31/07/2024
Hogganaan olaanaa siyaasaa Hamaas Iraan keessatti eegdota isaanii waliin ajjeefaman.
Ibsa Roobii ganama baheen Ismaa'il Haaniyee oppireeshinii Israa'el gaggeessiteen mana jireenyaa isaanii Iraan magaalaa Teeraan jiru keessaatti ajjeefamuu ibsame.
Akka gareen kun jedhutti Haaniyeen sirna kakuu galuu pirezidaantii haaraa Iraan Masuud Peezeshkiyaan irratti Kibxata kaleessaa erga hirmaatanii booda ajjeefaman.