Gumii Afaan Oromoo Sabboontota Qubee

Gumii Afaan Oromoo Sabboontota Qubee "Afaan Oromoo awwaalamaa jiru baraaruuf gahee keenyaa haa baanu!" dhaadannoo jedhu qabatee M/B Qophaa'inaa Ambootti hundaa'e.

Namoonni baay'een fuula 'Facebook' keessan irratti fedha keessaniin ala suursagaleen, suuraawwan fi ergaawwan ciggaasiso...
01/05/2024

Namoonni baay'een fuula 'Facebook' keessan irratti fedha keessaniin ala suursagaleen, suuraawwan fi ergaawwan ciggaasisoon tokko tokko gadi dhiifamaa jira. Baay'een keessan kaa argaa hin jirtan waantonni kunniin waantoota safuufi aadaa hawaasa keenyaa cabsanii fi ciggaasisoo ta'anidha.

Wanta kana namni fuula facebook keessan irratti 'Post' akka hin goone gochuun ofirra dhorkuuf waantota kana gadii taasisaa.

1. Appii Facebook banaatii gara 'profile' keessa seena.
2. Gadi bu'aatii "Settings & Privacy" irratti tuqi.
3. "Settings" irratti tuqi.
4. Gadi bu'aatii "Timeline and Tagging" ykn "Profile and tagging" irratti tuqi.
5. "Review" jalatti waantota kana gadii lamaan tuqaa(enable godhaa)
i. "Review tags people add to your own posts before the tags appear on Facebook?"
ii. "Review tags people add to your posts before the tags appear on Facebook?"
6. "Who can post on your timeline?" kan jedhu "Only Me"tti jijjirradhaa.

Akkaataa isaa ilaaluu yoo barbaaddan suurota irratti lakkoofsaa fi qalama diimaa itti maruun muldhifameetu jira ilaalaa.

Dhaloonni ammaa safuu, aadaa fi duudhaaa ummata isaa kabajee jiraachuu qaba.Akka arge uffachuufi akka arge dubbachuu hin...
28/04/2024

Dhaloonni ammaa safuu, aadaa fi duudhaaa ummata isaa kabajee jiraachuu qaba.
Akka arge uffachuufi akka arge dubbachuu hin qabu. Mala jireenya hawaasichaa kabajee jiraachuun dirqamadha. Kun yeroo ammaa kana badaa jira. Dhaabbadhaa jechuuni qabna. Safuu malee jiraachuun badii inni fidee dhufaa jiru baay'ee sodaachisaadha.
Dhaloota wanta fiilmiifi sabaahimaa hawaasaa irraa arge ta'ee jiraatu ta'uu hin qabnu.

Safuu fi aadaa Oromoo kabanyee jiraachuun egeree keenyaaf barbaachisaadha. Wanti beekumsa nutti fakkaatee hordofaa jirru baay'een isaa doofummaadha.

Baga irreechaa 2015 geessan
01/10/2022

Baga irreechaa 2015 geessan

Bareedina!
28/09/2022

Bareedina!

1. "Namoonni Afaan Oromoo dhiisaanii Afaan Amaaraan barreessuun, ''araadummaa itti fakkaatu jira.2.  Akkasumas kanneen A...
03/03/2022

1. "Namoonni Afaan Oromoo dhiisaanii Afaan Amaaraan barreessuun, ''araadummaa itti fakkaatu jira.
2. Akkasumas kanneen Afaan Ingiliffaan dubbachuusaaniif akka waan beekumsi isaanii ol ka'eetti ilaalan jiru."Barsiisaa Dasitaa .

3. ''Rakkoo kanaaf furmaanni jalqabaa nuyi. Kunis mana keenya keessaa eegaluun ijoollee, abbaafi haadha keenya waliin afaan kanaan dubbachuu qabna. Ala yoo baanees saalfannaa tokko malee dubbachuu barbaachisa. Kana keessatti ammoo nuti Dhaloonni Quubee gahee olaanaa qabna jennee ammana."
4. "Oromummaa tiksee kan asiin gahe Afaan Oromooti" Yunvarsitii Finfinneetti barsiisaa Afaaniifi Ogbarruu kan ta'an Obbo Qulqulluu Ijoo.
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55634182

01/03/2022

Kalaqan Entertainment

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gumii Afaan Oromoo Sabboontota Qubee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share