Aanaa Psych

Aanaa Psych

Share

Real-life advice, motivation, and self-growth tips in Afan Oromo. Your daily dose of wisdom — Aanaa Psych.

14/01/2026

Geengoo kee ilaaluu hin irraanfatin, namoota baay'eetu achiitti dhidhimee hafe waan ta'eef

13/01/2026

‎"Guyyoota yookiin waggoota sitti fudhachuu danda'a, garuu gaafa waaqni barbaade wanti hunduu daandii isaa qabachuun hin oolu"

‎Uumaa Keef Amanami

12/01/2026

HIN SODAATIN

==============
Ni sodaatta taanaan,

👉Titiisatu kanniisomee dacheerra si kaachisaa
👉Harree koottu siin jedhee kuntaala si baachisaa

👉Haftuutu warqee malee gadi hin ba'u siin jedha
👉Yoo Nan tuffattu ta'e wahin si gorsuu fedha

👉Galmaaf kaata yoo ta'e waa'ee kufuu hin tilmaamin
👉Sodaa mitii sodaattuuyyuu mana Keetti ol hin waamin

👉Waanuma garte mara yaaddee sodaatta taanaan
👉Abadan abjuu taati "mullata koorra aanaan"

04/01/2026

𝗗𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝘂𝘂
‎....
‎Dubbisuun karaa ittiin wallaalummaa keenya irraa adda baanudha. Hanguma dubbisnu waan hin beekne barra, hanguma waan haaraa barru gammadaa taana, hanguma gammadaa taanu jireenyi keenya ofii keenyaafis tahee namoota biroof hawwataa ta'a!

‎Kanaaf dubbisuun waan baay'ee murteessaa jireenyi nurraa barbaaddudha.

Egaa, kaayyoon fuula kenyaas kanuma. Dubbisuuf fagoo deemuun isin hin barbaachisu. Beekumsafi ogummaa qindeessinee guyyaan guyyaan isin biraan geenya. NU HORDOFAA!

02/01/2026

Bara namoonni dhoksaan si jibbaa si waliin walitti dhufeenya qabaachuu barbaadan keessa jirra. Siif harka hin rukutani, si hin gargaarani, si qo'achuuf si hammatu, si kuffisuuf gadi si xiqqeessanii siin dorgomu.. Nagaa kee eegi, Xiyyeeffannoo kee qabaadhu. Namoonni geengoo kee keessa jiran hundi golee kee keessa akka seenan gonkumaa hin hayyamin.

Follow

31/12/2025

Gatii Amanamummaa

‎Bara 2013tti namni mana hin qabne maqaan isaa Biilii Reey Haaris jedhamu, qodaa ittiin karaatti bahee kadhatu keessaa, qubeelaa doolaara 4,000 tti baasu argate.

‎Qubeelaa kana kan gate Dubartiin tokko osoo isa deeggaruuf jettuu akka tasaa harkaa bu'ee ture. Guyyaa lama booda dubartiin kun gara kadhataa kanaatti deebite. Kadhataan kunis qubeelaa ishee kana deebisee kenneef.

‎Dubartiin kun nama kana galateeffachuuf jecha doolaara 4,000 walitti isaaf qabuuf jettee, fandii hundeessite. xumuura irratti doolaara kuma 185 ol namicha kadhataa kanaaf walitti qabuu dandeesseetti.

‎ BEEKI,
‎Yoo amanamaa taate, waaqni kee fi hilliinaan kee dachaa Kuma kanaa siif kanfalu!

30/12/2025

‎𝐎𝐟_𝐀𝐣𝐣𝐞𝐞𝐬𝐮𝐮_𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚_𝐇𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚
‎𝐁𝐢𝐥𝐢𝐲𝐞𝐞𝐧𝐚𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢

‎✍J.K Rowling jedhamti. Dubartii biyya Ingiliziiti
‎Yeroo tokko jireenyarraa abdii kuttee of ajjeesuu yaaddee turte.

‎Barreessituu cimtuu fi ogeettii cimtuu ta’uuf ijoollummarraa kaastee fedhii qabdi turte. Garuu haalli hin mijanneef. Waggaa 17tti koolleejjii seenuuf iyyattee fudhatama dhabde. Waggaa 25tti harmeen ishee dhukkubsattee jalaa boqatte. Du’a harmee isheetiin kan kahe gadda guddaa keessa seente, gadda sana keessaa bahuuf gara biyya Portugal deemte. Achitti afaan Ingiliffaa barsiisuu jalqabde.

‎✍Sana booda achittii nama biyya Portugal tokko waliin wal barte.
‎Nama Portugal kana waliin erga wal baranii booddee itti heerumte. Haa ta'utii garuu Waggaa tokko booda gaa’elli ishee ni diigame. Sana booda ulfa waan taateef battaluma gaa'eelli ishee diigameen mucaa deesse.

‎✍ Da’umsaa booda hojii itti fufuu waan hin dandeenyeef hojii ishee addaan kutte. Nama gargaaru dhabdee gargaarsa mootummaatiin jiraachuu jalqabe. Haalli kun ‘Depression’ guddaa keessa ishee galche, umrii ishee waggaa 30tti of ajjeesuu yaadde😔

‎🔺Kana hunda keessatti yaada ishee barreessuu hin dhiifne. Kaaffee deemtee mucaa ofirra raffistee barreessiti. Kitaaba ishee barreessitee erga fixxee booda mana maxxansaa tokkotti erginaan fudhachuu didan. Ammas abdii kutuu dhiistee kan biraatti erginaan fudhachuu didan. Walumaa galatti mana maxxansaa 12tu kitaaba ishee gatii hin qabu jedhee maxxansuu dide.
‎Maarree isheenis Kitaaba ishee kana maxxansiisuuf jettee dhamaatii guddaa fi aarsaa gurguddaa kaffaluu ishee ittuma fufte.

‎✍Egaa, dhumarratti manni maxxansaa tokko maxxansiisudhaaf tole ittiin jedhan. Isayyuu mucaa hoogganaa mana maxxansaa sanatu dubbisee mucaan sun kitaaba sana jaallannaan, hoogonaan mana maxxansaa sun fedhii mucaa isaa eeguuf jedhee tole jedhe.

‎Kitaabichi “Harry Potter” jedhama. kitaabni kun addunyaarratti afaan adda addaa 73tti hiikameera. Akkasumaas Copy Miliyoona 500 caalutu gurgurame.

‎✍J.K. Rowling barreessituu dubartii yeroo jalqabaaf Biliyeenara taatedha. Gatiin "Harry Potter" fiilmiiwwan kitaabicharratti hundaa’anii barreeffaman waliin har’a doolara biliyoona 20 caala.

‎Barreessituun kitaabichaa badhaasota akka addunyaatti qophaa’an baay’ee argattee jirti.

‎Dubartii yeroo tokko abdii kuttee of ajjeesuu yaaddetu har’a sadarkaa kanarra jira.

‎GAAFFIIN KOO::

‎✍🏿Abdii kutuu yaaddaa?
‎✍🏿Kana booda nama hin ta’u jettaa?
‎✍🏿Galma hin ga’u jettaa?
‎DEEBIIN KEE MAALI?

‎DHAAMSA KOO
‎Jireenyi yeroo tokko tokko akka taphattoota dirree kubbaa miilaa seenanii osoo score 1 hin galmeessisin dirree keessaa bahanii sitti fakkaachuu danda'a taha.
‎Garuu kun yeroodhaaf tahuu isaa beeki.
‎Jireenyii jalqabaa akka nama kubbaa mukatti hidhee ittiin taphatuutti siin taphatti. Booddee garuu dabaree kee situu ittiin taphata!

‎KANAAFUU ABDII KUTUU DHIISI!

‎Icciitii jireenya baruuf Follow godha

26/12/2025

Yoo umrii kee waggaa 20moota keessaa dhibbeentaa 95% qaama kee, yaada kee, fi kiisa kee ijaaruu irratti dabarsite, jireenya kee itti aanu keessatti wanta feete hojjachuuf bilisummaa siif kenna. Dura of ijaari. Wanti kaan hundi isa booda dhufa.

𝗔𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗽𝘀𝘆𝗰𝗵 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝗮𝗮

24/12/2025

𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗴𝗼𝘀𝗮 𝟱𝘁𝘂 𝗷𝗶𝗿𝗮

‎‎𝟏.𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚𝐚 𝐨𝐟 𝐟𝐚𝐤𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮.
‎Namni akkasii balaa dha. Hubannaan isaa sobaa si dogoggorsuu danda’a. Kanaaf, irraa fagaadhu!

‎𝟐.𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐚𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐚𝐬 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐮.
‎Namni akkasii ogeessa dha. Gaaffiifi fedhiin isaa sadarkaa kee ol guddisa. Kanaaf, barbaadii isaan waliin jiraadhu!

‎3.𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞, 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞 𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮:
‎Namni akkasii barachuuf sammuun isaa banaadha. Kun amala namoota boru bakka guddaa gahaniiti. Kanaaf,yeroo hunda barsiisi!

‎𝟒.𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞, 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞𝐬 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐧𝐞, 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐟𝐢𝐬 𝐟𝐞𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐞.
‎Namni akkasii gowwaa dha_irraa fagaadhu!

‎𝟓.𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐭𝐨𝐨’𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮.
‎Namni akkasii malaammaltuu dha. Sammuun isaa of-tuulummaa isaa qofa tajaajila. Irraa Of eeggadhu!

Guyyaa guyyaan beekumsa haaraa argachuuf nu hordofaa!!

21/12/2025

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗛𝘂𝗯𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗕𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗦𝗮𝗱𝗶𝗶 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗗𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝗱𝗵𝘂!

‎1.𝑯𝒐𝒔𝒑𝒊𝒕𝒂𝒂𝒍𝒂
‎Jireenyi akkam akka laafaa fi dadhabaa ta’e si hubachiisa. Dureessaafi Hiyyeessis achitti walfakkaatu; meeshaalee walfakkaataa irratti hidhamanii, yeroo dabalataaf waaqa kan kadhatan argita. Fayyaan qabeenya dhugaa akka ta’eefi kan biraa hundi sagalee wacaa ta'uu hubatta.
‎2.𝑴𝒂𝒏𝒂 𝑯𝒊𝒅𝒉𝒂𝒂
‎Dogoggorri tokko, hiriyyaan badaan tokko, yookiin dallansuun tokko jireenya guutuu akka balleessu hubatta. Bilisummaan dhugaa fi murteen sirrii qabeenya guddaa ta'uu baratta.
‎3.𝑨𝒘𝒘𝒂𝒂𝒍𝒂
‎Maqaan dhagaa irratti barreeffame qabeenya, bareedina, yookiin sadarkaa hin agarsiisu. Guyyaa dhalootaa fi du’aa qofatu barreeffamee Jira. Jireenyi gabaabaa akka ta’eefi kan hafu immoo jaalala,gaarummaa fi eenyummaa dhugaa qofa akka ta'e hubatta.

‎Ilma koo: Fayyaa kee, bilisummaa kee fi jaalalaaf dursa kenni. Isaan qofatu jireenya keenyaaf hiika dhugaa kenna waan ta'eef!

‎ 𝕃𝕒𝕗𝕒 ℕ𝕒𝕘𝕒𝕒 𝕆𝕠𝕝𝕒𝕒!!

20/12/2025

Barnoota guyyuuf fuula keenya Follow godhaa

19/12/2025

Dhugaa moo Soba?

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address

Addis Ababa