Ibn Qudama Academy For Islamic Study/أَكَادِيْمِيَّةُ ابْنِ قُدَامَة

Ibn Qudama Academy For Islamic Study/أَكَادِيْمِيَّةُ ابْنِ قُدَامَة

Share

Akkaadaamiin Barnoota Islaamaa Ibnu Qudaamaa Dhaabbata Barnootaa Amantaa Islaamaa Babal’isuuf Hundaa’eedha.

Kaayyoon Isaa Guddaan Barattootaaf Beekkumsa Amantii Sirrii, Bu’uuraalee Islaamaa, fi Afaan Arabaa Bifa Salphaa fi Hubatamaa Ya’een Dhiyeessuudha.

26/05/2026

🕌 ERGAA BAGA EID AL-ADAHAA (ARAFAA) BARA 1447FFAA BAGA GEESSANII 🕌
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
18/9/2018. Zulhijjaa 9/1447
Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroo, Ummata Muslimaa Kabajamoo Magaalaa Ciroo fi Naannoo Ishee Jirtan Hundaaf, akkasumas Ummata Muslimaa Addunyaa Guutuu keessatti argamtan maraan:
🌸 Baga Ayyaana Kabajamaa Iid Al-Adahaa (Arafaa) Bara Hijraa 1447ffaa Nagaan Geessan! 🌸” jechuun Ergaa gammachuu Dabarsee Jira.

Ayyaana kana irratti: 🤝 Hariiroo keenya haa jabeessinu
🤲 Harka wal qabannee haa tokkummaa Keenya Haa Agarsiifnuu.
💞 Hiyyeeyyii, warra rakkoo keessa jiran haa yaadannu
🕋 Rabbii keenyaaf ibaadaa, zikrii fi galata haa baay’ifnu
Akkasuma guyyaa kana keessatti: 📿 Tawbaa haa baay’ifnu
📖 Qur’aana haa qaraanu
🤲 Du’aa’ii fi istighfaara haa heddummeessinu
❤️ Wal jibbaa, wal irraa fagaachuu fi wal tuffachuu haa dhiifnu

📌Akkasuma Ayyaana Kana Yeroo Dabarsinutti Obboleeyyan Keenya Kan Muslimaa Aksum Keessatti Rakkachaa Jiranii fi Ulamaa'ota, Hayyootaa fi Hawaasa Keenya Kanneen Daaroo Labuu fi Hawwii Guddinaa Keessatti Sababa Garee Maqaa Waaqeffaataa Dahoo Godhatteen Osoo Haqa Qabnuu Haqni Keenya Dhukatee Doorsifamaa jiran, Namoota 14 Kanneen Haqaan Maletti Hidhamanii Guyyaa Gammachuu Kana Hidhaadhaan Dabarsaa Jiranis Yaadachuu Akka Hin Daganne.

🎙️ Hoogganaan Mana Marichaa Ahmad Hussen Abdallah Ergaa Isaanii Keessatti:
“Ummanni Muslimaa yeroo kamuu caalaa yeroo ammaa kana tokkummaa, obsaa fi sodaa Rabbii barbaada. Ayyaanni kun yeroo wal jaallachuu, wal gargaaruu fi Amaantaa Islaamummaa keenya Jabeeffachuun hojii gaarii cimsinuudha. Dargaggoonni keenya amala gaarii, salaataa fi beekumsa Islaamaa irratti jabaachuun Waardiyyaa Diin Tahuu Qaban. Hawaasni keenya nagaa, obbolummaa fi safuu Islaamaa tikfachuun mootummaa Keenya Waliinis Ta'ee Nageenya Isaa Eeggachuun Qaama Kamuu Caalaa Amantii Isaatiifis Waardiyyaa Ta'uu Qaba. Yeroo Ayyaanaa Kanatti Hawaasni Muslimaa Kan Rabbiin Laaffiseef Udhiyyaa Qaluun Miskiinaa fi Harka Qalleeyyii Keenya Nyaachisuu fi Wal Gargaaruun Dabarsuu Qabna. Rabbiin ayyaana kana kan nagaa, rahmataa fi milkaa’inaa nuuf godhu jechuun hawwina.” jedhanii jiru.

🎉 Irra Deebinee:
🕋 Baga Ayyaana Iid Al-Adahaa Bara 1447ffaa Nagaan Geessan! 🕋
Rabbiin: ✅ Qalbii Teenya nuuf haa qulqulleessu
✅ Hujiilee Gaggaarii Hunda nurraa haa qeebalu
✅ Biyya keenya nagaya Nuuf haa godhu
✅ Ummata keenya keessatti jaalalaafi tokkummaa nuuf haa babal’isu
🤲 عيدكم مبارك، وكل عام وأنتم بخير 🤲

📌 Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Ciroo
🕌 Eid Al-Adahaa 1447 Hijriyyaa

~Odeeffannoolee Keenya Kanneen Biroo Hordofuuf:👇👇👇

Facebook:
https://www.facebook.com/share/17xmWNXcDC/

Telegram:
https://t.me/+w0QDaNn-OSdiNjA0

WhatsApp:
https://chat.whatsapp.com/LuvZNwNdAYm8dEzLT9ZdW2

Tiktok:
https://www.tiktok.com/

25/05/2026

Majlisa-M/M/Dh/I-Bulchiinsa Magaalaa Ciroo. ✍️

Dhimmi Waa'ee Garee Amantaa dahoo godhachuun uummata muslimaa irratti Dhiibbaa Hammana Hin Ja'amne raawwataa jiranii fi Hawaasa Walitti Buusaa Jiranii Labuutii fi hawwii guddinaa keessatti akkuma itti fufetti jira.

Dhugaa Dubbachuuf Aanaan Lamaan Kun Bu'ura Haa Ta'uu Malee Maqaa Waaqeffataa Dahoo Godhachuudhaan Dhiibbaan Deemaa Jiruu fi Rakkinni Uumamaa Jiru Humnii fi Sadarkaan Isii Wal Dhabullee Aanota G/L/Hunda Keessa Akka Jiru Odeeffannoo Qabna.

Hanga ammaatti namoonni qaama hin beekamneen hidhamanii Aanaa jiran irraa fuudhanii bakka hin beeknetti dabarfaman namoota armaan gadii kana 👇

(( guddaan irraa))
(1)Kaliifaa Ahmed darsaa
(2) She yaasin dammaa Abdoo
(3) Kadiir biiftuu uttee
(4) Fatiyaa Ahmad dheeraa
( 5) Hasan idiriis maammad
(6) Abdii Haaji
(( labuu irraa))
(7)She Asraar Abdallaa
(8)Shek Abdurra'uuf Abdallaa Alii
(9)Shamshuu Usmaan
(10)Irkataa shamshuddiin nuure
(11)Nuuree bakar
(12)Jamaal Xaahaa
(13)Jamaaluddiin Ahmed sani
(14) Ammaar Shifarraa
Isaan kun aanoota itti hidhaman sanirraa fuudhamanii bakka hin beekamnetti hidhamanii jiru.
Haaluma kanaan wal qabatee akkuma doorsisaa fi hidhaan itti fufee kanatti ammas itti fufaa jira
hawwii guddinaa ganda jedhamu keessattis warroonni amantaa kana himatan ummata muslimaa irratti dhaadannaa garagaraa geggeessaa jiran jechuun achirraa nu dhaqqabee jira.
Wanni kun waan hawaasni muslimaa hundinuu ijumaan ilaalee callisu osoo hin taane waan tokkummaan kaanee hawaasa kanaaf sagalee taanee dirqama keenya bahuun barbaachisaadha.

Dhimma Kana Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa G/H/Lixaatis Jala Bu'ee Hordofaa Jiraachuu Quba Qabna Waan Ta'eef Waan Irra Gayan Dhaggeeffachaa Kan Deemnu Ta'a.

Photos from Majlisa-M/M/Dh/I-Bulchiinsa Magaalaa Ciroo.'s post 25/05/2026
21/05/2026

Hawaasa Muslimaa Biyyaa Keessaa fii Alaa Hundaaf Akkaadaamiin Barnoota Islaamaa “Ibn Qudama Academy ” Galmee isaa SM 1ffaa eegalee jira.

Ibnu Qudaama Akkadaamiin Gamtaa Ustaazota kan hundeeffame yoo ta’u,Ustaazota Ijaazaalee Sanadaa, Akkasuma Muuxannoo fi Dandeeytii qaban kan irra hedduun isaanii Jaami'aa/Univarsitiilee fi Koollejjiilee Islaamaa tan garaa garaa Irraa eebbifamanii Sadarkaa Diploomaa Irraa Hanga Mastarsiitti Gonfataniin Dabaalamee Galmee Barattoota Haarawaa Simisteera 1ffaa Eegalee Jira.

Namoonnii Barnoota Bu’a Qabeesaa Barachuu barbaaddan Inshaa Allahaa:- Lakkoofsota armaan gadi kanaa qunnama.

WhatsApp +251948576503
Telegram +251948576503
WhatsApp +25191 563 6302
Telegram +25196 366 6759
WhatsApp +25196 366 6759
Telegram +25191 563 6302

📄SHARE .♥️
Galatoomaa🙏

20/05/2026
Want your school to be the top-listed School/college in Addis Alem?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address

Addis Alem