Habaaboo Guduruu Warraa Abishee Garbaa

Habaaboo Guduruu Warraa Abishee Garbaa

Share

Seenaa keenyaf

10/07/2024

Dhageefadha 🥰🥰🥰

29/04/2024

Sukkuummadheen dhokse
.......Ciniinnadheen obse
meeqatu safuu cabse
dhugaa keenyas dabse

Hayyuutu jibba labse
nan du'a yoon si faarse
Kanatu garaa na raase
xiiqiitu manaa si baase

Elaa......Gameessa koo❤️

Jireenya keen yaadda'ee
jiruun koos natti hadha'ee
keessi koo sagal madaa'ee
ijii koos guyyaa lakka'ee

Inni sin beekne waa'ee kee odeessuu
hagam yoo si ilaaleyyu si xiqqeessu
ato hin beektu oduu faffakkeessu
itti dhiisi odeessituun gad hin teesdu

keessi kee hin qabu fakkeessaa
dhugaan Eejjennoo isa kaleesda
Beekaan dhugaa haalus dabeessa
dhugaa kun nama mitti bineensa

Akkamiin si jibba atis naaf fira
dhiigni kee kooti na keessas jira
mee dhageeffadhu yaadan si hira
Obsa keen dadhabe yaadni koo si bira

ati qaamaf eenyummaa kooti
Faaya morma koo akka looti
deemsa miidhagaa akka mooti
dhugaaf falma mirga oromooti

inni si odeessu sin madaaluu
hangam yoo fakkeesses sin caaluu
sin qabu inni shira sirratti yaaluu
tures dhugan dhugaan haaluu 🤲

Irbuun goota akkatti dhufee
Qabson dhugaan itti fufee
Gootni dhiiga itti Tufe🦾
kaayyoon diina koos kufe

✓.......✍️✍️karaan eega
habeebee jabeessaa

03/02/2024





28/11/2023

Dandii deemnus karaan yoom fagaate

01/09/2022

Horroo Guduruu Wallaggaa
Keenya hin laanuu
Kan nama hin barbanuu
Diinaa hin gabaaruu
Garbummaatti hin jiraanuu

Kun murtoo haqattii
Falaasama isa jabaattii
Diinaaf karaa hin laanuu
Ofii hin hafnuu karattii

Ofiin bada malee
Hin garboommuu sabni koo
Jette dhadaachaa turte
Sitti hin hafne goota koo

Malee..........

Akka har'aa mitti ture
Kaayyoon gootummaa Abiishee
Har'a gigubatee badee kaa
Horroo Guduruun Qabeenyishee

Mee maal si gonee
Badii keenyii Maalii..
Dhigaa baay'ettu lolee
Atti gara keenya ilaalii

Elaa Abiishee..........

Gaafa Ilmaan kee buqqisanii
Waa'ee gootummaa kee hubanaa
Nama nuf dirmatu hin qabnu
Qofumman gubanaa.

Gurii kee hin dhaga'inii
Waan har'aa keessa jiruu
Maluma nun jetta dhiraa koo
Gaafa seenaa kee jijjiiruu???

Gaafa......

Reeffaa kee fudhanii
Fardeen si nyaachisanii
Dhalootumaa isaanitti
Kan har'a Qe'ee nu biqisanii

Osoo akka kaayyoo keetti
Biyyii keenyii ni bilisommaa
Qe'ee nagaan jiraatee
Wal wajjiin misoomaa.

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️👇👇👇👇👇👇
https://t.me/+3c3TS7TMssA2Yjg0
https://t.me/+3c3TS7TMssA2Yjg0
https://t.me/+3c3TS7TMssA2Yjg0

20/08/2022

💚
Abidda gubbaa teessee
Cooma murtee nyaattaa
Galaana gidduu teessee
Fixeensa arraabbattaa

Namana dhiisi garuu
Sitti hafuusaa wayyaa
Quufa sobaa quufuurra
Beela dhugaa wayyaa

Juma’a GAARI💚

21/07/2022

Waxabajjii 22 kan
ati mana baatee
Maal jenaa hacee koo
Waggaa 2ffaa kee

Erga atti deemtee
Hundumtuu wal funaanee
Kan du'aaf of latee
kan biyya godaane

Atti deeman hacee koo
guyyaan nutti dukkana'ee
Walaalatuu jiraatee
Beekatu qana'ee

Qalbiif Imaanaa kee
Hunduma daganerraa
Jireenyaa nutti jiranuus
Bitaa nutti galeerraa

Nuu yaadeesitee kaa
yaa hacee koo
Hacee gaafa dhiira
Iyyinee maranee
Si dhabnee waltajirraa

03/07/2022

Ilma abbaa fakkaatu

Ajaa'iba waa'een badhaasaa
jabummaan onnee isaa
Jaalala inni qabu saba isaaf
Qabsoo inni godhu biyya isaaf

Badhaasaa ilma Taaddasaa
Goota onneen barbaadaa
Sanyii Taaddee Birruu
Hortee Elemoon Qilxuu
Hambaan Agarii Tulluu

Ilmi ilma abbaa fakkaatu!
Kan sabaf dabarsee of laatuu
Boree isaa ba'uuf kan kufee ka'uu
Kaayyoo ganamaf kan of wareeguu

Mitti ilmi fuula qoofan abba fakkaatu
Kan garaa qoofaf jiraatu
Kan maqaaf gurra dhaabuu
Lammiisa dabarsee kan halagaf laatu
Kan kaayyoo malee akka sa'aa ba'e galu
Kutaa 2ffan itti fufa........

01/07/2022

YAA UMMAA KOO

Mee yaa ummaa koo
Umma isa hundumaa
Badiin keenyii baay'atee hoo
Barittin bara dhumaa

Hundumaa nu gootee
Hundumaas nu tatee
Yoo si kadhanee nu latee
Atti yoom gara jabatee

Nuttu waliif tolu didee
Yaa rabbii araara kee busii
Dhalootatu dhaloota jibbee
Atti nageenya kee nu roobsii

Inni qabeenya horatee
Qabeenyasa hin nyanee
Daa'imnii inni dhalatee
Afaan isaa hin hikkanee

Yaa Rabbi yaa umma Kenya
Nutto sitti boonyee
Nu dhageesse cal hin jedhinii
Cubbu keenya ilaalttee
Nu dhageesse cal hin jedhinii
Badiin keenyii baayatee

Yaa umma koo
Umma isaa hundumaa
Barittin gara jabatee
Barittin bara dhumaa

Umtee nun hin baleessin
Araara kee busii maalee
Karratti nu deebisi yaa rabbii
Nuto kara maalee jalanee

Hadaara sitti boonyaa
Imimman Kenya ilaalii
Biyyii keenyas bora'ee
Atti nuf calaalii

Inni nutti gaarii jeenus
Badii dalagee argamee
Maaloo nu awaadhu kaa
Dhaloonii midhamnee

Inni badii hojeette
Badiisattin hin adabamuu
Maaloo yaa umma koo
Barichii maaf nurra hin darbuu

Umma ummamaaf

Want your school to be the top-listed School/college in Ambo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address

Ambo