23/04/2026
Jawar Mohammed
Firfaarii fi hafteen kaadireen siif darbattu akka ati itti duultu si gochuu danda'a. Siyaasni faayidaa xixiqqoo sitti afuufamee sitti fakkaachuu mala. Qoriin ati irraa nyaattu afaan si qabee, Mooraan gantuu fi hattuu ati keessa jirtu akka ati dhugaa dabsitu si dirqisiisee Jawariin maqaa balleessuuf akka si iyyisiisu sin hubadha. Jawaar jechuun garuu isuma kaleessa gaafa ati yoo sibiila diimessanii fagaaratti si suuqan iyyuu Oromummaan kee sitti hin dhaga'amne sana " I am Oromo first" jecha jedhuun si dammaqsee akka ati afaan guuttattee "An Oromoodha" jedhu si taasise sanadha. Jawaar jechuun Qabsoo Oromoo waggaa meeqa naafatee lafarra harkifataa ture humna itti godhee, Qeerroo biyya keessaaf biyya alaa ijaaree, Qabsoon FDG Akka hin buqqaanetti gadi dhaabee si agarsiisedha. Jawaar jechuun firfaarii fi harcaatuu ati har'a funaantee isatti duultu kana akka argattu kan si godhe, Warra ati sagadduuf kanayyuu kan Oromummaa barsiisee aangoo argachiise eenyuun dura Jawaar Mahaammadidha.
Sin hubadha bro. Gootummaa Jawaar, Hayyummaa Jawaar, Bilchina Jawaar, Cichoomina Jawaar hanga an sitti himu caalaa garaan kee sirriitti beeka. Waan asirratti odeessaa ooltu kana sammuun kee itti amanee osoo hin taane garaan kee si dirqisiisee akka ta'e naaf gala. Garuu, Kaleessa gaafa Jawaar biyya jiru waliin suuraa ka'uuf, Harka isaa Ziyaaruuf Dabaree eeggataa turtee har'a haqa Hiyyeessaatiin, Dhiiga Oromoo dhangala'een erga garaa guuttattee booda Isa ati Jawaariin personality isaa Attack gochuuf, xiqqeessuuf yaaltutu na aarsinaan malee garaa fi garaachikee akka si gabroomsee si dubbachiisu naaf gala.
Hundaafuu, waan funaannattu funaannadhu. Har'aaf bakkuma jirtuu coradhu. Guyyaan ati akkuma gaafa duraa sana Jawaariin faarsitu, Jawaariin galateeffattuu fi jajju sun fagoo miti. Siyaasni ati deeggartu hangam faallaa kan Jawaar ta'ullee, Gurmuun ati keessa jirtuu fi gartuun qoonqoon si bitanii si ergatan sun iyyuu har'a faayidaan dhuunfaa Afaan isaan luugameeti malee, jarrumt
08/04/2026
07/04/2026
06/04/2026
06/04/2026
06/04/2026
07/11/2022
12/10/2022
18/08/2022
22/07/2022