireeshiiniin qaamota sirna nyaata (Garaacha, mar'umaan) irratti godhameefi namoonni dhukkuba biroo qaamota kana miidhaan qaban carraan cirracha kalee horachuu isaanii ni dabala.
* Akkasumas namoota baasaan yeroo dheeraf irra ture irrattis carraan isaan cirracha kalee qabaachuu ni dabala.
* Ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuunis carraa cirracha kaleetiin qabamuu dabala.
* Dhukkuboonni biroo kan albuudonni asii olitti eeraman qaama keenya keessatti akka dabalan godhaniifi Infeekshiinii/dhukkubni ujummoo fincaanii kan biroo jiraachuun carraa cirracha kalee horachuu ni dabalu.
---
---
Mallattoolee Dhukkuba Cirracha Kalee:
• Cirrachi kalee mallattoo dhukkubaa otoo hin mul'isin ta'uus ni danda'a; haa ta'uu garuu cirrachi sun yoo iddoo gara iddoo socho'e fakkeenyaaf ujummoo fincaanii keessatti cuqqaalamuun mallatoolee fi rakkinoolee armaan gadii fiduu/qabaachuu danda'a:
~ Naannoo Cinaachatti ykn dugdaatti dhukkubbiin hamaan namatti dhagahamu.
~ Dhukkubbiin kun gara hidhaa (qaama wolhormaata) ykn garaa gara gadii nama woraanuu/dhukkubuu
~ Dhukkubbiin kun yeroo xiqqoof haalaan nu dhukkubee jidduun boqonnaa xiqqoo nuuf kennee haala kanaan itti deddebi'a nu dhukkubuu.
~ Fincaan nama gubuu/yeroo fincaanan miirri akkasii namatti dhagahamuu
~ Fincaan nama mudduu fi ykn dafee dafee dhufuu
~ Fincaan keenya diimachuu
~ Fincaan fincaannu foolii haalaan xirayaa/ajayaa ta'e qabaachuu
~ Nama lolloojjessuu fi haqqisiisuu
~ Yoo infeekshiinii kalee umame hoo'i qaamaa haalaan dabaluufi nama hollachiisuun/sheengarsiisuun/haxaxxeessuunis jiraachu mala.
√ Hub: Namni mallatoolee armaan olii qabu hunduu cirracha kalee qaba jechuu miti.
---
---
Mallattoolee asii olitti dhoofneen dabalata, Cirrachi Kalee yeroo dheeraaf nama irra ture xaxawwan akka Infeekshiiniin ujummoo fincaanii irraa gara Infeekshiiniin dhiiga guutuu, akkasumas kaleen keenya akka madooftee godaannisa godhattu gochuun, dalagaa ishee akka dadhabduufi faayidaan ala taatu gochuu danda'a.
---
---
Maal haa goonu?
* Guyyatti Bishaan Litirii lamaaf cinaa fi isaa ol dhuguu.
* Nyaata sooqiddi/ashaboof fi sukkarri itti baay'ate fayyadamuu dhabuu.
* Furdinna gar malee guddaa ta'e kan hojjaa/dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne hirdhisuu.
* Mana yaalaa deemnee qorannoleen dhiigaa, fincaanii fi qorannoolee biroo ( fkn raajii, altiraasawuudii) fa'a kan Doktorri keenya ykn Ogeessii fayyaa nuuf ajaju dalagsiifachuu/qoratamuu.
* Cirrachi sun baay'ee tiqqaa ta'ee mallattoo dhukkubaa heddu kan hin qabne yoo ta'e bishaan gaha ta'e (bishaan litirii lamaafi cinaa ol) guyya guyyaan dhuguu dhaan bahuu danda'a. Yeroo inni bahuuf deemu dhukkubbiin namatti dhagahamu mala kanaaf qoricha dhukkubbii woyyeessu (Antipain) fayyadamuun barbaachisuu danda'a.
* Yaalli cirracha kalee hamma/hanga cirracha saniifi iddoo inni itti argamu, akkasumas mallatoo ykn rakkoo innii hordofsiisaa/fidaa jiru irratti hunda'uun caarallaa sagaleetiin ykn Opireeshinii garagaraatiin yaalamuu danda'a.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
----
©Dr. Nuredin Luke
15/08/2023
Sammuu namaa keessaa bakki cuquliisni kun Teeraabayitii 1000 ykn Gigaabayitii miliyoona tokko(1M GB) hamma tahu odeeffannoo kuusuu dandaha. Kun immoo viidiyoo sa'aatii miliyoona 3 kan tahu kuusuu dandaha jechuudha. Kana iĺaaltee fixuuf waggaa 300 walitti fufiinsaan ilaaluu barbaachisa.
Rabbii kana uumeef gallanni haa tahu🙏
Dr Gado
13/08/2023
Urine smart art!