Taakkalaa Boneyyaa Hirbaayyee

Taakkalaa Boneyyaa Hirbaayyee

Share

Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha;
innis deebii naa kenna. Faarfannaa 120:1🏠

11/05/2026

"Biyyaa ijaarree hin goomattaree?
Irratti cabnet; irratti daarree.
Warra ulfoo ulfina beekuu
Isa dursee waan dhufu beekuu.
Kan komatamuutu komataaree?
Dhiisi dubbii warra kasaaree.
Ofirraa dhowwina gamtaanii
Karra ofii hin kennu abbaani" jedhe Taadden.
Dhayi jalaa abboo akkasitti ✌️😊

11/05/2026
11/05/2026

Nageellee Arsiin 3-0 Dirree Dawaa injifate .

Torbee 31ffaa CBE Piriimer Liigii Itiyoophiyaan Kilabiin Kubbaa Miilaa Nageellee Arsii 3-0 Dirree Dawaa injifate .

Daawwit Tafarraa daqiiqaa 18ffaan, Daawwit Mallasee daqiiqaa 45+3ffaan, Kabbee Buzunaa daqiiqaa 61ffaan Galchii injifannoo Nageellee Arsiif lakkoofsisaniiru .

11/05/2026

Murtee ‘VAR’ tapha Weestihaam VS Arsenaal irratti maaltu jedhamaa jira? Weesthaam yunaaytid murtoo kana balaaleffachuun iyyata dhiheeffachaa jira.

Murteen ‘VAR’ (Video Assisted Referee) tapha Weestihaamii fi Arsenaal gidduutti Istaadiyeemii Landanitti taphatamee ture irratti, goolii daqiiqaa dhumaarratti Weestihaam galche akka haqamu taasifte, Piriimiyer Liigii keessatti murtee yeroo kamiyyu caalaa hiika guddaa qabudha jedhameera.

Arsenaal goolii Tiroosaard galcheen dursaa otoo jiruu saatiin dhumuuf otoo jedhuu gooliin falmsiistuu kun galte.

Daqiiqaan afurii fi Sekoondiin 11 ciniinsuu turte.

Daqiiqattiin afran sun seenaa Arsenaal, akkasumas kan Weestihaam jijjiiruuf humna qabdi turte.

Arsenaal waggaa 22 booda waancaa argachuuf tarkaanfiin tokko gara isa hafutti ceehuuf, Weestihaam ammoo sadarkaa Liigicha keessaa bahuu keessaa xiqqoo morma ol baafachuuf moo'achuuf ijibbaata keessa turan.

Kanaaf, murteen ‘VAR’ kun morkii Piriimiyer Liigii bara kanaa murteessuuf gahee waan qabuuf hunduu qalbiin rarra'ee eegaa ture.

Warri Weestihaam gammachuun lafa dhiituu jalqabanii ture, leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa mataa qabatee Sekoondii muraasa hafte keessatti qaanofnee jechuun yeroof waan dubbachuu qabu kan wallaale fakkaate.

Garuu dhimmee ilaalaa waan tureef, Arteettaan karra eegaan Arsenaal Daavid Raayaa mormi hudhamee, harki qabamee kubbaa galte oolchuu otoo danda'uu yakki waan irratti hojjetameef jechuun mallattoon murteessitootatti agarsiisaa ture.

Karra Tiroosaard Arsenaaliif daqiiqaa 83ffaa irratti galche dursa akka qabatu qofa otoo hin taane, Liigicha dursummaa isaa qabatee imala waancaa isaa tarkaanfiin tokko isa hafetti siqaa jira ture.

Haata'u malee, daqiiqaa dabalataa dhumaarratti taphataan Weestihaam jijjiiramee seene Kaalum Wilsan kubbaa 'Koornaa' irraa dhufte manii Arsenaal keessa buusee ture.

Yeroo kana ture murteessaan 'VAR' gargaarumuun akka murteessuuf kan yaanni dhihaateef.

Murteessaan kun Karra eegaa Arsenaal irratti yakki raawwatameera

Photos from Taakkalaa Boneyyaa Hirbaayyee's post 11/05/2026

DhBBBO’n Bara Baajata 2017 Bu’aa Odiitii ‘Qulqulluu’ Galmeessise!!
Finfinnee: Gabaasni xumura odiitii (Exit Conference) bara baajata 2017 qabiinsa herregaa fi qabeenyaa Dhaabbata [DhBBBO] irratti gaggeeffame, bu’aan isaa ‘Qulqulluu’ (Unqualified Opinion) ta’uun ifoomeera.
Bu’aan odiitii kun kan ibsame, marii Gabaasa Xumura Odiitara Alaa AABE (Accounting and Auditing Board of Ethiopia) jedhamuun bara baajata 2017 gaggeeffame irratti dha. Odiitiin kun Waajjira Ol’aanaa fi Dameelee sagal (9) jiddu-gala godhachuun kan dhiyaate yoo ta’u, qabiinsii herregaa fi qabeenya dhaabbatichaa qulqulluu ta’uu gabaasni xumuraa mul’ise jira.
Qabiinsi herregaa fi qabeenya dhaabbataa qulqulluu ta’uun isaa odiitara alaatiin mirkanaa’uun, dhaabbata tokko gara industriitti ceessisuuf bu’uura cimaa akka ta’e Daarektarri Daarektoreetii Faayinaansii, Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Obbo Gannanaa Assaffaa ibsani jiran,
Marii kana irratti maanaajimantii dhaabbatichaa, ogeeyyiin dhimmi ilaallatuu fi bakka bu’oonni Oromiyaa Agroo Giruuppii #(OAG) argamaniiru.Gabaasa dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atanii booda, hoggantoonni dhaabbatichaa kallattii fuula duraa kaayuun marii xumuramee jira.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf, nu hordoffa."

Photos from Taakkalaa Boneyyaa Hirbaayyee's post 11/05/2026

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kilaba kubbaa miilaa Nageellee Arsiif qarshii miiliyoona 50 deeggarsa taasisan

Mootummaan naannichaa seena gama ispoortiin jiru caalmatti jabeessuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiru.

Kilabiin Magaalaa Nageellee Arsiis bara kana yeroo jalqabaaf gara piriimer Liigii Itiyoophiyaatti olguddachuun maqaa godinichaa fi naannichaa beeksisuun dorgomaa cimaa piriimer Liigii Itoophiyaa ta'uun yeroo amma sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa kilabichi caalmatti dorgomaa ta'ee piriimer Liigii biyyaatti keessatti moo'ataa akka ta'uuf kilabicha hamileessuuf kan oolu qarshii miiliyoona 50 deeggarsa taasisanii jiru.

Taphattootni kilabichaas taphoota hafan xiyyeeffannoon taphachuun piriimer Liigii Itiyoophiyaa injifachuuf kutannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

Bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjii deeggarsa Pirezidaantiin naannichaa kilabichaaf taasisan galateeffataniiru

Photos from Taakkalaa Boneyyaa Hirbaayyee's post 11/05/2026

Baga guyyaa haadholiitiin isin geye haadha tiyyaa fi haadha manaa tiyya❣️ Umurii Harraagessaa isiniif haa kennuu🙏

10/05/2026

''Wajjiin Bulla Yoo jette /Qeensa qaradhu, addaan baana yoo jette qaladhu,'' jette Qanxoon/Cittoon.

10/05/2026

Gujiin dhimma Finfinneetti Bokkuun miila jala cabe san faroo laalaa jira. Worri asii garuu faroon maan akka ta'eeyyu hin beekanu🙄

10/05/2026

Yaa bara jennaan ha baraa dhiisii harka okkotee keessaa na baasi jedhe hattichi.🏃🙆

Want your school to be the top-listed School/college in Adola?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Adola